Aadaa lafa qoqa’uu: abiddaan abidda dhorkuu fi Biyya dandamachiisuu

GFX 110225 CULTURAL BURNING AUSTRALIA EXPLAINED HEADER.jpg

Fire work on Wunambal Gaambera Country, WA.

Abbootiin Dachee Australia waggoota kuma kudhaniin lakkaa’amaniif lafa kunuunsuuf ibidda fayyadamaa akka turan beektuu? Ragaaleen akka agarsiisanitti, gochoonni gubaa aadaa ciminaa fi irra deddeebiin ibidda bosonaa hir’isuuf gargaaruu qofa osoo hin taane sirna eco fayya qabeessa ta’e eeguu keessatti gahee olaanaa qaba. Ogeeyyiin ragaalee yeroo dhiyootti gocha durii kana duuba jiran irratti hubannoo qooddatu.


Tuqaalee Ijoo
  • lafa qoqa'uun aadaa, gocha Abbootii Dachee, har’a akka karaa “qoramame” fuulduratti ibidda bosona hir’isuu fi fayyaa Biyyaa guddisuuf ilaalamuu isaa dabalaa dhufeera.
  • Abbummaan dhalootaa hawaasa Aboorijiinaalaa aadaan lafa qoqa'uu akkaataa isaan beekanitti deebisee jiraachisuuf mirga kan kennu yoo ta'u, ragaaleenis akkan inni hojjetu agarsiisu.
  • Faayidaan ibidda aadaa hojii irra oolchuu ibidda bosona salphisuu fi kanneen biroo dabalata. Namoonni Saboota jalqaabaa mala waliigalaa kan sirna eco dandamatu deeggaru fayyadamu.
Baay’een keenya Australia keessa jirru ibidda akka balaatti ilaalla-gaaga’ama Ganna Gurraacha bara 2019–20 fi, dhiheenya kana, ibidda bosona bal’aa, cimaa bara 2024 yoo ilaalle.

Garuu ummatoota Saboota Jalqabaaf, waggoota milioonaaf akka humneessaatti ilaalama ture. qabaa lafaaf, itti fufa jireenyaaf akkasumas sirna eco fi ibidda bosonaaf barbaachisaa dha.
inme56e0ocfv44qprqmgz.png
Wunambal Gaambera Aboriginal Corporation chair Catherine Goonack is among those holding the baton of the fire tradition in Australia today. She learnt cultural burning directly from her ancestors. Photo: Russell Ord for WGAC
Marga garmalee guddatanii fi gaaza lafa keessa tutturan qulleessuuf laftn waggaa waggaan qoqa'ama.

“Abbaan koo, nyaata sassaabbachuu akka dandeenyuuf waggaa waggaan lafa akka gubnu (qoqaanu) nutti hima ture."

Catherine Goonack, gaggeessituun Waldaa Aborijinaa Wunambal Gaambera har’a Australia keessaa namoota aadaa abiddaan qoqa’uu kana qabattee jirtuu dha. lafa qoqa'uun akkaataa itti abbootiin keenya itti jiraataa turani dha jedhti. Biyyicha deebisanii jiraachisuuf ibidda fayyadamu turan, guddina fiduuf akkasumas ibidda bosonaa ittisuuf, " jedhti Catherine.

Erga kolonummaatii jalqabee yeroo dheeraaf, saba dacheen harkaa fudhatame fi Eenyummaa ummata Aborijinaa dhabameef aadaan dachee qoqa’uus ni jeeqame.

Qormaati akka ifa taasisetti teessumi dachee Australia caalaatti abidda waliin kan wal baree fi erga kolonummaan British eegalee asi abidda bosonaan kan barbadaawuu eegaluu isaa ibsa.

"Jaaroleen akka lafa gubuun ykn qoqa'uun biyya nageenyaan jiraachisu ni beeku, " jedhti aadde Catherine.

Aadde Cathirne gargaartuun barreessituu qorannoo haalli ibiddaa kaaba fagoo Kimberley dhiha Australia ega aadaan gubii lafaan taasifameen booda fooyyawiinsi mul’achuu galmeessiteettii.

"Akkuma waggoota 10 dabree, balaan abidda bosonaa akka hin babal’anneef ittisuuf to’annoo ni godhna. Waggootaaf dhimma abiddaa irratti olii fi gadi jeeqamuun ni ture. Yeroo itti balaan abiddaa cimaan ture ni jira. Amma toora irratti deebinee jirra.”

