Filmaatni Federaalaa Australia 2025- yaada Miseensota Hawaasa Oromoo

voting

Voting Source: AAP

Get the SBS Audio app

Other ways to listen


Published

Updated

Presented by Lensa Dinka
Source: SBS

Share this with family and friends


Aaf-gaaffii Obbo Gammachuu Badhaadhaa, Obbo Aliyyee Galatoo fi obbo Iyyaasuu Annooroo waliin.


Austraaliyaan Caamsaa ykn May 3, 2025 filannoo Federaalaa taasisuuf deemti. Muummichi Ministeera Anthony alabanese guyyicha mirkaneesseera, duulli na filadhaas ho’aa jira.

Dorgommiin mootummaa Albaaneesii fi hogganaa mormituu Peter Dutton gidduutti taasifamaa jiru, paartileen gurguddoon lamaan qaala’iinsa jireenyaa osoo hin hammeessin dhiibbaa gatii jireenyaa furuuf waadaa galaniiru.

Gama biraatiin ammoo gareen magariisaa ykn Green partiii Adam Baanditiin durfamu mootummaa itti aanutti madaallii humnaa uumuu keessatti humna ijoo tahutti of akeekaniiru.

Egaa akka lammii Australiatti jijjiiramni filmaata booda dhufuu malu akkamiin hawaasa keessan irratti dhiibbaa qabaata jedhtu? Keessattuu dhimmoota tajaajila fayyaa, dhimma baqattootaa, jireenya Australia keessaa fi kkf kan jedhu irratti yaada hawaasa keessaaf keessummoota sadiif aaf-gaaffii taasisneerra.

Keessummootni keenya Obbo Gammachuu Badhaadhaa, obbo Aliyyee Galatoo fi obbo Iyyaasuu Annooroo ti.

Obbo Gammachuun, obbo Aliyee fi obbo Iyyaasuun filmaata Federaalaa Australia as adeemaa jiru ilaalchisee yaaduma wal fakkaataa kaasan keessatti ummatni bal’achaa haguma jiruun manneen tajaajila fayyaas akka babal’ataa deemuu qaban hawwi qaban dubbatan. Itti dabalniis Dhimmi baqataa dhimma nu dhibaa ti. Mootummaan haaraa filamu baqataa simachuu akkuma kanaan dura Austraaliyaan karra bantee simatte, akka itti fufuftu barbaadna jedhan. Keessattuu obbo Aliyyeen yeroo dubbatu, hawaasni biyya kanaa fira biyya lammaffaa keessaa qabu umrii guutuu achitti tajaajiluun jireenya isaa isa asii irratti dhiibbaa qabaata jedheera. kanaaf, murtiin dhimma kana irratti gar-malee jiguu yoo jiraate maatiis tahe isa biyya rakkinaa jiraatu irratti dhiibbaa qaba jedhe.

Dhimma medicare fi tajaajila fayyaa irratti yeroo dubbatu obbo Iyyaasuun, medicare itti fufee hawaasicha tajaajiluu baatnaan, namootni harka qalleeyyii fi haarawa biyya kana qubatan baayyee hubamuu danda’u jedheera. Fakkeenya yeroo COVID 19 fudhachuun obbo Iyyaasuun yeroo dubbatu, medicare utuu hin jiraatne namootni humna isaaniin of tajaajilan waan hin turreef dhumaatii badaa taha ture jedhe. Dabalees, biyya Australia keessatti sabni wal qixxummaan fi qabaa gaariin jiraata, baqataa simachuu irratti ilaalchi mootummaan qabaachuu qabu qabaa gaarii tahuu qabas jedhe.

Obbo Gammachuun , firootaa fi namoota boodatti dhiifnee dhufne qabna waa'ee isaanii waan nu dhibu keessaa tokkos jedhe. Xumura irrattis mirga qabnutti fayyadamnee sagalee keenya akka hawaasa fi dhalootaaf fayyadutti haa kenninu jedheera.


SBS Afaan Oromoo,Lena Dinka.

Share