Australia keessatti saamicha irraa of eeguuf seeraan hangam deemuu dandeessa?

Robber breaking in house

The key element in the robbery is that the victim is directly confronted or threatened during the commission of the crime. Credit: South_agency/Getty Images

Australia keessatti, saamichi akka hannaa qofatti hin ilaalamu- garuu hiikkaa seeraa adda tahe kan qabu fi kan itti nama gaafachiisu dha. Qophii Aurstralia Ibsu jedhu kana keessatti gosoota yakkaa, kanneen akka hannaa dabalatee ilaalla. Ija seeraan akkamitti ilaalama? akkamiin of-eeggatta? Gargaarsa akkamtu siif jira? Maaltus si mudatuu mala?


Tuqaalee Ijoo
  • Saamichi humnaan ykn humnaan doorsisuun nama biraa irraa qabeenya hatuu of keessaa qaba.
  • Hanni jechuun hayyama isaa malee fi humna osoo hin fayyadamin qabeenya nama biraa fudhachuu of keessaa qaba.
  • Humni ati of-irraa ittisuuf itti fayyadamtu doorsisa sanaan walmadaalu qaba.
Haga ammaatti manni jireenyaa ykn daldalli kee hattuun hin cabsamne yoo tahe ati carra qabeessa.

Hattuu of irraa dhorkuu kan jedhu – dhaamsa yeroo hedduu irra deddeebi’amee warreen furtuu tolchan (locksmiths), gorsitoota tikaa fi jiraatota Australia keessa yeroo dheeraaf jiraatan irraa dhagahamuu dha.

Seeraa Australia jaljalatti saamich maal akka tahe hubachuu

Australia keessatti, saamichi akka hannaa qofatti hin ilaalamu- garuu hiikkaa seeraa adda tahe kan qabu fi kan itti nama gaafachiisu dha.

Jiraataan sydney fi abbaan seeraa yakkaa Alex Cao , saamichi qabeenya namaa sodaachisuun ykn humnaan hatuu dabalat jedha.

Dhimmi ijoon asi irratti, doorsisni ykn sodaachisni yeroo samichaa sana nama mudateera.

Hanni, karaa biraa kutaa biyyaa gara garaa keessatti akka adda addaatti hiikama, garuu walumaa gala ehama nama sanii malee qabeenya namaa utuu humna hin fayyadamin fudhachuu dabalata. Ijoon garaararummaa hannaa fi saaminsa gidduu jiru hanni kallattiin nama sodaachisuu ykn oorisaa malee taha.

Obbo Alex yakkuma kana fakkaatu kan mana cabsanii seenuu dubbata.

“Mana cabsuun yeroo hayyama abbaa manichaa malee humnaan kanneen akka mana jireenyaa, bakka daldalaa, bakka kuufama daldalaa cabsanii seenanii yakka raawatan, yeroo hedduu hanna kan ilaalu tahee, garuu qabeenyaa fudhachuu ykn oriisaa geessisuus kan of keessaa qabu yeroo tahuu dha," jedha Alex.
shoplifter in the electronic store supermarket stealing new gadget f
Theft involves taking someone else's property without their consent and without using force. Source: iStockphoto / Михаил Руденко/Getty Images/iStockphoto

"Hire-eegdota yakkaa"

Tej Panesar, jiraataan Melbourne keessaa, bara 2023 keessa yakki kun isa mudatee ture. Akka tasaa tahee yero hanni kun gaggeessametti innii fi maatiin isaa qe’ee isaanii keessa hin turre.

Ulaa balbalaa kan gara fuula duraa banachuu hin dandeenye. Balbala karaa boroo jirus banuu hin dandeenye. Sababni isaa akka gaariitti cufaan isaa tolcahmee jira. Garuu kara foddaa mana nyaataa keessaa cabsanii seenan. Akka seenaniin kan mallattoo kennitu (security system) buqqisanii bakka dhiqannaa qodaa mana nyaataa keessa buusanii bishaan itti naqan," jedhe obbo Panesar.

