Tuqaalee Ijoo
- Dargaggoonni umriin isaanii waggaa 10 hanga 17 gidduu jiran miidhamtoota miidhaa saalaa hunda keessaa dhibbeentaa 41 ta'u.
- Hayyamni walqunnamtii namoota hariiroo keessa jiranii fi warra hariiroo keessa hin jirre gidduu jiru irratti raawwatiinsa qaba.
- Waa'ee hayyamaa gaaffii qabaachuun waanuma jiru dha. Qajeelfamoonni haasawa afaanota 16n ni argamu.
Akeekkachiisa: Qabiyyeen kun waa’ee roorroo saalummaa tarii qalbii nama tuqu ykn gadda namatti bulchu qabaachuu danda’a.
Roorrisi saalummaa 36,000 (kuma soddomii jaha) caalutu Ijoollotni umriin isaanii 10 fi 17 gidduu jiran dhibbantaa 41 (41 percent) roorrisi saalummaa kun irratti raawatame. Ijoollee dhiiraa umriin isaanii 15 fi 19 gidduu jiranatu irra hedduu roorrisa kana raawwatan.
Lakkoofsi kun seenaa dhugaa hin dubbatamin ijoollota irra gahaa jiru ibsa. Lakkoofsi kun kan nama wareersu yoo tahe illee garuu ammoo amma illee haala kana jijjiiruuf, waan gaarii godhcuuf hireen isaa ni jira.
Bara 2021 keessa, yeroo mana barmootaa turan, muuxannoo roorrisa saalummaa isaan irra gahe akka qoodaniif toora Instagram irraan Chanel Contos, maxxansitee turte. Waan maxxansame kanatti deebii kennuuf namootni hedduun itti tuuta’anii, dhibbootaan kan lakkaayaman waan isaan mudate, roorrisa saalummaa fi dhaanamuu waan ibsu itti ergan.
Mudannoon kun hundi hin gaabasamne, garuu ammoo miidhaan kun namootuma isaan beekaniin irratti raawatame.
“Waa’ee roorrisa saalummaa, yeroo ijoolleen dhiiraa nuti beeknu ijoollee dubraa nuti beeknutti roorrisan dhimma kana dubbachuu jalqabne. Haala kana keessatti seenaa ofii keenyaa waliif qoodne. Mucaan dhiiraa saalummaa kiyyaaf ana dhaane waggaa tokko boodas hiriyyaa kiyya dhaane," jedhti dubree Contos.
Dubree Contos amma sadarkaa idil-addunyaatti sochiin ishee beekamaa jira, hayyamni maal akka tahe mana barmootaatti akka kennamuufis dhiibbaan tahaa jira.
Bara 2023 keessa hundeessituu sochii ‘Hayyama Nu Barsiisaa’ (Teach Us Consent) jedhuu taatee Badhaasa Waggaa Shamarranii kan New South Wales taatee moggaafamte.
Seenaan ishee jijjiirraan waliin dubbannaa irraa eegala kan jedhu nu yaadachiisa; dhimma kana ifa baasnee walitti dubbachuudhaan, bakka hundumaaf nageenya qabu uumuu akka dandeenyu nu hubachiisa.
Jireenya ijoollee dargaggoo keessatti ifaan walitti dubbachuun, wal amanuun barbaachisummaa isaa akkas jechuudhaan ibsiti.
"Muuxannoo kiyyaa fi kan ani namootatti dubbadhe irraa, namootni muddama qablii isaanii laphee irraa buufatanii, osoo itti hin sheenaíin ykn itti hin qaanfatin akka dubbatan taasisuun, bakka isaaniif qabaachuu keenya agarsiisa," jedhti.
Namootni baay’een hayyamni walqunnamtii barbaachisaa tahuu yoo beekan illee, garuu eessa irraa akka jalqabanii dubbatan hin beekan.
Education is critical to fostering respectful and healthy relationships. Credit: LumiNola/Getty Images
Hayyamni wal-qunnamtii saalaa maal?
Desiree Bensley wal qixxummaa saalummaa dagaagsuu fi gajahumsa saalummaa irratti hundaawe dhorkuuf, kara Respect Victoria jedhamuu hojii guddaa hojjettee jirti.
Hayyamni wali-qunnamtii saalaa waliigaltee namoota san keessatti hirmaatan ilaallata jechuun ibsiti.