Qorannoon keenya kan agarsiisutti, gartuun Abboottii Aadaa afur abidda bosonaa hamaa ture kan fura bonaa (tropical savanna) kan Kaaba Kimberley dhorkuu keessatti itti milkaawanii jiran kan ilaalee ture.
qlhrbgdvvzcyrv23y0nst.png
Skills of assessing the right timing, and how to burn the right way, survive to this day. Fire walk by Jeremy Kowan, Uunguu Ranger and Wunambal Gaambera Traditional Owner. Photo: Mark Jones for WGAC

Akka aadaatti gubuun hojjechuun yoo mirkanaa'e maaliif bakka hundatti hin hojjetne?

Godinaan Kimberley bakkoota lakkoofsaan xiqqoo kan sagantaan aadaadhaan lafa abiddaan qoqa’uu kan abidda ajajaan qabsiisamu (prescribed burning) waliin wal maddii gaggeessamaa jiruu dha. Kunis dachee gara Abbootii Durii (Traditional Owners) deebisuu waan taasisame hordofee ti.

Tom Vigilante, qorannicha keessatti geggeessaa dha, mirga abbummaa dachee deebisachuun "waan guddaa dha," jedha

"Sababni isaa ummati lafa sana irratti waan barbaadan godhchuuf mirga ni qabu."

"Filmaatn biraa tarii bakka qabeenya biyyaalessaa (national park) ykn dachee dhaabbatti mootummaa dhimma abiddaaf gaafatama itti qaba. Haala akkasii keessatti ummati Aborijinaa akkaataa itti abiddi dachee kana irratti qabsiisamuu qabu irratti dhiibbaa godhchuu danda’u, garuu ammoo ofii isaaniitiin abidda bakkichatti qabsiisuuf mirga hin qaban.”

Trevor Howard, Gumii Atoomsaan Abidda Australia fi Tajaajila Haala Sardamaatti (AFAC) Gaggeessaa Abidda Ajajaan Qabsiisuu (National Manager for Prescribed Burning) Biyyaalessaa ti.

To'annaa ibiddaa Abbootiin Dachee taasisan naannoo furri bosonaa (savanna region) daangaa gara kaabaa jiru irratti jijjiirama gaarii fiduu isaa fi naannawa Australia kaanittis tahuu akka danda'u dubbata.

 “Dacheen sun waggoota 20 keessatti kan duraan balaan abiddaa yaaddessaa turee fi balaa abiddaa hamaa tahe qabaataa ture irraa amma akka ittisamuu danda’amutti jijjiiramaa jira. Yeroo isaa eeganii akka abiddi hin babal’anne taasisuuf sagantaan sayinsiidhaan deggerame ummatoota Abbootii Dacheetiin gggeessamaa jira.”
z1m3g1kh3myzpwcl1lcn9.png
Mr Vigilante elaborates on fire management techniques in North Kimberley: “A lot of burning is done by vehicles, some walking in the bush or burning around cultural sites. We also use aircraft because we're looking after close to a million hectares.” Photo: WGAC
Garuu obbo Howard Haaromsi aadaa gubaa ammallee sadarkaa guddachuu irra jira jechuun akeekkachiisa.

Akkasumas tokkoon tokkoon kutaa biyyaa fi naannoon hangam akka irraa fayyadamu, kunuunsitoota aadaa wajjin walitti dhufeenya isaanii irratti hundaa’a.

"Sababni isaas guutuu Australia keessatti gareewwan Abbootii Dachee baay’ee qabna, gareewwan sana keessaa tokkoon tokkoon isaanii biyya naannoo isaaniitti walitti hidhata mataa isaanii qabu.

"Egaa, dhuguma tokkoon tokkoon agency biyyaa fi naannoo gareewwan kana waliin hojjechuun hawwii isaanii fi fedhii isaanii hubachuu fi Biyya isaanii keessatti gochaalee gubaa aadaa isaanii karaa mataa isaaniitiin guddisuu keessatti akka isaan deeggaran irraa eegama."

Ibiddi akkamiin nageenya biyyaa deebisa

Gareth Catt, Gaggeessaa Waliif Tumsa Gammoojjii (Desert Partnerships) kan Tokkooma Gammoojjii Abbootii Dachee bara 2012 irraa jalqabdee Daangaa gara Kaabaa, Dhiha Australia fi Kibba Australia guutummaa keessatti Saboota Jalqabaa waliin hojjata.

