Key Points
- AEC daandii fi wiirtuu filannoo kee akka itti argattu si gargaaran ni kenna.
- Filannooleen gara garaa bakki sagalee itti dursanii fi guyyuma sana kennan ni jira.
- Odeeffannoon filmaataa Afaanota gara garaan ni jiran.
- AECn sagalee keessan akka kennitan isin gargaaruuf tajaajila afaan hiikuu ni kenna.
Australia keessatti sirna filannoo qaama wallaba tahetu gaggeessaa. Komishinni Filmaataa Australia, lammiileen Australia hundi mootummaa federaalaa bifa qabsiisuu keessatti carraa jiruun gargaaruuf Seerri akka isaaniif hayyamu mirkaneessa.
Bakka filmaataa kee adda baafadhu
Yeroo ammaa teessuma 150 Mana Maree Bakka bu’uototu jiran Australia keessa. AEC marsariitii irratti namni bakki isin keessa jiraatu jiruu fi filattan adda baafatu kan isin gargaaru qopheessee jira. Bakki filmaataa keessan eessa akka tahe hubachuuf as tuqaa .
hidhaa kana furgaasaa ilaalaa ykn 132326 bilbilaa.
Bakka itti filmaataa
Akka Aadde Lilley ibsitutti AEC bakka filmaati itti gaggeessamu kumootaan lakkayaman qaba. Guyyaa filmaataa manneen barmootaa fi bakki itti kadhannaa bakka filmaati itti gaggeessamu taha. Kan naannoo keessan jiru argachuun salphaa dha jedhti.
"Ganda fi postcode kee itti galchitee namni ati filuuf jirtu eenyufaa akka tahan fi bakka ati itti isaan filtus beekuu dandeessa.”
Bakki filmaati itti gaggeessamu qajeelfama ni kenna, gargaarsi afaaniis ni jira.
Dubbataa AEC Evan Ekin-Smyth irraa yaadi kenname, mar-sariitiin AEC haala si barbaachisu hunda keessatti akka itti si qajeelchu of irraa ni qaba jedha.
Karaa salphaan sagalee kennuu itti dandeessan, bakka itti sagalee kennan naannoo keessanii ti, yeroo baayyee Sanbata-xiqqaa irra oolas.
Warri irra deemanii filchiisanis, bakka kununsa jaarolee, hawaasa fageenya irra jiraatu, mana yaalaa fi mana hidhaa irra deemuun akka namni filu ni taasisu.

Election corflute signs are seen at the polling booth for the Werribee by-elections at Werribee in Melbourne. Source: AAP / DIEGO FEDELE/AAPIMAGE
Afaan keetiin sagalee kennuu
Yoo namni akka si gargaaruuf fidattee dhuftes ni dandeessa. barbaadduu afaan dubbattuun gargaarsi ni jira.
Karaa biroo akka itti filtan
Namoota dursanii filuu barbaadaniif galmeeleen filmaataa torbanootaaf filmaataan dura banaa tahu.
Kutaa biyyaa ykn biyya biraa irraa sagalee kennuu
Yoo kutaa biyyaa turuu barbaaddes rakkinni hin jiru. poostaa ykn galmee filmaataa kan kutaa biyyaa deemuun filuu dandeessa.
Yoo biyya alaa jiraattes filuu dandeessa Maarsariitii AEC irra filmaata haala kee waliin sii mijeesse waliin ni argatta. Kmosihinni ol'aanoon Australia tokko tokkos bakka filannoo ni qopheessu.

