Tuqaalee Ijoo
- Yoo hin galmoofne tahe hariiroo walitti galanii jiraachuu ilaalchisee manni murtii murtoo kennuuf waanti wal fakkaataan hundaaf tahu hin jiru. hundaafuu akka haala isaanii irratti hudaawa.
- Dhaabbatni warra walitti galanii jiraatan mirga warra wal hin fuudhnee kana ni eega, ega adda bahanii boodas tahe yoo tokkoon isaanii du'aan boqotanis tahe.
- Warri walitti galanii jiraachaa turan ega adda bahanii booda waldhabbii ka'u jaarsummaan furachuu danda'u.
Australia keessatti namootni lama akka michuutti waliin jiraatu yoo tahe, yoo wal hin fuudhne illee tahe hariiroon isaanii beekamtii seeraa qaba.
Namootni lama wal jaalattanii waliin jiru taanaan , hariiroon walitti galanii jiraachuu(de facto relationship) Australia keessatti Seera Seera Maatii tahuun bal'inaan beekama. "
Adeemsi fi ulaagaaleen hariiroo keessanii bifa walitti galanii jiraachuu jedhuun beekamtii kennamuufiin naannoo ykn Kutaa biyyaa keessa jirtan irratti hundaawee ti.
Fakkeenyaaf , Kibba Australia keessatti walitti galanii jiraachuu ykn de facton kan galma’uu . jalatti. Australia keessaa iddoo kamuu yoo jiraattan beekamtii seeraa kenna.
Lesbian couple looking at mobile phone and smiling in living room at home. Credit: eclipse_images/Getty Images
“Sun tarii namoota visaafaa argachuu barbaadan fayyaduu danda’a, tarii michuu lameen keessaa tokko yoo du’aan boqote, hariiroo waliin jiraachuu qabaachuu isaanii mootummaatti agarsiifachuu danda’u, yoo dhimma tajaajila fayyaafis tahe ykn aanteen kee eenyu kan jedhuuf yoo barbaachisu kkf ni fayyada.”
Warra walitti galeef waa'ee ijoollee ilaalchisee galmaa'uun kallattumaan seera mirgaa lameeniifuu kenna. akkasumas gargaarsa barbaachisu argachuuf ni salphata..
Hariiroo warra walitti gale ilaalchisee murtoo mana murtii
Manni murtii yeroo murteessuuf waan tokko tokko adda baafatu kanneen armaa gadii ilaalcha keessa galcha:
- Hagam akka waliin jiraatanii fi ilaalcha hawaasaa
- Hariiroo abbaa manummaa fi haadha manummaa qabaachuu
- Qabeenya waliin qabaachuu fi walii galtee qabeenya irratti qaban
- Jireenya waliinii keessatti hagam gadi fageenyaan waliin jiraataa turuu
Hariiroon walitti galanii jiraachuu garmalee hubatamaa waan jiruuf ,ulaagaalee manni murtii irratti hundaa’u haalota adda tahan irratti.
Adde Evans akka ibsitutti wanneen beekamoon lama yeroo waliin jireenyaa ilaalchisee garmalee hubataman ni jiru jedhti.
“Namootni baayyeen walitti galanii jiraatuu ykn de facto” jedhamuuf wagga lama waliin jiraachuu qabda jedhanii yaadu, kun dhugaa miti. Namootni baayyeen ammo yoo nama walitti galtee jiraachaa turte irraa adda baate tasumatti qabeenya nama sanaa harka shantama qoddatta jedhanii yaadu. Ammas, kun dhugaa miti. Seera dhimmaa(case law) keessatti yoo kan walitti galtee jiraachuu baattees mana adda addaa keessa jiraachuu ni dandeessa kan jedhu jira.”
A Young Man is Distraught and Ignoring her Muslim Girlfriend While Arguing. A Man and his Muslim Girlfriend are Having a Serious and Harsh Communication Due to the Problems They are Going Through. Credit: ProfessionalStudioImages/Getty Images
Damien Greer, ogeessi seeraa Brisbane kan seera maatii irratti hojjetu haala kana ibsa.
"Yeroo baayyee hin tahu. want akkasii yeroo namoonni wal fuudhanii jiran wal hiikanii, garuu ammoo wal-hiikinsaaf tokkoon isaanii iyyuu man murtiitti hin iyyatin yeroo hafanii booda ammoo gara hariiroo biraa uummachuutti deebi''an dhalata."
Walitti galanii jiraachuunuu yeroo hafu, waldhabbiin ijoollee irratti ni ka’a, kanneen akka ijoolleen eenyu bira akka teessu, qunnmtii ijoollee qabaachuu rakkoon akkasii kun hundi akkuma ijoollee warra gaa’eelan jiranii harka mana murtiin to’atama.
