Australia keessatti biskileetii oofuu ilaalchisee gorsa barbaachisoo tahan

Learning to ride

Anyone can build their bike riding skills. Credit: People on Bicycles

Biskileetii oofuun Australia keessatti, geejjibaa beekamaa fi gatii madaalawaa ta’ee dha, Namootni sportiif, bashannanaaf akkasumas hojiif itti fayyadamu. Biskileetii oofuun seera nageenya daandii eeguu s of keessaa qaba.


Tuqaalee Ijoo
  • Australia keessatti yeroo biskileeta oofan waan mataa irra kaayyatan(halmet) kaawwachuun dirqama.
  • Daandiileen biskileettiif tolfaman, daandii, sarara fi toora biskileetii of keessaa qaba.
  • Biskileetii irratti hirmaachuuf carraawwan hedduun jiru, kanneen akka gareewwan hawaasa naannoo waliin oofanii, ykn dhaabbilee biskileetii ispoortii dabalatee.

Biskileettii oofuun jabina qaamaaf bu''aa qabaachuu irra dabree mijataa fi akkasumas geejjiba gatii madaalawaa dabrees kokolaataa oofuu caalaa qulqullina naannoof misha. lqullina naannoof konkolaataa .

Akka qorannoo hirmaannaa deemsa Miillaa fi Biskileetii Biyyaalessaatti bara 2023tti lammiilee Australia miliyoona 9.52 ta’an kanneen biskileetii oofan turan. Namootni baayyeen biskileettii mala geejjibaa dhaabbataa godhachuun itti fufeera.

Wayde Suchodolskiy dhaabbata guddaa officha biskileetii Australia irraa ti.

“Namootni tokko tokko akkaataa itti biskileetii oofan xiqqummaatti hin baratne, garuu gumiin naannoo hedduun sagantaalee namoota jalqabaaf baratan, keessumaa sagantaa goodaantota irratti xiyyeeffate ni qabu," jedha.

"Akkausmas yeroo baayyee lafa bal’aa karaa itti ofitti amanamummaa kee ol kaasuuf itti shaakaluu dandeessu argachuu dandeessa.  Yoo kan bashannana, sochii qaamaa, fi gammachuu hawaasummaaf ooftu tahes gareewwan miseensota haaraa simatan baayyee dha. "

Namootni baayyeen hojii deemuuf biskileetii fayyadamu. Kunis konkolaataan daandii irra heddummachuu hir'ise.

"Biskileettii oofuun fayyummaa ofii qofaaf utuu hin taane, garuu ammoo yeroo fi saffisaan bakka hojii gahuu nama dandeessisa jedha, ""Wayde.

Bakki hojii Australia keessaa baayyeen, namootni yemmuu achi gahan bakka biskileeta itti hidhatan, kanneen akka bakka nageenyaan biskileeta itti hindhatan nagenya qabu ni qabu jechuun ibsa Wayde.

" Uccuu hojii bakka hojiitti dhiisuu yeroo bakka hojichaa geessan jijjiirrachuun ni danda''ama. Dhaabbataatti deemuun karaa itti fayyaa ofii tikfatani dha, akkasumas maallaqa qusata. Tarii uffata haala qilleensaa waliin siif mijatu fi biskileeta rooba dhorku bitachuuf qarshii guddaa baasuu malta, "
Bike riding to work
Cycling to work has health benefits and reduces the number of vehicles on the road. Credit: Nate Biddle/Pexels
Namootni baayyeen hiriyaan ykn maatiin barsiifamanii biskileeta oofu, akkasumas illee gartuun biskileettii ooofuu fi dhaabbleen nama gargaaruu danda’aniis ni jiru.

Christina Neubauer Daarektarri Olaanaa ummata biskileeta oofanii kan dhiha Australia, dhaabbata hawaasummaa kan barnoota biskileetii workshopii akkasumas barnoota kennu yoo taatu, kaayyoon ishee namootni baayyeen biskileetii akka fayyadamani dha.

“Hawaasa barachuu barbaadan, maatii waliin oofaa jiraatanis dandeettii isaanii fi of-irratti amanamumaa isaanii guddifachuu barbaadaniif leenjii ni kennina, yoo yeroo dheeraaf kan hin oofin turan tahe kaayyoo isaanii biskileettii fayyadamuuf qaban irratti ni gargaara, "jedhti Christiinaan.

"Dhiheessitootni naannoo biyyaa keessatti argaman kan namoota gurguddaa barsiisuuf dandeettii addaa qaban ni jiran."

Akkaataa nageenya qabuun biskileeta oofuu beekuun barbaachisaa dha.

“Biskileeta kee beeki, haala qabaa gaariin qabi.  Qulqulleeffadhu- tohadhu, brake akka itti qaban bari, meeshaa qaama biskileetii kee hunda akka itti gargaaramtu beeki, akkasumas hatattamaan dhaabu yeroo qabdus beeki. Akkamiin duubaa fi dura kee akka mil’’atus bari, ammo akkamitti mallottoo maquu agarsiiftus beeki," jedhti Christiinaan.
"Addunyaa konkolaataan keessa guutte keessa waan jiraannuuf , yeroo biskileettii ooftu ati mul’achaa akka hin jirre hubachaa oofi, kaan si argaa akka hin jirre hubadhu- kana jechuun namootni naannoo kee konkolaataa oofaa jiran si argaa akka hin jirre tilmaamii sirnaan, of-eeggannoon oofi. “
Christina Neubauer, People on Bicycles
Cycling collage.png
Left: Wayde Suchodolskiy, The Bycyle Network. Right: Christina Neubauer, People on Bicycle.

