Hir’ina guutuu jechuun maali?

Happy gardening time with mother and toddler

Indigenous Australian family. Closing the Gap was launched in 2008 to address health and life expectancy inequalities faced by Aboriginal and Torres Strait Islander peoples. Source: Moment RF / Attila Csaszar/Getty Images

Lubbuu dheerachuu namootaa ilaalchisee Australiyaan biyya lafaa irraa biyyoota duree tahan keessaa ishee tokko. Yakutootti (average)dhaan Australiyanoti guyyaa dhalootaa isaanii 83ffaa kabajachuu ni dhaqqabu. Garuu ummata Aborijinaa fi Torres Strait Islander umriin jireenya isaanii gara waggaa saddetiin gadi hir’isa. Hir’ina jiru guutuu kan jedhu waliif galteen taasisame haala kana jijjiiruuf. Kuni fayyaa fi nagahooma Australiaynotaa kan Saboota Jalqabaa wayyeessuu kan jedhuu dha. Kanaaf akkuma Australiayanota warra kaanii isaanis jireenya gaarii jiraachuuf hiree argachuu danda’u.


Tuqaalee Ijoo
  • Hirúu guutuu kan 2008 jalqabame walqixxummaa fayyaa fi umurii ummanni Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander mudate furuuf ture.
  • Bara 2020tti murtoon kennuun hawaasa Aboorijiinaal fi Torres Strait Islander waliin akka qoodamu tarsiimoon kun haaromfame.
  • Adeemsi wal makaa true, karoorri shan kan daandii sirrii irra true yeroo tahu garuu kanneen akka mana hidhaa fi of galaafatuu lakkoofsi hammaataa deeme.
  • Kaayyowwan 19 keessaa shan qofatu daandii qabatee jira.

Waggoota duraa: Yaamicha wal-qixxummaa

Dhimmi kun bara 2005 yeroo Jaarsi Aborijinaa Professor Tom Calma [[]] waa’ee dhimma qajeelummaa Seeraa irratti gabaasaa dhiheesse irraa eegalee ti. Achi keessatti kan inni dubbate dhaloota itti aanu keessatti – waggaa 25 keessatti kara fayyaa wal qixxomni Aborijinaalaa fi ummataa Torres Strait Islander akka tahuuf gaafate.


Gabaasaan isaa deggerasa ummataa hedduus argate. Hamma bara 2007tti dorgommee fiigichaatiin Olimpikii kan mo’atan Cathy Freeman fi Ian Thorpe duula haaraa kanatti dabalaman.

"Kun waa''ee nuti hará tana waliin waa gochuu dandaúu ti walii keenya gargaaruuf..... tokko tokko gargaaruu," Cathy Freeman yeroo duulli hi'r''uu guutuu jedhu deemaa ture kan dubbatte.
Stolen Generations Accept Apology From Kevin Rudd On Sorry Day
CANBERRA, AUSTRALIA - Graandhal 13: Ministirri Muummee Australia Kevin Rudd, jal’ina jaarraa lamaa oliif qubsuma warra adii Paarlamaa Australia keessatti raawwatameef ummata Aboorijiinaa dhiifama erga gaafataniin booda Raymattja Marika waliin wal argan. Dhiifama gaafachuun Ruud "haala hamaa darbe" Aboorijiinota hunda irratti raawwatame kan eeru yoo taahu, "Dhaloota Hataman", ijoollee Aboorijiinaa kuma kudhaniin lakkaa'aman kan mootummootaan bara 1910 fi jalqaba bara 1970moota gidduutti maatii isaanii irraa fudhatamanii hawaasa warra adii keessatti akka makaman taasifaman. (Photo by Andrew Sheargold/Getty Images) Credit: Andrew Sheargold/Getty Images) Credit: Andrew Sheargold/Getty Images

Tarsiimoon hir'ina guutuu inni jalqabaa utubame

Yeroo sana bara 2008 keessa Mummichi Ministeeraa Kevin Rudd tarsimoo Hir’ina jiru guutuu jedhu ifatti labse. Baruma sana keessa Dhaloota Hataman (Stolen Generations) ilaalchisee Dhiifama Biyyaalessaa (National Apology) gaafate.

Tarsimoon Hir’ina jiru Guutuu jedhu, jalqabaa irraa wanneen furtuu tahan torba irratti xiyyeeffate. Wanneen akka lubbuu dheeressuu, du’a daa’immanii xiqqeessuu, barmootaa fi dalagaa argachuu kan fakkaatu ilaala ture. Wanni abdatame, wayyooma jiru waggaa kudhan keessatti ilaaluu ture.

Yeroo sana irraa eegalee wagga waggaadhaan dhimmi kun hangam hordofamaa akka jiru, gabaasaa jiru Mummichi Ministeerotaa dhihessaa turan.