"Michoonni walitti galan, akkuma warra wal fuudhee, yeroo waliin jiran sanitti walii galtee maallaqaa waloo qabaachuu danda’u, jedhti adde Evans yeroo ibsitu.
“”Waan lameen keessanuu hariiroo keessanitti gumaachitan galmeessa. Akkasumas adda bahumsi gaafa dhalatu akkaataa itti qabeenya fi dirqamni akka isin gidduutti qoodamu murteessa.
Waanti hubatamuu qabu, waliigalteen akkasii ogddssa seeraa qofaan qophaawuu qaba jedhti.
“Wuxinee galmee kanaa baasuufis abukaattoo argachuu isin barbaachisa. Abukaattoon kun faayidaa fi miidhaa waiigaltee gosa kanaa gochuun qabu irrtti gorsaa seeraa wallaba siif kennuu isaa malletteessuu qaba.
Jaarsummaan waldhabbii hiiktuu
Lameen walitti galanii turan amma adda bahan kun waldhabbii dhimma ijoollee fi maallaqaa ilaalchisee ka’uu malu waliigalteen xumuruuf jaarsummaa ilaalcha keessa glachuus danda’u.
Gorsituu Hariiroo Australia kan Dhiha Australia Fiona Bennett, qaamoleen lameen utuu miira isaaniin hin fudhatamne, walii galtee haqa qabeessaa fi wal qixa tahe irra akka gahaniif jaarsummaan gargaaruu ni danda’a jedhti.
Ega wali hiikaniin booda qoddannaa qabeenyaa fi hadhaadhiyya michoo ilaalchisee manni murtii murtoo kennuu ni mala.
Family law concept. Family Paper and hammer on the table Source: Moment RF / Rapeepong Puttakumwong/Getty Images
Akka filannootti, michoonni duraanii(former partners) waliigaltee waliinii irra gahuu qabu, garuu waliigalteen sun seeraan seera qabeessa ta’uu isaas mirkaneessuu qabu jedha obbo Greer.
Karaa biraa, lameenuu walii galtee ga'eessaa qabaachuu fi waliigalteen isaaniis seerawaa tahuu fi glmaa'uu mirkaneeffachuu qabu.
"karaaleen lamaan galmeessuu dandeessan, manni murtii hayyamaan ajaja akka baasu gaafachuu, dhimma maallaqaa furuu, ykn waliigaltee maallaqaa irra gahuu ykn taasisuu dha jedha " obb Greer.
Jaarsummaan fixachuun of-kenninsa gaafata. yoo abbaan tokko akkasitti akka xumuramu barbaade warri tajaajila akkasii kennan ammoo isa tokko gaafachuun fedhii jaarsummaan fixachuu barbaaduu isaa mirkaneeffatu.
A father is standing in the doorway of their home with his son as they say goodbye to the mother who is going to work. Credit: SolStock/Getty Images
"Namootni lameenuu bakka tokko kutaa tokko keessa waliin tahanii dubbachuu danda'uu isaanii hubachuu barbaadna, ykn iddoo tokko taahuu hin danda''an yoo tahe yoo xiqqaate karaa araarsitootaa waliin dubbachuu danda'uu isaanii baruu fedhna. "
"Kan gulaalluuf balaa to’achuufi. Utuu adeemsa jaarsummaatti hin seenamin dura miirri kanneen akka jeequmsi maatii ykn gajaúmsi maatii keessaa kan jiru yoo tahe waanti beekamu yoo jiraate dursanii beekuun gaarii dha . "
Dhumarratti, faayidaan jaarsummaa namoota lameen adda bahan , waldhabbii isaanii bifa humneessaa taheen furachuuf yaaluu danda’u.
"Yoo mana murtii irraa eegaltan, adeemsi isaa akkuma beekamu faallaa ykn wal mormisiisaa taha.
An interracial married couple talks to therapist together about their life. The asian woman tried to explain how he won't listen to her. Her husband looks at the floor in embarrassment. Credit: FatCamera/Getty Images
Walumaa gala odeeffannoo waa'ee hariiroo fi seeraa ilaalchisee , kan jedhu kana xuqii ilaali.
Odeeffannoo waa'ee hariiroo maatii fi tajaajila isin gargaaruu danda'u argachuuf marsariitii Mootummaa Australia dhimma maatii illaallatuuf asi tuqaa ykn 1800 050 321 bilbilaa
Are you in a crisis?
Emergency call 000|Lifeline 13 11 14|National sexual assault, domestic violence counselling service 1800 737 732.