Hojiin isaa irra guddaan akka itti barsiifataan abidda to’atan haala kan ammayyee waliin wal fudhachiisuu irratti xiyyeefata.

Akka aadaatti lafa qoqa’uun abidda bosonaa dursanii of irraa ittisuuf kan gargaaruu dacheefis kan tolu dha jechuun amana.

"Namootni haala qilleensaa akki itti ilaalanii fi abiddichi gara kamitti deemaa akka jiru itti baran, dabalees Biyyichi akkamiin akka itti of irra ittisu hubanna.”

"obbo Catt akka jedhutti , keessumaa erga ibiddi bona gurguddaa bara 2019-2020tti ka’ee as, fedhiin ibidda aadaa fi to’annoo ibidda aadaa dhugaadhaan dabaleera."

"Namoonni waa'ee ibiddaa yeroo yaadan waa'ee gubataa seenaa inni dhiisee dabre, balaa isa waliin walqabatu yaadu," jedha itti dabalee.


"Garuu ibiddi of eeggannoodhaan lafatti yoo qabate, humna diigumsaa osoo hin taane humna haaromsaa taha. Yoo ibidda sana sirritti yeroo kenniteefii, fuuldura gortee ibiddicha ilaalaa laficha irraa utuu ijaa hin buqqifatin waan deemaa jiru toátte, ibiddi waan biqiltoowwan guddisuu fi jireenya haaraa itti horu dha. ”
Cultural Burning Project.pdj.13.03.24.014.jpg
Joint research by members of the Ulladulla Local Aboriginal Land Council and academics from the University of Wollongong found that cultural burns significantly improve soil quality, allowing more nutrients and microbes to thrive. Photo: Paul Jones (UOW) Credit: pauljones
Abiddi ajajjan qabsiisamu (prescribed fire), lafa abiddaan naannessanii guggubuu (back-burning), to’annoon guggubuu ykn balaa abiddaa hir’isuuf guggubuu hundi isaa haala eeggannoo qabu keessatti tahe jedhanii abiddaan guggubuun tooftaa itti ibidda to’atan, akkasumas nageenyaa fi naannoofis faayidaa kan qabu tahuu isaa kan agarsiisuu dha.

Professor Anthony Dosseto, ragaalee qorannoo irraa dhiheenya argaman nuu qooda.

Dhiibbaa gubaa lafaa tajaajiloota mootummaan gaggeeffafmuu fi duudhaa aadaadhaan gaggeeffamuu wal madaalchisuu ilaalchisee qorannoo bara 2024 kanneen geggeessan keessaa inni nama tokko.

Qorannoon kun barsiisota Yunivarsiitii Wollongong fi miseensota Gumii Lafaa Aboorijiinaalaa Naannoo Ulladullaa waliin ta’uun kan gaggeeffame ture.

Jiidhina dachee dabaluu fi dhangala’aa hir’isuun karaa lameenuu bu’aa gaarii qaba.

“Fakkeenyaaf, hir’inni dhangala’aa biyyee yeroo ilaallu aadaan gubuun sun hagam akka biyyee fayyadee jiru agarre," jechuun ibsa Prof dosseto.

"Biyyewwan Isa dhaabbata mootummaan ajejeen gubamu caalaa isa aadaan gubamu keessatti carbon fi nitrogen baayyee argine. Dhugaa dubbachuuf carbon fi nitrogen dacheef akkaan babaachisoo dha."

Dhimmichi waaée gubaa lafaa kan aadaa fi gubaa ajajaan tahuu wal mormuu miti jedha Professor Dosseto.

Irra caalaa, xiyyeeffannaan ragaa fi hubannoo gahee aadaa ibidda ibiddaa bosona hir’isuu fi fayyaa sirna eco keessatti qabu qooddachuu dha- gahee hawaasni Saboota Duraa waggoota kumaatamaaf qabaatan hubatamuu dha.

"Kanaafuu, hubannoota kana qabna, fakkeenyaaf tooftaalee to’annaa ibiddaa. Akkasumas yeroo dheeraa… dheeraadhaaf qabiiyyee Hawaasa Saboota jalqabaa, warra Biyya kana wagga kumaatamaaf kununsaa ture qadi qabaa turre. "
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to 

Share