Akkaataa barsiisa (tutor) daa'ima keessaniif ta'u filachuu dandeessan

Great School Work

Choosing the right tutor is essential for ensuring a positive learning experience and real educational benefits for your child. Credit: SolStock/Getty Images

Australia keessatti barsiisni industrii guddaa fi guddachaas jiru yeroo tahu, guutuu biyyaa keessa gara 80,000 oltu jiru. Maatiin godaantotaa yeroo baayyee barsiisa irratti maallaqa guddaa baasu. Garuu dhugaa dubbachuuf bu’a qabeessaa fi faayidaa gaarii kan kennu waan taheef, ijoollee keessaniif barsiisa gaarii arguufiin akkaan barbaachisaa dha.


Akkuma maatii godaantota hedduu Australiaa keessa jiranii, maatiin Jieh-Yung Lo’s ijoollee isaanii mana barumsaa fi barsiisa dhuunfaa keessa galchuuf cimanii hojjetan.

"Ijoollee baayyeen ani waliin mana barmootaa ture, baayyeen isaanii barsiisa qabu turan, mana barumsaa Sanbata xiqqaa haa tahuu ykn dhuunfaan tokkoo-fi-tokkoon, ykn lameen isaan ni baratu turan. Egaa, sanbat-xiqqaa fi Dilbata herregaaf barsiisa dhuunfaa qabaachaan ture! Warri koo yeroo hunda iyyuu dura malee boodatti akkan argamu hin fedhan, akka ani tuqaa gaarii fiduuf na barsiisan," jedha.

Amma ofii isaatiif, abbaa maatii tahee, intala isaa ganna torbaa Hopelyniif barsiisa tolchuufii yaadaa jira, garuu akkaataa addaatiin. “Kaka’umsi koo inni guddaan Hopelyniif muuxannoo barnootaa guutuu caalaatti kennuudhaaf yaaluu kooti. Yeroo kanatti, barmoota keessattuu herregaa fi tarii boodas Inglishiif filannowwan barsiisaa ilaalaa jirra. Kunis tokkoffaa, muuxannoo barmoota walii galaa kennuufiin fedhii barmootaa ishee ol kaasuuf, akkasumas bakka Nageenya qabu isheef kennuuf  keessumaa barsiisa dhuunfaa tokkoo-fi-tokkoon haala Nageenya qabuun ofitti amanamummaa ishee akkaataa guddifattuun kennuufii dha."

Warri ijoollee maaliif barsiisaa qacaratu?

Warri ijoollee sababoota hedduuf barsiisaa qacaru: tokko ijoolleen akka warra kaan dhaqqabattu, barmoota addaa irratti fooyyawinsa akka agarsiisan ykn of irratti amanamummaa isaanii guddisuuf. Kaan ammo barmootuma guutummaa isaa akka barsiisaniif qacaruuf.

Hojii gaggeessaan Waldaa Barsiisota Australia Mohan Dhall [Mo-han Dal] akka jedhutti, barsiisni kun ijoolleen manneen barmootaa filatamoo akka seenan illee isaan gargaara.

Hojii gaggeessaan Mohan Dhall akka jedhutti, barsiisni kun ijoolleen manneen barmootaa filatamoo akka seenan illee isaan gargaara.

“ Namootni, ijoolleen isaanii university akka seenanii fi ykn ogummaatti akka seenaniif barsiisa dhuunfaa keessa isaan galchu. Sadarkaa mana barmootaatti,yoo ilaalame barsiisa dhuunfaa ijoolleef qacaruun sun akka isaan mana barmootaa dhuunfaa ykn mana barmootaa beekamaa kan mootummaa akka seenaniif. Kanneen keessaa mana barmootaa akkasii akka argataniif ijoollee isaaniif kan barsiisa kennaniif maatii godaantotaa ti," jechuun ibsa.
Aboriginal primary school teacher helping young boy in the classroom
Tutoring comes in various formats, from in-person to online, and can serve different purposes, including academic improvement and confidence-building. Credit: JohnnyGreig/Getty Images

Barsiisa gosa akkamtu jiran?

Barsiisni kun akkaataa adda addaatti kennama, galma : , galma iykn marsariitii irratti tahuu danda’a. Barsiiisni kaan isaanii, ijoollee tokkoo-fi-tokkoon barsiisu, kaan gartuun barsiisu. Tajaajilli akkasii hojii barmootaa manatti hojjetamu gargaaruu irraa jalqabe haga qormaataaf qopheessuutti jira.

"Kanaaf ani waan natti dhagahamu, godaantootni barmoota ayinaa hin qabnetti ijoollee isaanii saaxiluu danda’u, nama dandeettii fi ogummaa hin qabne, bakka isaan barbaadaniin kan ijoollee isaanii gahuu danda’u barsiisaa gaarii filachuu dhabuun of-irratti amanamuma ijoollee dhabsiisa, akkasumas barmootatti laafoo isaan taasisa,: jedha.

Akkaataa itti barssisa gaarii fo'atan

Kutaaleen biyyaa Australia hedduun barsiisaa miseensa Waldaa Barsiisota Australia irraa ta’e, kan ulaagaa cimaa guutee fi seera naamusaan taliigame filachuun akka nama irra jiru gorsu. Sababni isaa seeraa fi heera irratti hundaawanii hojjetan qabu waan taheef.

