Beekumsa Abbootii Dachee kan qilleensaa fi tibbaa

Approaching storm

A storm approaches off eastern Australia. Credit: Jeremy Bishop/Unsplash

Tarii tibbanoota afran ni beekta taha – Bona, Arfaasaa, Gannaa fi Birraa – garuu ummatootni Saboota .Jalqabaa yeroo dheeraa irraa jalqabanii kana caalaa akka isaan beekan ni beektaa? Bakka jiraatan irratti hundaawee gartuun Abbootii Dachee tibbanoota hanga jahaa gahan waggaatti yeroo hunda ni argan.


Tuqaalee Ijoo
  • Ummatni Saboota Jalqabaa, waa’ee beekumsa kanaa oduu afaanii, dhagaa irratti waa dibuu, cirracha irratti waa tolchuu ykn fakkoo tolchuutiin ibsu.
  • Haalli qilleensaa Australia hedduu gara garummaa qaba. Naannoo irratti hundaawee, qilleensa giddu-galeessa, gammoojjii ho’aa fi badda jalee tahe qaba.
  • Beekumsi Qilleensaa Saboota Jalqabaa amala dachee fi bineensi agarsiisan irraa naannoo irratti jijjiirama tahaa jirutu hubatachuu irratti hundaawa.
Haala qilleensaa fi tibbanoota hubachuun beekumsa aadaadhaan Aborijinaaloti fi Torres Strait Islander qaban kan isaa waggoota kumoota kudhanii keessa guddifatanii dha.

Haalli qilleensaa, jireenya beyiladaa fi biqoltuu murteessa; kana hubachuun ammo Australia keessatti yeroo tibbanni hammaatuu fi yeroo haalli dachee gaga’ama keessa seentu dhalli namaa dandamachuu fi ittisa baruuf carraaqu keessatti kanneen kun wal qabatoo tahuu isaanii beekuu barbaachisa.

Falaasamni Saboota Jalqabaa waan hundi wal qabataa dha, jedha. Akkaataa aadaa fi hubannaa baroota dhibbootaan herregamuuf ummatoota Aborijinaa fi Torres Strait Islander dhimma naannoo, haala qilleensaa fi tibbanoota jijjiiraman ilaalchisee haala kanneen kun dhala namaa, beeylada fi umama naannoo jiru waliin wal hidhata isaan qaban ibsa.

Shinbirree muka irraa ilaalanii ganni ykn bokkaan dhufaa jiraachuu akka itti ibsan qabu. Daraaraan biqiltuu fi mukaas jijjiirama tibbaa yeroo irraa yerootti jijjiiramu ittiin ibsan ni qaban.

Aunty Joanne Selfe dubartii Gadigal kan taate handaara gara bahaa Australia irraa waa’ee haala qilleensaa, tibbaa fi umama naannoo maatii fi hawaasa ishee irraa barachaa guddatte.

"Walitti hidhata haala qilleensaa, tibbanootaa fi umama naannoo hubachuun ummatni hundi dandamachuuf waan beekuun isaan barbaachisuu dha. Ummatoota Saboota Jalqabaa, hubannoon nuti wal hidhata kanaaf qabnu umama naannoo wal harcaasaa jiru kana keessa deebinee akka hubannu nu gargaara," jedhti Aunty Joanne yeroo ibsitu.
Native Christmas Tree
Moodjar, the native Christmas tree Credit: TerriAnneAllen/Pixabay
Taatota haala qilleensaa irratti beekumsi abbootiin Dachee qaban – kan akka haala bubbee qilleensaa, Caamsaa ykn gogiinsaa lafaa dacheen Australia akka dandamatuuf murteessaa dha.

“Ardii keenya kana taatewwan haala qilleensaa miidhan hubannu ni jiran. Bubbisa qilleensaas ykn gogiinsi lafaa akka itti ummatooti Saboota Jalqabaa itti of qopheessan fi dandamatan beekumsa kuufatan ni qaban. Yeroo haalli qilleensaa dhala namaa hunda ni miidha jedhnu, akkaataa itti to’annu beekuu jechuu dha. Beekumsi keenya akkaataa itti nagahooma keenya eeggannuuf nu gargaara," jedhti Aunty Joanne.