Yeroon sun 2019 yeroo Mummichi Ministeeraa Scott Morrison - tarsimoon kun eegalee wagga 12 booda. .

"Oduu abdii, mufannaa fi nama aarsu - oduu yaada gaarii fi, dhugumatti, amantaa gaari ture. Garuu bu'aan isaa gaarii miti. Kun, kan nama gaddisiisu, amma illee dhugaa dha... Akkaataa yaada hidda gadi fageeffate itti fufsiifne... kunis jijjiirama amma adeemsaan Australiyaanota Abbootii Dachee waliin taasisaa jirru dha."

SCOTT MORRISON CLOSING THE GAP PRESS CONFERENCE
SCOTT MORRISON CLOSING THE GAP PRESS CONFERENCE Credit: AAPIMAGE
Tarsimoon kun eegalee wagga kudha booda. Yeroo sanatti akka waan jalqabe kun hojjachuu hin danda’in ifaa tahe. Waan xiyyeefatame keessa lama qofatu hojii irra oole, hir’inni kara jireenyaa garuu caalaatti bal’ataa deeme.

 Tarsiimoon kun jijjiirama irra ga’a

Tarsimoon kun irra deebisamee wayyeessamee Hir’ina Jiru Guutuu irratti Waltahiinsa Biyyaalessaa kan jedhuun bakka buusamee, kan duraan mootummaan akka furmaataatti hojii irra oolchuuf ofiin hojjechuuf akeekkate Hawaasa Abbootii Dachee waliin wal tahiinsaan hojjachuuf karoorsame.

Gurmuu Waltahiinsaa (Coalition Peaks) kan jedhu gartuun tokko – kan nama 80 ol Aboriginaala fi Torres Strait Islander irraa tahaniin utubame gadi dhaabbatee kara waldaalee hawaasichaa to’ataniin hojii irra akka oolu tahee – akki itti hojii irra oolchamus haalli itti tolchame.

Yaadichi saphlaa dha: imaammati hawaasichaaf hin qopheessamu – hawaasicha waliin qopheessama.

Waltahiinsi haaraan taasisame hanga bara 2031 wanneen hojii irra oolchaman 19 tahan akeekkate. Isaan kunis:
  • Ijoolleen fayyaalessaa fi jabina kan qaban tahanii dhalatu
  • Ijoolloti barmoota baratanii xumuranii sadarkaa yaadan dhaqabu
  • joolloti mana hidhaa keessa jiran lakofsi isaanii xiqqaa taha.
Yaadni kun bal’aa dha, waa hedduus hammatee jira – fayyaa qofaa irratti kan xiyyeefate miti, garuu akkasumas, mana, qajeelummaa seeraa, aadaa fi hirmaannaa dinagdees ni dabala.
MALARNDIRRI MCCARTHY CLOSING THE GAP PRESSER
Lead Convener of the Coalition of Peaks Pat Turner speaks to the media during a press conference at Parliament House in Canberra. Source: AAP / LUKAS COCH/AAPIMAGE

Kanaaf, har’a akkamiin hojii irra ooluu isaa hordofaa jira?

Erga Tom Calma jijjiiramaaf yaamicha godhee dhalooti tokko dabruuf jedha. Yeroo sana, namoota Abbootii Dachee fi Australiaynota warreen kaan gidduu gara garummaan umrii dhalootaa wagga 11 ture. Har’a waggaa naannoo saddetii ti. Garuu dogoggoraan kallattiin dhimmi kun itti deemaa jirus gara dogoggoraa ti.

Akka gabaasaan dhiheenya kana Komishina Homishannaa irraa kenname ibsutti, wayyoominni hangi tokko argamaa jira – wanneen 19 xiyyeefatame keessa 11 wayyooma agarsiisaa jira. Yeroo ammaa waan shan qofatu sirriitti karaa qabatee jira.

Mallattoon nama jajjabeessan tokko tokko ni jiran: daa’imman heddumminaan ulfina qaamaa gahaa taheen dhalataa jiran. Ijoolloti hedduun barmootaa Kutaa 12 ykn waan sanaan gitu xumuraa jiran.

Garuu wanneen tokko tokko, kan akka lubbuu of galaafatuu, namootni hidhamuu of booda deebi’aa jiran.

Gaggeessituun Gurmuu Waltahee , Dubartiin Gudanji-Arrernte, Pat Turner "itti cichuu qabna" jedhti.

"Hir’ina jiru Guutuun lakofsaan ibsamaa caala, dhimmichi garuu waa’ee jireenyaa, waa’ee maatii fi jireenya ifaa egeree ti… Dhimmichi waa’ee ijoolleen keenya fayyaa tahanii guddachuu, ofii isaanitti boonuu fi aadaa isaanii waliin wal fudhachuu ti.”

Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to [email protected]


Share