Obbo Panesar akk jedhutti qabenya isaanii yeroo hedduu bakka eegumsaa qabu kaayyatu. Garuu yeroo tokko tokko jannatoo (jewellery) yeroo qophiin gara garaa fi fuudhaa fi heerumni jiruuf jecha mana isaaniitti of biraa qabu." jedhe obbo Panesar.

Egaa, hiree akkasii argatanii haxxummaadhaan hatan. Polisiin hordoffii taasisaniin nutti himan. Akka ol seenaniin gara mana Kutaa hirribaa seenanii waan achi keessa jiru babbananii jannatoo jiru guutummaa isaa argatanii fudhatanii deeman," jechuun ibse obbo Panesar.

Obbo Panesar akka jedhutti miidhaan hannaa cimaa dha – sammuu fi maallaqa irratti miidhaa nama irraan geessisa jedha.

"Qofaa keenya mana keessa jiraachuu ni sodaanna. Kanaaf yeroo hedduu namni lamaa ol mana jiraachuu barbaadna. Halkan yeroo rafnu mana hirribaa keenya cancalla. Sababni isaa yeroo isaan dhufan yoo mana keessa jiraanne akka miidhaa nu irraan hin geessifneef jedhnee ti.”
High Angle View of Two Robbers Robbing a Cash Till and Threatening a Shop Assistant with a Gun
The force you use to defend yourself from thieves must be proportionate to the threat. Credit: Flying Colours Ltd/Getty Images

Of-irraa ittisa

Ofii kee fi qabeenya kee saamicha hannaa (robbery) irraa eeggachuun waan tahuu qabuu dha, garuu akka seeraatti Australia keessatti hanga kam irraa of dhorkuu dandeessa?

Abbaan seeraa yakkaa alex Cao akka ibsutti of-ittisuu, ykn nama kan biroo of irraa dhorkuu kan jedhu keessatti ilaalla. Kutaa biyyaa fi daangessa biyyattii keessatti of ittisuu ilaalchisee seerri gara garaa ni jira.

"Garuu akeekni of irraa ittisuu keetii tarkaanfii akkasii fudhachuuf barbaachisaa tahuu itti amanuu danda’uu qabda. Tarkaanfiin humnaa ati fudhattus kan haala yakkichaan wal madaalu tahuu qaba. Lubbuun keenyaa balaa jala seenee jira yoo tahe yeroo sanatti of irraa faccisuuf jecha tarkaanfii humnaa fudhachuu malta taha. Kun kan tarkaanfii ol'aanaa fudhattu yoo lubbuun kee balaa jala seene tahe dha. itti fufteedhuma ega dubbiin qabbanaawee nama sana miidhuu hin qabdu," jedha.

obbo Alex, Yoo manni ykn bakki daldala kee hatamee jira tahe, ala dhaabadhuu yerooma sana lakofsa duwwaa sadeen (000) rukutii polisii itti yaami jechuun gorsa.

Miidhamtootaaf gargaarsa jiru

Hattuun mana cabsitee seenuun dhugumaan yaaddessaa dha. Gaarummaan isaa nama miidhaan irra geessisame kan gargaaru sirna isaa Australia ni qabdi.

Sarah Quick Komishineera sadaffaa

Mallattoo qalbiin jeeqamuu fi miidhamuuf irraa dandamachuu waan gargaaruuf gargaarsa barbaachisaa tahe argachuu fi akkamiin akka argatanis beekuun barbaachisaa dha jedhti.

“Yeroo hedduu namoonni yakki irra geessifame gorsa qalbii tola kennamuuf argachuu danda’an ni jira. Akki itti gorsi kun kennamu kan Kutaa biyyaa wal irraa adda adda tahuu mala, garuu gorsi qalbii kun takkaa iyyuu tola kennma ykn maallaqa bakka biroo irraa kennamuun gaggeessamuu mala." jechuun ibsiti aadde Sarahan.

