Tuqaalee Ijoo
- Yoo ogeessa fayyaa kee biraa qorichi siif ajajame gara faaramaasii geessitee qoricha kee argachuu dandeessa.
- Faarmaasistootni qorannoo addaa kanneen akka dhiibbaa dhiigaa(blood presure) siif ilaaluu fi lilmee taliillii siif kennuu danda'u.
- Australiayaan Qindeessama Faayidaa Qorichaa ykn PBS jedhamu qabdii. Kunis namni qoricha gatii gaariidhaan bitachuu akka danda’u gargaaruuf qopheessame. Gargaarsa qorichaa kana argachuuf ati Jiraataa Australia tahuu fi Kaardii Medicare qabaachuu qabda jedha
Yoo si dhukkubee doktorri kee qoricha siif ajaje, kan itti aanu faarmasii naannoo kee jiru deemtee qoricha sana argachuu dha.
Qophii Austtraliayaan Ibsamuu jedhu kana keessatti akka itti faarmaasiin Australia dalagu ilaallaa; akkasiin yeroo gara faarmaasii deemtu maal akka irraa eegdu beekuu dandeessa.
Ogeessotni faarmaasii ogeessota fayyaa namni hundi saphlaatti argachuu danda’u, kan tajaajila gara garaa namaaf kennanii dha.
Faarmaasiin qorichoota gosa adda addaa fi meeshaalee fayyaaf gargaaran gara garaa kuusee qaba.
Faarmaasiin hawaasaa, yeroo tokko tokko kemisti jedhamee yaamamu dhukkubsatoota naannicha jiran gargaara; faarmaasiin hospitaalaa ammoo dhukkubsatoota gara hospitaalaa deeman gargaara.
Australia keessa qorichota beekamoo tahantu jiran. Akka tasaa dhukkubsattees tahu ykn dhukkuba yeoo dheeraaf si irra tuttures yoo tahe dooktora kee irraa qorichi siif ajajamuu qaba. Qoricha siif ajajame kana faarmaasii irraa argatta.
Lena Mansour nama ogummaa faarmaasii qabdu Melbourne keessa jiraattuu, nama biyya Egypt fi Australia keessa hojjachuudhaan muuxannoo itti qabduu dha. Akkaataa itti faarmaasiin biyya alaatti dalagan kan asii waliin wal bira qabdee garagarummaa isaa arguu ishee dhugaa baate.
Biyyoota gara garaa lama keessa hojjachuun muuxannoo addaa namaaf kenna. Namootni duubbee gara garaa irraa walitti dhufan akkaataa inni itti dalagu hubachuu irrattis garaa garummaa qabu. Namootni tokko tokko amala qoricha ajajameefii hin beekaan, fakkeenyaaf guyyaa itti dhumatu, ykn yeroon irraa dabru beekuu, kunis qorichi guyyaa ajajame irraa qabee tarii baatii jaha ykn waggaa tokkoof qofaa hojjachuu danda’a taha," jedhti aadde Mansour.
Haalli kan biroon ammo, namootni tokko tokko qoricha dokotorri fayyaa yeroo isaan biyya biraa turan duraan ajajeef Australia keessaa argachuuf gaafatu.
"Haala akkasii keessatti yoo Australia keessatti doktorri waraqaa barreesseef ykn qoricha ajajeef malee faarmaasiin isaaniif kennuu akka hin dandeenye isaanitti nan hima," jedhti Lena yeroo ibsitu.
Qoricha waraqaan ajajamu
Austtralia keessatti Doktora fayyaa seeraan galmeessame qofatu qoricha ajajuu danda’a, sana booda faarmaasii irraa qoricha argachuutu danda’ama.
Waraqaan tokko tokko harkaan barreessamu, kaan komputeera irratti barreessamu, kaan ammoo kan toora interneetaa irraan ergaman (e-script) jedhaman tahu. Kan toora interneetaa (e-script) jedhamu kan bifa koodii qaban kan dooktorri bilbila harkaa ykn gara email namaaf erguu danda’uu dha," jedha Tom Andrew abbaan qabeenyaa Captain Stirling Faarmasii Perth keessa jiruu.
E-scripts are accessible on your phone Credit: Yong Hwee Goh
Faarmaasistooti tarii qoricha gosa wal fakkaataa fi rakasha tahe kan gosa tokko irraa tolchame kan bulchoota tika qorichaa mootummaa Australiiyaan mirkaneessame qabaachuu danda’u.