“ Waliin dubbannaan saalummaa kan namootni lama waliif galteedhaan dubbatanii dha. Hayyamni akkasii walitti siqeenya namoota gidduutti kan taasisamu kanneen hariiroo waliin qaban fi hin qabnes ni dabala. Nuti yoo wal beeknes, wal hin beeknu tahes, hariiroo waliin qabaannee fi hin qabnu yoo tahes, nama kan biraa irratti yeroo kam illee mirga hin qabnu," jedhti dubree Bensley.
Dubree Bensley yeroo itti dabaltee dubbattu deebii ‘Eyyee’ ykn ‘lakkii’ jedhu kennuu qofaan kan dhaabbatu miti jedhti. Hayyamni wanneen gudguddaa shan akka qabus dubbatti.
Tokkoffaa, Hayyamni bilisaa fi dhiibbaa ykn sodaachisa kan hin qabne tahuu qaba.Namootni dhimmichi isaan ilaallatu lameen kan walii galuu qaban.
Lammaffaa, Hayyamni ifaa fi hubatamaa tahuu qaba. Kana jechuun hayyamni saalummaa kan yero yerootti ifaa fi ifatti walitti dubbatanii fi waliin dubbannaa akkasii keessatti, namnuu ofii isaatiin hayyamee kan itti seenu tahuu qaba,
Sadaffaa, Hayymni akkasii kan jechaan ibsamee dubbatamu tahuu qaba. Kana jechuun haala jiru irraa natti fakkaate kan jedhu sababa quufsaa tahuu hin danda’u.
Afuraffaa, Hayyamni kan itti fufiinsa qabuu fi kan wali gidduutti deemsisamu ykn namnuu qooda irraa fudhatuu dha. Yeroo barbaachisettis kan kaafamu dha.
Abbaan tokko tole jedhee hayyameef, hayyama biraa gargaraatti hayyame jechuu miti, ykn ammoo amma hayyamuun gara fuula duraattis kanumaan itti fufa jechuu akka hin taane hubachuun barbaachisaa dha.Desiree Bensley, Respect Victoria
Shanaffaa, Namni waliin dubbannaa akkasii keessatti qooda fudhatan, kan of danda’an fi bilchina qaban tahuu qaba. Namni tokko haala hirribaa ykn farshaahummaan fi qorsa surrii adoochuun qabamee jira yoo tahe, waliin dubbannaa akkasii keessatti hirmaachuuf gahaa tahuu hin danda’u.
Akka dubree Bensley jedhtutti, wanneen barbaachisoo shanan kana beekuun keenya hariiroo wal gidduutii qabnu wayyeessuuf nu gargaara.
“Hayyamni hariiroo nageenyaa waa hundaaf ijoo dha. Daangaa wal gidduutti akkaataa itti qabaatan, akkamiin akka wal hubatan fi maal akka wal irraa eegan, diddaa fi hayyamuu mallattoolee irraa himu kan hariiroo nageenyaa fi fayyaalessa ittiin wal gudduutii qabaatanii dha," jechuun ibsiti.
Consent is a set of skills that anyone can learn. Source: Moment RF / d3sign/Getty Images
Hayyama ilaalchisee hubannoo dogoggoraa
Alex Cao abbaa seeraa ittisaa yakkaa, jiraataa Sydney kan tahe Hawaasa barsiisuu irratti fedhii guddaa qaba.
Muuxannoo jiruu isaa baroota hedduu keessatti, godaantota haarayaa qubatan kan hayyamuun Australia keessatti maal akka tahe hin beekne, barsiisuun akka barbaachisaa tahe hima.
""aammilttoni kiyya irra hedduun isaanii godaantota biyya kana dhufanii dha, Fakkeenyaaf, hariiroo fuudhaa fi heerumaa, haala saalummaa ilaalchisee hubannaa isaan qaban kan biyya kanaa irraa hedduu adda. Hayyamni erga dhugaatiin machaawanii boodaa hedduu murtaawaa dha. Dhaaniinsa saalaa gabaasuunm aadaan isaa akkasuma isaanitti adda taha," jedha obbo Cao yeroo ibsu.
Hawaasa keessaa namootni tokko tokko hubannaa dogoggoraa waan qabaniif, hayyamuu waan jedhamu kanatti akka adda addaatti deebii itti kennu jechuudhaan ibsa.