  • Muuxannoo fi ogummaan kee maalfaa dha?
  • Hayyama ijoollee waliin hojjechuu qabdaa?
  • Lakkoofsa daldalaa (ABN) qabdaa?
  • Baasiin baaseef nagahee nan argadhaa?
  • Yoo kaffaltii kiiyyaaf deebii qabaadhe, akkamiin naa deebifta?
  • Barsiisa kennan sana itti quufamuu isaa maaliin gulaalta? hojjechuu isaaf ragaa maaltu jira?
  • Barssisni kun hagamiif deema?
  • Ijoollee meeqatu al tokkotti barata?
  • Akka dandeettii dhuunfaatti akkamiin kennamaa?
  • Yoo barmooti kennamaa jiru ijoollee keessaniif hojjetaa hin jirre akkamiin ifa goodhtu, bifa ittiin ifa baaftan maaltu jira?
Mother helping son during e-learning at home
Mother helping son during e-learning at home. Credit: MoMo Productions/Getty Images
Barsiisota ragaa ijoollee wajjin hojjechuu hin qabne, gaaffii deebisuu didan ykn itti gaafatamummaa jalaa miliqan irraa fagaadhaa, ijoollee keessan akka barsiisan hin taasisinaa.
Barsiisa sarara interneetaa irraan kennamuuf, maatiin ijoollee barsiisiisotni sun ijoollee hordofaa jirachuu isaanii jala bu’anii qorachuu qabu jedha obbo Dhall. “Kameeraan irra jiraa? Waan namni hojjetu ilaalaa jiruu? Ijoolleen hagam akka hordofaa jiranii fi hirmaatnaa isaanii galmeessaa fi hordofaa jiruu? Bakka dhaamsi itti barreeffamu ilaalaa fi hordofaa jiru? Nama hojii isaa fixe akkamiin hordofu? Yeroo fuulaa fi fuulan arganis tahe sarara interneetaa irratti yaada akkam barattootaaf kennu?"

Nama Melbourne keessa jiraatu Jieh-Yung Lo'fiif intala isaa filannowwan barsiisaa keessatti hirmaachisuun murteessaa dha.

Haaluma wal fakkaatuun, Abbaan Brisbane Alex Wong barsiisaa filachuuf yeroo yaadu, yaada ishee hordofa.

“Akkataa nut itti filatne, filannoo intala keenyaa irratti hudaawe. Ishee nuffisiise moo, of-jeequmsa itti uume moo? Yaadaan caqasuu dadhabaa jirti moo? Oh kana itti fufuun qaba jechuun jaallachuutu irraa mul’ata? Egaa kun akkaataa, gaarummaan barsiisa kanaa itti madaalamu dha, kana akkasii argachuufis baayyee isaanii yaallee turre," jedha. Yaalii fi dogoggorri qamuma adeemsa akkasii tahuus dubbata.
Female tutor explaining to boy through book on table at home
Since tutoring is unregulated in Australia, parents should carefully vet tutors by checking their credentials, experience, and teaching methods. Credit: Westend61/Getty Images/Westend61

Barsiisa tolaa fi gatii gadi -bu'aan argamu

Kaffaltiin barsiisa dhuunfaa kan namoota ga’ummaa malee barsiisanii sa’atiitti qarshii $30 yeroo tahu, kanneen barmoota tokkotti ogummaa qaban sa’atiitti $200 kafalchiisu. Filnnowwan tolaas ammo ni jiran.

Dhaabbileen hedduun, kanneen akka mana kitaabaa gargaarsa hojii manaa tola kan kennan yoo ta’u, sagantaaleen tokko tokko addatti godaantota haaraa ni tajaajilu.

Canberra keessatti, (kan irraa kennamu barsiisa tolaa tokkoo-fi -tokkoon dardaroota duubbee godaantotaa irraa tahaniif ni kenna.

Sonia Di Mezza [Sonia Di Metsa] Hojii Gaggeessitu Ol aantuu Tajaajila Qubsuma Godaantotaa fi Baqattootaa Canberra, barattoota irraa yaada gaarii dhageesseetti. "itti fufiinsaan fi jabaatanii barmoota isaanii akka itti fufantu itti dhagahama, Afaan Inglishii isaanii fooyyeffachuu danda'u, Sirna barmootaa irraa hubannoo gahaa argachuu danda'u."

Gahee warra ijoollee

Barsiisn dhuunfaatti kennamu isa mana barmootaa hanqisuu hin qabu, akkasumas warri ijoollee waa’ee barmootaa isaanii keessatti qooda fudhachuu qabu jechuun cimsee dubbata Dhall.

“Gaaffiin jalqaba gaafachuu qabdu, ijoollee kootiif an maal gochuun qaba? isa jedhu dha. Waliin kitaaba dubbisuu nan danda’aa? Isaan waliin yeroo qabaachuu nan danda’aa?

Imala barnootaa kana irratti akkamiin ani  ijoollee koo wajjin ta’uuf of humneessuu danda’a? Egaa, kanaafuu, wanti jalqaba jedhnu, maal gochuu dandeessa, ?" dha jedha.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to [email protected]

Share