" Akkaataa itti qilleensi uumama hunda miidhu yeroo ilaallu, yeroo baayyee to'achuu barbaadna - beekumsi keenya nagahooma keenyaa eega. Diarra-murrahmah-coing jechuun, aduun diimatte, jechuu dha. Kana jechuun bor qilleensi gaarii tahuu mul’isa.”

Gama handaara gara bahaa Australia, barannoota Beekumsa Abbootii Dachee University Murdoch irraa Jordan Ah Chee dhalootaan naannoo Kimberley irraa ummatoota Bindjareb, Wardandi, Palyku, Nyikina, fi Yawuru waliin hidhata jiru irraa ka’uu dhaan akkas jedhti.

Ummatni keenya tikfattee dha, garuu kana jechuun bakka ykn qe’ee bakka tokko keessa turan hin qaban akka jechuu nu fakkeessa.

"Yaadni ummanni keenya godaantoota ture jedhu kun jira, garuu gosti sun bakka dhabuu ykn mana dhabuu fakkeessa."
Nuti tibba qilleensaa waliin sossoona. Bakka irraa bakkatti akkaataa itti dandamannu irratti sossoonas.
Jordan Ah Chee
"Ummatni Aborijinaa fi Torres Strait Islander haala qilleensaa, umama naannoo, dachee fi bishaan fi samii waliin beekumsa isa gargaaru barootaaf guddifate qaba. Dachee kana irrattis akkaataa itti dandamatu qaba. Kana jechuun waan hundi wal qabataa tahuu ibsa.”

Ummatooti Saboota Jalqabaa dachee, samii fi bishaan waliin wal hidhata ni qaban; dachee kana irratti jijjiirama isaan qaban hubannoon jiru ni calaqisa jedha ibsi Ah Chee irraa kenname.

"Beekumsa warreen dhihaa irraa adda kan tahe tibbannii fi dhahatni (calendar) waggaa beekumsa of danda’ee dha. Tibbanni akkamii dhufaa akka jiru ni beekama. Amala dachee fi bineensi agarsiisan irraa naannoo irratti jijjiirama tahaa jirutu hubatama. Waggaa keessatti yeroo akkamii midhaan gosi akkamii akka biqiluu fi argamu ni beekama. Eessatti akka biqiluu fi yeroo akkamii akka biqilus beekuun ni danda’ama. Kun hundi jireenya keenyaaf nu barbaachisu," akka Ah chee jedhutti.

"Waggaa keessatti yeroo akkamii midhaan gosi akkamii akka biqiluu fi argamu ni beekama. Eessatti akka biqiluu fi yeroo akkamii akka biqilus beekuun ni danda’ama. Kun hundi jireenya keenyaaf nu barbaachisu.”
Burning fuel load
Fire stick farming Credit: Christian Bass/Unsplash

Haala qilleensaa fi tibbaa beekuun biyyaa fi dacheef kunuunsa kennuuf beekumsa Sabooti Jalqabaa dhimma itti bahanii dha.

“Kanaaf, tarii yaadni jalqabaaf nuuf dhufu dhimma ittisa ibidda bosonaa tahuu danda’a. Kunis akkaataa itti ho’iinsa balaa ibddaa dhaqabsiisan, boba’aa dachee irraa xiqqeessan tahuu danda’a," jedhti aunty Joanne.

"Kunis dhugumaan wanneen lubbuu qaban, baala mukaa nyaatanii jiraatan akka isaan dandamatan gargaara."

Australia keessaa jijjiiramni yeroo isaa eege tahu haala teessuma lafaa irratti hundaawee akka wal jijjiiru ummatootni Saboota Jalqabaa waan ibsan ni qabu.

Dhiha Australia gara naannoo Kibba-dhihaa, naannoo Noongar jedhamu, waggaa keessatti tibba jaha wal jijjiiran. Birraan jalqaba Baatii Muddee keessa eegala. Yeroon kun yeroo qilleensi ho;uu eegaluu fi birraan bari’uu dha.