“Dararamni namni jireenya keessatti keessa dabre akka gara garaatti namoota miidhuu danda’a. Kana jechuun namootni tokko tokko erga dhaaninsi saalummaa irra gaheen booda, gaddi guddaan isaan mudachuu danda’a. Namoota kaanitti garuu akkasitti itti dhagahamuu dhiisuu danda’a. Gadduu dhabuun namni sun dhaaninsa saalaa himachuun itti hin dhagahamu jechuus miti, jedha obbo Cao.
Miirri ykn dhiphinni jiraachuu dhabuun, namni tokko waa’ee miidhaa saalaa irra ga’e dhugaa hin dubbatu jechuu miti.Alex Cao, Criminal Defence Lawyer
Itti Dabalees, yoo namni hariiroo waliin jireenyaa qaba tahe ykn bifa fuudhaa fi heerumaan waliin jiraata tahe, dhimma hayyamaa irratti waliin dubbachuun akka hin barbaachinetti hubachuunis dogoggora.
Haa tahu malee, dhugaan jiru hayyama malee amalli saalummaa calaqqisan, akkaataa adda addaatti namoota gara garaa irraa kanneen, bifa fuudhaa fi heerumaan waliin jiraatan fi hariiroo wal gidduutii qaban gidduutti ni calaqisa.
Hayyamni waan haala belbeltuu keessatti akka tasaatti tahu miti, garuu waan namni kam illee suuta barataa fi hubannaa isaas horataa deemuu dha.
Dhimmi kun waan jaalala wal gidduutii qabaachuu ti, waliin dubbannaa fi Daangaa Kabajaa waliif qabaachuu ti. Waan hin taaneef namnuu diduu danda’uun hariiroo fayyaalessa wal gidduutti qabaachuuf hundee dha.
Waa’ee hayyamaa barachuuf, namootni wanneen Afaan gara garaan barreeffame dubbisanii irraas barachuu danda’u.
Dubree Bensley duula ‘Hayyamni Baallamaan miti’ (Consent Can’t Wait) jedhu kan mootummaadhaan tumsamu namootni hayyama ilaalchisee hubannaa akka argatan kan gargaaru ni jira jedhti.
“ Yoo ofii keenyaaf hayyamni maal akka tahe hin beeknu tahe ykn hubannaa keenya irratti amantii of irratti hin qabnu yoo tahe, ijoollotni keenya akka hayyama kabajan irraa eeguu hin dandeenyu. Kanaaf, duulli kun, bifa video fi barruu gara garaatiin dhimma kana ibsuuf qophaawee jira," jedhti.
Hayyama amala taasifachuun, barachuu irraa eegala, kun ammoo wal Kabajaa fi hariiroo fayyaalessa wal gidduudhaa qabaachuuf barbaachisaa dha.
Rand Faied tiksituu, gorsituu fi araarsituu kan kallattiin maatii aad-danuu irraa tahan waliin dalagduu dha.
Namootni gaafatama ofitti fudhatanii waa’ee hayyamaa barachuu qaban jedhti. Akkasittis dhaloota guddataa jiran qajeelchuu fi gargaaruus danda’u jedhti.
"Maatiin, ofii kee barsiisuu qabdan. Ofii keessan barsiisuu fi waan barbaachisaa tahetti deebii ofiif kennachuu dandeessu yoo tahe, sun isiniif hedduu barbaachisaa dha. Ijoollee keessanittis dubbachuu hin qaanfatinaa.
Deebii isaa hin beeku, garuu iyyaafadheen sitti deebi’a ittiin jechuu dandeessu. Sun isaaniif abdii kenna, nageenya itti dhageessisa, akkasitti haadhi ykn abbaan ykn lameen isaaniituu isaaniif jiraachuu baru, waan barbaadanii fi gaafachuu qaban hundas ni gaafatu," jedhti aadde Faied.
Yoo ati ykn namni ati beektu dhaaniinsa saalummaa mudate ykn gajaumsi mana keessa ykn kan maatii keessaa yoo irra geesisame 1800RESPECT jedhu ykn 1800 737 732 irratti bilbili ykn toora baraarsa lubbuu 13 11 14 irratti bilbili.
Qophii addaa Australian Ibsamuu jedhu Mootummaa Australia waliin tahamee qopheessame kana dhaggeeffachuu fi dubbisuu keessaniif galatoomaa.