Key Points
- Afaanota 100 oltu har'a Saboota Jalqabaan dubbatama.
- Afaanni hedduun raawwatanii baduuf haala hamaa irra jiru
- Qorata (survey) Afaanota Abbootii Dachee irratti gaggeessameen hawaasoti 31 ol tahan afaan isaanii deebisanii dammaqsuu fi dandamachiisuu irratti hojjetaa jiran.
SBS qophiin jedhu kana irraa biyya keessan haaraa kana keessatti jireenyi akkamiin akka deemu hubattu - Qophii hundaaf
Afaan bakka fi namootaaf addummaa ni qaba – dacheen afaan dhaltes jedhama.
Cathy Trindall, Itti-aantuun Gaggeessituu Tika Afaanota Aborijinaa afaanni qaama Eenyummaa ishee tahuu ibsiti.Beekumsa abaabilee isaaniitti ummata hidha, akkasumas itti gaafatamummaa aadaa tiksuu of keessaa qaba jedhti.
" Eenyummaa koo natti hima, " jedhti.
"Ani Gomeroi Murri Yinnar, Kaaba dhihaa NSW irraa tahuu kiyyatti nan boona. Biyyeen gurraachi Narrabri kan maqaan, afaan fi aadaan kiyya, eenyummaan kiyyas achi irraa tahuu kiyya na beeksisa.”
Egaa Afaan kee yeroo si irraa fudhatamu akkam taata? Kun muuxannoo ummattoota Saboota keenya Jalqabaa mudate dha.

AIATSIS Paper and Talk_Kukatj language group. Credit: AIATSIS
Australia keessatti afaanota meeqatu dubbatama?
Osoo warri Europaa dhufanii hin qubatin dura afaanii fi loqodi dhibbootaan lakayaman guutummaa Australia keessatti dubbatamaa turan.
.John Gibbs akka jedhutti kana akka adda addaatti deebisuun ni danda’ama jedha. Innis nama Wiradjuri, kan Dhiha NSW irraa ti. Innis Dhaabbata Australia Dhimma Qorannaa Aboriginal fi Torres Strait Islander irratti Gaggeessaa Itti-mataa Gartuu Qorannaa fi Barmootaa kan AIATSIS , jedhamuu ti. Lakkoofsa afaanotaa akka adda addaatti ilaaluu dandeenya jedha.
"Afaan qofaa isaatti keessaa luqqiftee yoo afaan inni tokko, afaan ollaa isaa jiru kaan irraa adda jedhtee kan hubattu tahe maalummaa afaanii beekuu hin dandeessu. Kunis sababni isaa afaanota adda addaa 250 caalan waan jiraniif. "
"Haa tahu malee afaan beeksisa Eenyummaa ti. Afaan English Australia fi Afaan English kan America hundee irraa tokkuma. Garuu akka Austrliyanotaatti nuti tokkoo isaatti cimnee ittiin of beeksisaa jirra. Afaan Eenyummaa ummataa irraa qabdee yoo ilaalte Australia keessatti afaanota gara garaa 600 hanga 800 gahutu dhimma itt Bahama.”
Lakofsi afaan kun qubsuma warra Europe booda akkaan daddaffiidhaan gadi kufe.
AIATSIS Qorata Afaanota Biyyaalessaa Abbootii Dachee gaggeessa. Qorata (survey) booda irra bara taasisame irratti hundaawee gabaasaa dhihaate kan agarsiisu afaanoti abbootii dachee yeroo amma 123 dhimmi itti Bahamaa ykn deebisanii dandamataa jiraachuu agarsiisa.
Kunis afaanota Torres Strait dabalatee ti.
Leonora Adidi Torres Strait Islands irraa afaan deebisuu ykn hiikuutii nama hojjetuu dha. Ummati Torres Strait Islands gartuu aadaa ofii isaanii irratti hundaawanii addummaa akka qaban mul’isa. Kunis ummata Aborijinaa irraa adda tahuu isaanii ti. Isaanuma keessattis afaanota gara garaa lama kan loqodi isaanii gara garaa jaha tahe wal gidduu isaaniitii ni qaban.
"Torres Strait gara Bahaa irra jiraatan ammoo afaan Papua dubbatu.... afaan walii hin dhageenyu. "
Torres Strait Island Creole – kan jedhamu Afaan English Australia fi afaanota duraan turan wal madaalchisuu iratti kan hojjatu, afaan hawaasaa ilaalchisee yaalii dhiheenya jalqabamee dha. Akka Australian Bureau of Statistics (ABS) jedhutti yeroo ammaa kana afaanota Saboota Jalqabaa gara ummata 7000tu dubbata. .