Traafika karaa fi seera biskileetii hubachuun barbaachisaa dha.

Kun yeroo hunda iyyuu wanneen of eeggannoof mataatti kaayyatamu fayyadamuu, dabalata, jechuun ibsa Wayde Sucholdolskiy.

“waan mataatti kaayyatamu ykn helmetii kaayyachuu dirqama biyyoota taasisan keessaa Australiyaan ishii jalqabaa ti. Yeroo hunda mataatti uffachuu qabda, yoo of irraa hin qabaatne adaba qabaata.  Halkan, akkasumas haala qilleensa badaa keessatti, biskileetiin kee ifaa  meetira dhibba lama (200) irraa mul’atu qabaachuu qaba.

" Bakka ifaa diimaan ifetti fi mallattoon dhaabi jedhutti dhaabbadhu jedha seerri naannawa hedduu keessatti, namootni gurguddaan bakka miilaan irra deemamu irra akka oofan hin hayyamamu, ijoolleen garuu ni danda’u. Yeroo biskileeta ooftu bilbila harkaa hin fayyadamin, garuu ammoo, yoo kan gurraan itti dhaggeeffatan ykn headphones fayyadamta tahe, seerawaa dha."
Be visible when riding a bicycle
It's important to be visible when riding a bicycle. Credit: Jackie Alexander/Unsplash
Yeroo biskileeta ooftu yoo uccuu addaa namootni oofan kaan fagootti si arguuf dandeessisu yoo uffatte hedduu bu’a qabeessa.

“Haguma biskileetiin baayyeen karaa irra oofamu nageenyis mul’ata jira- sababa kanneen oofan jireenya keenya arganii itti of sirreessaa deemaniif.  Waan gaariin tokko naannoo kee sirriitti ilaallachuu, jejachuu balaan jiraachuu isaas hubachuu dha," jedha Wayde.

"Balaa hedduu daandii, walitti dhufeenyaa (intersections) irratti dha, kanaaf yeroo achi irra dabartu suuta ilaalladhu, ooftotni kaan maal gochuu akka malan hubadhuu ilaali. Keessattuu kallattii ati itti deemtu irraan konkolaataa bitaa ykn mirgaa goran ilaalladhu."

Biskileettota gosa gara garaatu jiran, biskileeta gaaraa gommaa babal’aa qaban akkasumas biskileeta fiigichaa warreen gommaa qaqallaa qaban, kanaaf isa kam akka barbaadduu warreen biskileeta gurgran naannoo keetii gorsa gaafachuun faayida qabeessa.

“Dhugaa dubbachuuf Ïmalli keenya hedduun 4km keessa, salphaadhumatti kana biskileetiin bakka bu’uu dandaá. Warreen karaa gabaabduu akkasii, oofuu irra biskileeta filataniif meeshaa ykn biskileeta addaa isaan hin barbaachisu. Namoota karaa fagoo hojiif imalan kan akka 15km ykn sanaa ol deeman itti qophaawuu qabu,"jedhti Christiinaan.

Utuu imala hin eegalin, akkaataa bisikleetaan deemuuf jedhtan karoorfachuun dansa. Karaa salphaan daandiilee biskileeta irra oofan baruu dandeessan Google map keessa barbaaduudhaan. Bakka irraa kaatanii fi bakka geessan itti barreessuun cycling akka geejjibaatti tuquun ilaaluu dandeessu. Achii booda karicha nama baasuu isaa yaalanii ilaaluu dha.”
Bike lane on a Melbourne road
A bike lane on a Melbourne road. Credit: Pat Whelen/Pexels
Magaalotni naannawaan Australia keessaa hedduun daandii biskileetaaf tolfame ni qabu,

"Karaa konkolaataa kan hin taane daandii irraa maqanii jirani, kanneen akka qarqara galaanaa namoota miilaan deeman cina biskileeta oofuunis ni danda’ama.” Naannawan biqiltuu uumamaa jiran akkasuma bakka bashannanaa, konkolaataa irraa bilisa tahanii biskileeta oofani dha," jedha Wayde.

Biskileeta oofuu barbaadnaan namoota fedhii akkasii qaban jajjaboo arguuf filmaata hedduutu jiran.

“Biskileetii oofuu jechuun namoota adda addaaf hiikaa adda addaa qaba.  Hojiif, bashannana qofaaf, sochii qaamaaf ilaalcha kennuuf, fagenyaa fi saffisaaf , gaara bahuf, bakka biskileetti itti oofamu deemuuf, BMX kan kana fakkaataniif. Wanneen kun kunduu garuu dhaabbilee mata mataa qabu, klabii spoortii fi klabiin hawaasaa kanneen namoota fedhii qaban kan deggeran ni jiran,"jedhiti Christiinaan.

Gartuun hawaasa naannoo biskileeta oofanis ni jiran, akkasumas carraan ooftoota kanneen kaan waliin karaa midiyaa hawaasaa wal qunnamuuf carraan jira jedha," Wayde.

And as Christina Neubauer biskileetii oofuun Australia keessatti waan namni hunduu irraa hirmaachuu qabu jechuun addeessiti. Gareen gara garaa hirmaatanii arguus barbaaddi.

"Hirmaatnáa dubartoota sadarkaa ol''aanaatti argguu barbaadna, walii galatti dubbachuuf ijoollee dabalatee dubartootni balaa irraa of-eegoo dha. "  

Australia keessatti biskileeta oofuu ilaalchisee odeeffannoo dabalataaf kan armaa gadii furgaasaa ilaalaa:


Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   


Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to 

Share