Australian Sagalee referendamii warra abbootii dachee(indigenous) “Lakki” jedhte

The Aboriginal flag and Torres Strait Islanders flags

Refrendamii seena-qabeessa Sanbata xiqqaa dabre gaggeeffameen kutaalee biyyattii jaha fi Northern Territory keessatti sagaleen “Lakkii”galmaa’eera. Sagalee eeyyee kan galmeesse Magaalaa guddittii Australia qofa ture.


Tuqaalee Ijoo
  • Sagaleen refreendamii gaggeeffame sagalee warra abbootii dachee paarlaamaa keessatti, ”Lakkii” kan jedhu Sagalee guddaa argateera.
  • Kutaaleen biyyaa jaha fi naannoon kaabaa Sagalee “Lakkii”kan galmeessan yoo tahu, ACT ammoo “Eeyyee”jedhee Sagalee kenne
  • Muummichi Miniseeraa Antoonii Albaneesii lammiilee Australia akka walitti dhufan dhaamaniiru
 
Australian Sagalee referendamii paarlaamaa keessatti kan warra abbootii dachee(indigenous) “Lakki” jedhte.

Yaadni Sagalee Paarlaamaa keessatti, jedhu dhiyaate waggoota kurnan lama oliif refrendamii Australia keessatti isa jalqabaa irratti moámeera.

Lammiileen Australia yaada Sagalee warra abbootii dachee mana paarlaamaa kan Heera Mootummaa keessatti galmeessisuuf dhihaate kuffisan.

Refrendamii seena-qabeessa Sanbata xiqqaa dabre gaggeeffameen kutaalee biyyattii jaha fi Northern Territory keessatti sagaleen “Lakkii”galmaa’eera.

Sagaleen “Lakkii” jedhu lakkoofsa waliigalaa biyyaalessaa keessattis dursee jira.

thumbnail_Article - Lead image.jpg
Ballot papers are seen at a counting centre in Melbourne, Saturday, October 14, 2023. Australians will vote in a referendum on October 14 on whether to enshrine an Indigenous voice in the country's constitution. (AAP Image/Con Chronis) NO ARCHIVING Source: AAP / CON CHRONIS/AAPIMAGE
Sagalee “ Eeyyee” kan galmeesse Magaalaa guddittii Australia qofa ture.

Muummichi Minsteeraa mufate, Antoonii Albaneesii, itti-bahi kun “ nuün nu hin ibsu, nu hin qoodu jechuun cimsanii dubbataniiru.

PM Australia.jpg
Australian Prime Minister Anthony Albanese delivers a statement on the outcome of the Voice Referendum at Parliament House.

“Amma walitti dhufnee karaa adda tahe barbaadnee araara buusuun hunda keenya irraa eegama.”

Hogganaan paartii mormituu Peter Dutton, referandamiin shaakala Australian “qabaachuu hin barbaachifne” jechuun biyyattiin akka tokkoomtu gaafataniiru.

Opposition Leader Peter Dutton and Shadow Minister for Indigenous Australians Senator Jacinta Price address the media following the referendum. Source: AAP / JONO SEARLE/AAPIMAGE
Opposition Leader Peter Dutton and Shadow Minister for Indigenous Australians Senator Jacinta Price address the media following the referendum. Source: AAP / JONO SEARLE/AAPIMAGE Credit: SBS
Yaadni dhihaatee fi adeemsi kun kan qophaa’e lammiilee Australia tokkoomsuuf malee nu qoqqooduuf miti” jedhan.

Austraaliyaanonni warra abbootii dachee tokko tokko itti-baha Sagalee kennamee hordofuun “ torban callisuu” fudhachaa kan jiran yoo tahu, kaan ammo maaltu gara fuula duraatti tahuuf akka jiru ilaaluutti fuula deebifataniiru.

Minsteerri Abbootii Dachee Australiyaanotaa fi kan Sagalee “Eeyyee” f hawwattu Linda Burney akka jedhtetti, Sagalee kenname hordofuun dhalootni haaromfame filmaaticha hordofee akka as bahu abdiin qaba jedhte.

Sagalee “Lakki” kan deemsisaa ture beekamaan Nyunggai Warren Mundine itti bahi kun dhimmoota warra abbootii dachee mudatan ilaalchisee lammiileen Australia “wanti hojjetamuu qaban akka hojjetaman barbaadu” jedhe.

“ Namootni jeequmsa, miidhaa, sodaachisa, fi amala diigumsaa hawaasa warra abbootii dachee tokko tokko keessatti tahaa jiru irra ija qabaachuu dhiisuu qabu” jedha.

Sagalee referendum warra abbootii dachee gara mana paarlaamaa kan bara 2023 ilaalchisee karaa Networkii SBS ilaalcha Saboota Duraa(First Nations) dabalatee Karaa NITV hordofaa. Hidhaa kana furgaasaa Odeeffannoo afaan englishiin argattu.

Barruulee, viidiyoo fi podcast afaanota jaatamaa oliin argachuuf, ykn oduu fi xiinxala haaraa, dokumenterii fi wanneen bashannansiisoo tahan tola argachuuf hidhaa kana furgaasaa ilaalaa.

Share