Young aboriginal female students sitting with their tutor outdoors in the sun in Australia. Credit: SolStock/Getty Images
Afaanichi eessa deemee?
Qubsuma warra Europetti aansee, imaammata humnaan wal fudhachiisuu (assimilation policy) yeroo sana turee fi ijoollota warraa fi Hawaasa isaanii keessaa humnaan jalaa fuudhuu dabalee dhiibbaa taasisameen afaanoti hedduun gara baduu irra gahan.
Ummati akka afaan isaanii hin dubbanne dhorkaman. Garuu hangi tokko dhoksaanii dubbataa turan, suuta jedhaniis dhaloota isaaniitti dabarsan.
Hara'a afaanoti Torres Strait irra guddaan guutummaa Australia keessatti jaaroleedhaan dubbatama. Afaanoti lakofsaan dhibba tokko tahan gara baduu irra jiran, 12 qofatu akka afaan jalqabaatti mana barmootaa keessatti baratamaa jira.
Afaanotni baayyeen dhimma itti bahamaa hin jirre "rafan" jedhamu.
Afaanota yeroo hanga tokkoof ittiin hin dubbatamin fi dhimmi itti hin bahamin ‘rafaa’ ture jedhna, garuu hin dune, hin dhabamne. Sababni isaa waan rafe deebi’ee dammqauu danda’a.John Gibbs, AIATSIS
Afaan deebisanii dammaqsuu
Bara 2017 keessa afaanota Saboota Jalqabaa NSW tiksuuf seerri bahe.
Labsichi afaanonni kun qaama hambaa aadaa NSW ta’uu isaanii ni beeka. Ummatoonni Saboota Jalqabaa kunuunsitoota afaanota kanaa waan ta’aniif haaromsuu fi kunuunsuuf mirga qabu.
Jijjiiramni bakka qabachaa jira.
Qorata (survey) Afaanota Abbootii Dachee irratti dhiheenya gaggeessameen hawaasoti 31 ol tahan afaan isaanii deebisanii dammaqsuu fi dandamachiisuu irratti hojjetaa jiran akkasumas kanneen dubbatan dabalaa dhufan.
Garuu haaromsi Afaanota Jalqabaa ummatoonni Saboota Duraa hawaasa afaan tokko dubbatu ta’uu dhabuu isaaniitiin haalli walxaxaa ta’uu isaa Adaadee Leonora cimsitee dubbatti.
Kana jechuun afaanonni tokko tokko utuu dagaagaa jiranii, kaan immoo namoota muraasa qofaan dubbatama.
“Gargaarsa itti argachuu fi akkaataa Sadarkaa biyyaalessaa irratti deebisnee dandamachiisnu barbaaduuf sagantaa sadarkaa biyyaaleessaatti diriirsuuf afaanota kana hunda dandamachiisuun ulfaataa dha. Kunis afaan ummata tokkoon dubbatamuu fi hawaasa afaan tokkicha tahe qabu dandamachiisuu irraa addummaa waan qabuuf " jedhti.