'Faarmaasii keessa yeroo itti ogeessotni faarmaasii qoricha bakka kennan ni qaban. Kun bakka murtaawaa fi mallattoon maxxanfamee jiru tahuu danda'a," jedha obbo andrew.
"Wanneen gaafataman kaan isaa waanuma sasaphlaa tahe kan akka bakka jireenyaa (address), guyyaa dhalootaa ykn gosa qoricha fudhatanii tahuu danda’a. Kaan ittiin dhukkubsataa adda ittiin baafatan ulfinni qaamaa meeqa akka tahe – Keessattuu gaaffii akkasii yeroo hedduu ijoollee gaafatu. Yoo qorichi ajajameef kan kana dura hin fudhatin taheef gosa (brand) akkamii akka fudhachuu fedhan gaafatu.”
Sana booda hoggeessi faarmaasii qoricha sirrii tahe kennuufiif qorichicha nama sanaaf hanga ajajame qopheessa.
“ Qorichi irra hedduun Daqiiqaa shanii hanga soddomaa gidduutti argachuun ni danda’ama. Qorichi akka haaraatti ajajamee fi dhukkubsataan haaraatti qoricha fudhachuu jalqabu kan namoota yeroo dheeraaf qoricha wal fakkaataa fudhataa turan irra argachuun isaa yeroo dheeraa fudhachuu danda’a," jedha obbo Andrew.
Moggaafama qorichaa
Qorichonni hundi Australia keessatti summii jedhamanii qoodamanii jiru.
Qorichi hundi kanaaf sirnaan qabamee akka nageenya dhukkubsataa miidhuu hin dandeenyetti kaawama.
Kutaa Biyyaa fi naannoo keessa jiraattu irratti hundaawee qoricha tokko tokko argachuun gara garummaa akka qabu beekuun kee barbaachisaa dha.
“Qorichotni ittisa jala hin jirre, gabaa keessa, bakka waa bitatan fi bakka gaaza guuttatan keessaa argachuutu danda’ama. Qorichi faarmaasii keessaa Tarreessa 2 (Shedule 2) jedhamanii yaamaman faarmaasii keessatti qoqqobbiidhaan gurguramu, garuu ammoo bitachuuf waraqaa ittiin jajajame qabaachuu barbaachisa. Kutaalee Biyyaa irra hedduu keessatti, Dhiha Australia irraa kan hafe, namootni ofii isaaniitiin qoricha sana fudhatanii bakka irraa bitatanitti geessatu, garuu ogeessi faarmaasii isaaniif ibsuu barbaachisa," akka ibsa farmaasistii perth Yong Hwee Goh irraa hubatameetti.
“ Qoricha faarmaasii qofti kennuu dha – Tarreessi (Schedule) 3 waraqaa ittiin ajajame qabaachuu hin barbaachisu, garuu ammoo gorsa ogeessa faarmaasiitiin kennama. Sababni isaas yoo akka malee fi hamma barbaadamu caalaa fudhatame balaa waan nama irraan geessisuuf. Fakkeenyaaf qorichotni akka malee yoo fudhatan kan nama joonjessan fi nama gaggabsan ni jiran. Qorichi Tarreessa 4 – Qoricha Ajajaan kennamanii dha. Isaan kun osoo hin fudhatain dura akki itti fudhatamuu fi eenyu akka fudhatu akka gaarii beekamuu qaba".
Gargaarsa qorichaa kana argachuuf ati Jiraataa Australia tahuu fi Kaardii Medicare qabaachuu qabda jedha Obbo Andrew yeroo ibsu.
Pharmacist Lena Mansour - Image supplied. Pharmacist Tom Andrew – Image supplied. Pharmacist Yong Hwee Goh - Image supplied.
"Kana jechuun yoo dhukkubsataan tokko consession qabaate gatiin qorichaa doolaara 7 fi saantima 70 qofa. Qoricha sana baatii tokko ykn lamaaf kan fudhatamu taha. Dhukkubsataan kaan garuu doolaara $31.60n bitata. Kana jechuun faarmaasiin magaalaa gudguddaa keessa jiraates moggaa baadiyaa keessa jiraates gatiin qorichaa hundaaf wal qixa.”
Australiayaan biyyoota hedduu waliin waliif galatee Kunuunsa fayyaa ni qabdii. Kana jechuun yoo ati kaardii Medicare hin qabdu tahe, qoricha gatiin isaa kara PBS gadi hir’ise bitachuu ni dandeessa.
Haa tahu malee, qorichoti Australia keessaa hundi PBS jala hin jiran.