Mana cabsanii hatuun nama duraa hatame irratti miidhaa maallaqaa hedduu irraan gahuu danda’a, keessattuu yoo miidhaan qaamaa fi qalbii taheef wallaansaaf maallaqa dabalaa barbaachisuu mala.T okkoo tokkoon Kutaa biyyaa nama yakki irratti raawatameef gargaarsa maallaqaa ykn hirpha (compensation) akka itti kennuuf ni qaba. Sagantaan akkasii kun baasii maallaqaa wallaansaaf tahu gargaaruuf jedhamee ti, garuu kan seerri hayyamuuf fi akki itti iyyannaa naqatanis adda addummaa qabaachuu danda’a jedhti itti dabaltee.

Haa tahu malee, Kutaalee biyyaa hedduu keessatti fi daangaa biyyattii keessatti yoo qabeenyi hatamee fi miidhaa qabeenyaa irra geessisameef hirpha argachuun hin danda’amu.

"Namni qabeenyaa duraa hatameef hirpha gaafachuu hin danda’u. hirphi walumaa gala yakka hamaa fi kan namni sababa saamicha sanitti hidhateen gar-malee itti qaamaa fi qalbiin miidhame yoo tahe qofa, "jedhti.
Neighbourhood Watch Victoria.jpg
Neighbourhood Watch Victoria is a community-led crime prevention organisation, and similar groups exist nationwide.

Nageenya eeggachuu

Bambi Gordon, itti-mataan Ollaan Waliif Tiksuu Victoria () kanneen hire-eegdota yakkaa(opportunistic crimes) dhorkuu irratti gorsa tokko tokko kenniti.

“Hiree akkasii kana duraa maqsinee hanga tokko akka fedhii isaanii guuttachuun isaan rakkisu taasisuu dandeenya. Waan xixiqaan irraa ka’amu ulaa blbalaa fi balbala mana duubaa yeroo mana jirrus tahe yoo mana hin jirru tahes cancaluu, akka hattuun keessa hin dhokanneef urufa mana keenya bira yoo jiraate ciruu fi ollaan akka mana keenya saphlattii nuuf ilaaluu danda’an taasisuun ni gargaara," jedhti aadde Gordon.

Ollaan Waliif Tiksuu Victoria (Neighbourhood Watch Victoria) kan jedhu dhaabbata hawaasaan gaggeessamu yaakka dhorkuuf utubame guutummaa biyyattii keessa bifa wal fakkaataa taheen hojjatuu dha. Akeekni isaa inni guddaan walitti siqeenya Hawaasa gidduu jiru jabeessuu, akka jiraatoti ollaa isaanii keessatti wal baranii fi wal gargaaran, sochii shakkisiisaa akka waliif ilaalan, fi waliif tumsan taasisuu dha.

Dhaabni kun wanneen nama gargaaran kan daldala, qe’ee fi Nageenya konkolaataa ofii ittiin to;atan sarara interneetaa irraan dhiheessu ni qaba. Kunis afaanota gara garaa shaniin jira asi daawwadhaa

Mirga miidhamtootaa irratti caalaa hubachuuf dhaabbilee armaa gadii kana qunnamaa.
ACT 
Victim Support, Human Rights Commission 
  
(02) 6205 2222 
NSW  
Victim Services  
victimsservices.justice.nsw.gov.au 
Victim Access Line 1800 633 063  
Aboriginal Contact Line 1800 019 123  
NT 
Victims of Crime NT  
 
Qld  
Victim Assist Queensland  
 
1300 546 587 
SA  
Victims of Crime SA  
  
(08) 7322 7000 
Tas  
Victims Support Services  
 
1300 300 238  
Vic  
Victims of Crime  
 
1800 819 817  
WA  
Victim Support Services  
 
1800 818 988 or (08) 9425 28 50  
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to

Share