2024 Paper and Talk Participants, AIATSIS, and Living Languages. Credit: AIATSIS
Gahee AIATSIS
Giddu-galli Afaanota Australiaa AIATSIS (ACAL) hawaasa cinatti hojjechuun afaan haaromsuu deeggara.
AIATSIS barreeffamoota harkaa, joornaalotaa fi waraabbiiwwan sagalee fi viidiyoo qorattoota Awurooppaa jalqabaa kanneen namoota Aboorijiinaa fi Torres Strait Islander waliin walitti dhufeenya qaban of keessaa qaba. Galmeewwan gatii guddaa qaban kan miseensotni hawaasaa argachuu ni danda'u.
Dhuma torban lameen kan irratti qabiiyyee afaanii uumanii hawaasichi afaan kana haaromsuuf akka itti fayyadamu taasisaniiru jedha." obbo John gibbs.
AIATSIS Afaanota rgatee jira. 20 ol ta'aniif guuboo jechuuota(dictionary) maxxansuuf gargaarsa maallaqaa argatee jira.

Warlpiri Dictionary
Karaa mana barumsaa afaan deebisanii dammaqsuu
Afaanni deebi'ee haaromuuf, ijoolleen dubbatamuu qaba.
Bara 2022, manni Barumsaa Bilisummaa Gumbaynggirr Giingana jedhu baname - mana barumsaa afaan lamaa Abbootii Dachee NSW keessaaf.
Mucaan Cathy Trindall akkootti ooltuuf bara kana irratti hirmaachuuf barnoota aadaa guutuu ta’e ni fudhata.
"Maqaa bineensota galaana keessaa dolfinii ykn whales baruu qofa miti. Waan isaan baratan deemanii waan naannoo isaanii jiru ilaaluu, akkaataa itti abjuun hawaasaa (Dreaming path) dabru hubachuu dha. Seenaan hawaasichaa akkamiin akka uumame baratu. Dolfiniin seenaa isaanii waliin akkamiin akka wal qabatu baratu. Deebisaniis Eenyummaa isaanii hubachuu waliin wal isaan qabsiisa.”

A classroon at The Gumbaynggirr Giingana Freedom School. Credit: SUSAN
Karaa hiikaa fi deebisaa afaan kununsuu
Since 2012, NAATI (the National Accreditation Authority for Translators and Interpreters) has worked with the Australian government and Indigenous organisations to increase the number of professional interpreters through its Indigenous Interpreting Project.
Bara 2012 irraa eegalee NAATI (the National Accreditation Authority for Translators and Interpreters) lakkoofsa beektota afaanicha hiikanii guddisuuf mootummaa Australia fi jaarmolee Abbootii Dachee waliin ta’uun karaa Pirojektii afaan hiikaa Abbootii Dachee hojjeteera.
Kaayyichi, ummotootni Saboota Jalqabaa hundi akka hirmaatnaa qabaatan fi mirgi isaanii Australia keessaatti akka guutamuuf taasisuu dha, afaan isaaniitiin.
Lavinia Heffernan nama Pintupi-Luritja irraa taatee afaan deebisuu fi hiikuu irratti NAATI irraa beekamtii nama qabu dha.
"Namoota Afaan English afaan isaanii jalqabaa hin tahin fi yeroo tokko tokkos afaan English isaaniif tarii afaan shannaffaa ykn jahaffaa taheef gargaaruu irratti hojenna."
"Yeroo ammaa kana afaanota 27 irraa Aborijinaalaa fi Torres Strait Islander irraa afaan hiikuu fi deebisuu irratti waraqaa ragaa kan itti qaban namoota 96 ni jiran.”
Attending an Interpreters and Translators conference recently, Lavinia observed the similar stories recounted by new migrants and First Nations people.
Dhiheenya kana konfiraansii afaan hiikaa fi deebisaa irratti hirmaachuun, Lavinian seenaa wal-fakkaataa godaantota haaraa fi namoota Saboota Duraa irra deebi’anii dubbatan ilaalteetti.
“Nuti akka ijoolleetti afaan warra keenyaaf hiikuuf dhalatne...... Nuti nama giddu galeessaa dhaabbataa maatiidhaaf hiiku turre, seenaa isaanii yeroo himan dhaga’uun seenaa keenya ittii guddachaa dhufneen wal-fakkaata."
READ MORE

Ngiyang
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.