“Qorichoti akkasii kan dhuunfaatti kennamu jedhamu. Qorichi dhuunfaatti kennamu akkasii Medicare jala hin jiran, gatiin isaaniis faarmaasii tokko irraa kan biraatti gara garummaa ni qaba. Yoo Medicare jala hin jirre illee inshuraansii fayyaa kan dhuunfaa namni qabu gargaarsa gatii qorichaa kara sana argachuu danda’a." jedha obbo andrew.
Pharmacists offer a large range of healthcare services and products. Credit: Yong Hwee Goh
Waraqaa ajejameen qoricha kennuu qofa miti sanii oli
Faarmaasistootni tajaajila fayyaa hedduus ni kennu.
“Ogeessoti faarmaasii dhukkubsatoota Hawaasa Kessaa kan dura argan isaan waan taheef mallatoo dhukubaa kan akka qufaa, alarjii, mata dhukkubbii, caccbsaa qaamaa, hooqxoo, kan gogaatti dibatan fi dhukkubbii adda addaa ilaalchisee wallaanuu malu. Ogeessi faarmaasii ajaja Doktora fayyaa irraa kennamu irratti hundaawee qoricha manatti fudhatamu keessa deebi’ee ilaaluu danda’a. Kuni tarii dhukkubsataan qoricha sana fudhachuu irratti rakkoo yoo qabaate gargaaruuf gaarii taha," akka ibsi Yong Hwee himutti.
Ogeessi faarmaasii dhibee dhukubaa kan akka dhukkuba shukkaaraa fi muddama dhiigaa ilaaluu, shukkaara qaama keessaa ilaaluus danda’a.
Kutaa Biyyaa fi naannoo gara garaa keessatti ogeessotni faarmaasii talaallii kennuu, kan akka Covid-19, nama irraa dhorku lilmee qofaa kennuu, qoricha sasalphaa liqimsamu kan ajaja Doktora fayyaa hin barbaachisne kennuu danda’u.
Yoo dhukkuba si irra tutture ykn umrii kee guutuu si waliin jiraate qabaatte, kan akka muddama dhiigaa doktorri kee kan ati irra deddeebitee ofii keetiin bitattu waraqaa siif ajajuu mala .
“ Waraqaan yeroo tokko ajajame akka dhukkubsataan qoricha irra deddeebi’ee ittiin bitatu tahee kan barreessameef tahuu mala. Haala akkasii keessatti ogeessotni faarmaasii waraqaa ajajametti foormii (unka) itti qabsiisan ni qaban. Waraqaa walitti qabsiisaman kun lameen yeroo qoricha irra deebi’anii bitatauuf jedhan walfaana jiraachuu qaban," jedha ibsi Yong Hwee.
Haal tokko tokko keessatti, kan akka gosi qorichaa tokko tokko saphlaatti hin argaman ykn waan addaatiif barbaadamu taha, kanaaf qopheessamuu qabu keessattuu faarmaasotni kan akka kan obbo Tom ni qopheessu.
Inside a compounding pharmacy Credit: Tom Andrew
"Tarii Fakkeenyaaf kan liqimsamaa ture bifa bishaaniittin qopheessuu kan ijoollee kan beeyladaa tahuu danda’a. Qorichi tokko tokko namoota barbaadaniif yeroon fudhatamee barbaadamuufii kan barbaachisu tahuu mala.”
Faarmaasistootn kennitoota tajaajila fayyaa furtuu tahani dha
Mucaa kee dhukkubu ykn dhukkuba yeroo dheeraaf si irra tuttures yoo tahe, gara faarmaasii deemtee ogeessota faarmaasii waliin wal baruu fi Kunuunsa fayyaa kan kee fi kan maatii kee argachuun si gargaara.
Ogeessa faarmaasii hawaasaa taatee jireenya namootaa guyyaa guyyaa gargaaruun Lenaf akka jijjiirama guddaa gumaachiteetti isheetti dhagahama.
Dhukkubasatoota waan isaan yaaddeessu irratti gorsa ni kennitaaf, wallaansa gara garaa isaaniif tahu itti himta, jireenya isaanii guyyuu akkaataa itti gaggeessatan irratti isaan jajjabeessita," jedhti aadde Mansour.
Keessattii jaaroolee gargaaruun guddaa nama gammachiisa, haadholii mucaan isaanii dhukkubsatan gargaaruu fi wallaansa argatanii akka boqotan taasisuun nama gammachiisa.”
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.
Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to [email protected]