Waggaa Haaraatti Maatii koof Waan haaraan taheera- PHD Araarsoo Ol'aanii

Araarsoo Ol'aanii Maatii waliin

Credit: Araarsoo Ol'aanii

Kaadhimamaan PHD, Araarsoo Ol'aanii Monashi University irraa Ayyaanii Dhalchuu Kiristoos ayyaana hiikaa gdi fagoo anaa fi maatii koof qabu dha jedhe.


Araarsoo Ol'aanii dhalachuun Kirstoos ayyaana hiikkaa gadi fagoo naaf maatii koo fi qabdu dha jechuun nuuf ibse. Barri haaraan kun yeroo ammaa Monash University irraa PHD (Doctorate) barachaa jiruu fi waggaa xumuraa irra jiru dha. Wagaan haaraan kun anaa fi haadha warraa koof waan haaraa fide jedha. Anii fi haati warraa koo nama lama turre, mucaa ilmaa, Waaqni nuu kenne wagga kana gammachuun akka eegalu nu taasiseera jedha.

Araarsoon, akkasuma qorataa fi ogeessa Fayyaa ummatatti dabalee hirmaannaa hawaasummaan muuxannoo bal’aa nama qabu dha. Tol’ooltummaas akka hojjetu nutti himeera.

Araarsoon yeroo jalqaba biyya Australia qubate, hawaasni Oromoo qindaawaan ammana gahu jira jedhee hin yaadnen ture, garuu kanan yaaduu olitti arguu kootti soda kophummaa ani qabu na irraa haqe jedhe.

Bara haaraa kana keessatti nama kamiifuu fayyaa fi nagana hawwa jedhe Araarsoon. Sabni keessaa dhufne, bifa taatewwan gara garaan waan dhabe qaba. Waan dhabe kana ammo bara itti argatu akka tahuun hawwa jechuun dhaamsa isaa goolbe.

 

 

 


Share