A dog stands as voters cast their ballots at a polling station during a federal election in Sydney, Australia, on Saturday, May 18, 2019. Credit: Bloomberg/Bloomberg via Getty Images
Akkaataa odeeffatnoon itti dabru
Yeroon filmaati dhihaataa deemu paartiin politikaa odeeffaannoo qaban naannoo filmaati itti gaggeessamu keessaa alattis facaasuu eegalu. Garuu akka isaan si hin gowwoomsine jedha xiinxalaan filmaataa William Bowe.
"Warri paartii kan isaan godhan akkamiin akka filmaati gaggeessamu waraqaa hiru, innis guyyaa filmaataa akkamiin filmaata akka filtuu fi waraqaa ati ittiin filtu maal akka fakkaatu si hubachiisuuf. Akka isaan jedhan sanatti filuun dirqama miti. Sun yaaduma ofii isaanii ibsatuuf kan isaan godhanii dha."
Sagalee keessan kennaa
Yeroo filatnoo waraqaa magariisaa fi adii tokko isinii kennama
Waraqaa Magariisa
Waraqaa magariisi kan ati nama tokko naannoo filmaataa kee keessa Bakka Buutota Mana Maree (House of Representatives) ykn paarlmaa ulaa gadii (Lower House of parliament) ittiin filattuu dha.
Yeroo ammaa teessuma 150 Mana Maree Bakka bu’uotaaf kennamee jira, filatamtoota tokkoon tokkoon isaanii kan bakka bu'u. Mana Maree Ulaa Gadii (Lower House) keessatti mootummaan tolchama, paartii sagalee irra caalmaa Mana Maree Ulaa Gadii keessatti argatetu mootummaas hundeessa.
"Akka namooti yaadanitti gaggeessaa biyyaalessaa filachuu itti fakkaata, gaggeessaan Biyyaalessaa gaggeessaa paartii sanaa ti, kunis kan partii teessuma irra caalaa mana paarlmaa keessatti argatee ti malee ati kallattumaan nama mataa Biyyaa tahu filta jechuu miti," jedha obbo Bowe.
Waraqaa magariisa irratti sagalee kennuuf , lakkoofsa "1" nama filuu barbaadde sana cinatti katabda, achii booda "2" filannoo lammaffaa kee nama tahe biratti katabda akkasitti haga lakkoofsa hunda xumurtutti itti fuftee barreessita.
Waraqaa adii
Waraqaa inni adiin kan ittiin teessuma Sanati jedhmu keessatti teessuma 76 ittiin filaniidha. Kuni Mana Maree Ulaa Olii (Upper House) jedhama.
Filmaati akkasii kan keessa filattee lakofsa kennituuf jedhama. Akka barbaadutti filattee lakofsa yoo kennituuf sagaleen argatanis akkasiin madaalamaa deema jechuudhaan isaba Obbo Bowe.
"Garuu Filmati saphlaa dha; sababi isaas akka lamatti filuu dandeessa. Qodaa keessa buusamu irra sararaa gara olii fi gara gadiitu jira. Sararaa qodicha irra gara olii jiru keessa partii tokko filta. Karaa saphlaa ati ittiin filuu dandeessus paartilee jahan jiran keessaa akka barbaadutti tokkoo hanga jahaatti lakofsa kennitaaf. Yoo kadhimamtoota dhuunfaa mata mataatti isaan fila jedhte ammoo maqaa isaanii biratti tokko tokkoo isaaniitiif akka barbaaddutti tokkoo hanga kudha lamataatti lakkoofsa kennuufii dandeessa."
Akka fedha keetti lakkoofsa tartiibaan kaa'uun, sagaleen kee daran akka deemu godha. kun "fedhinnaan sagalee kennuu"jedhama.
“Namni lakkoofsa tokkoffaa filattu lakkoofsa keessaa yoo rukutame, sana booda sagalee kee gara filannoo kee itti aanutti dhangala’a, fi kkf, hanga kaadhimamaa tokkotti lakkaa’amutti,” jedha dubbi himaan AEC Evan Ekin-Smyth.

A ballot box is seen inside the voting centre at Collingwood in Melbourne, Saturday, October 14, 2023. Credit: CON CHRONIS/AAPIMAGE
Informal votes
Qajeelfama filmaatichaa hordofuu qabda. Yoo waraqaan filmaataa kee sirriitti hin guutamne waan keessaa kuffisamuuf sagaleen ati kennite filmaatichatti hin lakkaayamu.
Yoo sagalee kennuu baatte maaltu taha?
Filmaati dirqama. Sababni quufsaan filmaata irraa si hambisu kan AEC dhaan ibsamee fi haalli kees kan siif ilaalamu taha. Fakkeenyaaf namooti biyya alaa jiran tarii filuuf hin danda’an taha, kanas AEC ni hubata. Obbo Ekin-Smyth akka ibsutti filmaata irraa qooda fudhachuu dhabuun adabbii qaba.
“Yoo namni filmaataaf galmeessame guyyaa filmaataa deemuu hin filu tahe tahe filmaata irraa hin hirmaatne kan jedhu akeekkachiisi ni kennamaaf," jedha obbo Ekin-Smyth.
"Yoo sababa gahaa qabaatte siif hubanna nutti himi. Yoo hin taane adabbii doolaara $20 si argatta. Yoo akeekkachiisa ergameef deebii yeroo irratti argachuu hin dandeenya mana murtiitti dhiheessamtee adabii $170 fi gatii oolmaa mana Murti guyyasiidhaan wal qabatus si baasisa.”
Adabbii inni guddaan garuu sagalee kee kennachuu dadhabuu kee waan tahuuf, itti qoradhuu of qopheessii filmaata irratti sagalee kee kennadhu.
Galmee odeeffannoo sobaa AEC akka itti to'atu
AEC dhaabbata of danda'e, kan loogii hin qabnee fi kan adeemsi filannoo isaa cimaa fi fayya buleessa tahe dha. AEC maarsariitii isaa irratti filmaata Australia ilaalchisee kan kan gowwomsaa fi odeeffatnoon kara-dabsii tahe itti qajeelefamuu fi to'atamu tolcheera.
This episode was originally created in 2022. It has been fact-checked and updated.
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to [email protected]