“Ho’i qilleensaa akkasii kun ho’iinsa, aduu fi abidda agarsisia. Yeroo akkasii birraan kan ijoollee ti jedhama. Ni gammadu, ni kabajatus. Waan lubbuu qaban hundi gara qilleensaa fi aduutti bahanii qammatu, Baallee fi gogaa isaanii of irraa harcaafatu. Ilmaan shimbirroo mannee ishee keessaa alatti gadi yaati. Ilmaan bineensaa illee bahanii of danda’anii bakkee keessa yaa’u. yeroo akkasii daraaraa bifa keellootu heddummata," jechuun ibsa Ah Chee.

" Yeroo jijjiirama qilleensaa addaa akkasii Daraaraa keelloon ni mul'atu, Daraaraan kun moodjar, ykn (Christmass tree) jedhama. Muki kun ummata Noongar biratti beekamaa dha. Yeroo akkasii gubaa aadaadhaan ummatni kun taasisu ni jira.”

Urjooti samii keessaa, kan ji’aa fi marsaan ishee haalli qilleensaa wal jijjiiraa jiraachuu kan ummatni Saboota Jalqabaa ittiin beekanii dha.

“ Beekumsa Saboota Jalqabaa keessatti teessuma ji’a garaa samii keessaa ilaalanii bokkaan roobuuf jiru akkam akka tahuuf jiru ni beekan. Cabbiin harcahu, duumessi cabbii gara samii keessa ji’atti marsee jiru akka itti ibsamu qaba. Yeroo ammaa kana illee saayinsiin akka himutti haalli roobaa fi qilleensaa jijjiiramni guyyoota tokkoo fi lama keessa tahan akka itti ibsaman ni qaban.”

Yeroo ji’i samii keessaa teessuma ishee jijjiirrattus waan ittiin ibsan ni qaban.

Yeroo tokko tokko ji’i garaa samii keessaa akka isheetti hin argamtu. Tarii gar tokkotti cillaanfattee argamti. Yeroo akkasii qilleensi duraan hin turin dhufaa akka jiru ibsa," jedhti Aunty Joanne.
Halo around the moon
A moon halo Credit: Geoffrey Wyatt
Ummatni Saboota Jalqabaa, waa’ee beekumsa kanaa oduu afaanii, dhagaa irratti waa dibuu, cirracha irratti waa tolchuu ykn fakkoo tolchuutiin ibsu.

“Sydney keessa bifa fakkootiin wal tolchame ni jira. Dhugaa dubbachuuf isaan keessaa addatti kan mul’atu dhagaa Fakkii Ji’aa kan ibsuu dha. Kunis fuula saddeti ji’i of keessaa qabu mul’isa. innis kan Biaime's boomerang uumeen jalqaba," jechuun yaada ishii qooddi Aunty Joanne.

"Kun baayyee barbaachisaa wanta inn taheef ,Gaddy jedhamuun kan beekamu kan dubartootni keenya itti bahan bakka Warrang jedhamu naannoo riqicha Sydney Harbour qurxummii adamsuuf deemanii dha. Yeroo ji’i samii keessaa walkkaan mul’attu qurxummiin akkamiin akka argamtu agarsiisa. Ijoolleenis achitti ni argamu, qurxummii qabachuuf ji'atti fayyadamna. Haala ji'a sani irratti hundoofnee qurxummiin yeroo itti argamu beekna."

Haalli qilleensaa Australia hedduu gara garummaa qaba. Naannoo irratti hundaawee, qilleensa giddu-galeessa, gammoojjii ho’aa fi badda jalee tahe qaba.

Hawaasa Abbootii Dacheetiif tibba qilleensaa jechuun haala qilleensaa guyyota hordofanii ibsan osoo hin taanee, haala biqiltuun lafa irraa fi beeladootni umama naannoo isaanii waliin qaban ibsuu tahuu hubanna. Kana jechuun tibbanoota afran wal jijjiiran caalaa haalli qilleensaa Australia sana irra bal’aa tahuu agarsiisa.

Aadaan Abbootiin Dachee umama naannoo isaanii fi dachee isaaniitiif qaban hunde qabeessa, kan nuti waa hedduu irraa barannuu fi raajeffannuu dha.

For further information about Indigenous weather knowledge, visit:
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to 

Share