Tuqaalee Ijoo
- ummatoota Saboota Duraatif fayyaan yaada waliigalaa, wali hidhata miraa fi fayyaa qaamaa, hawaasummaa fi hafuuraa ti.
- Qorichi aadaa waan qabatamaa fi afuuraa of keessaa qaba.
- Fayyistootni aadaa beekumsa fi dandeettii fayyisuu isaanii dhaloota irraa dhalootatti dabru irraa argatan.
- Qorichi aadaa fi ammayyaa harka wal qabatanii hojjechuu danda’u akkasumas haala aadaan wal simateen tajaajila dhimma ofiifis argachiisa.
Ummata Saboota Jalqabaatiif, fayyaa jechuun dhukkubasachuu ykn michaa’uu dhiisuu kan caaluu dha. Walumaa gala nagahooma bifaa, kan gamtooma hawaasaa fi afuuraa akkasumas miira namaa kan walitti qabee jiruu dha.
Kanaaf, qorichi ykn qorsi aadaa Abbootii dachee dhukkuba qaamaa qofaa kan wallaanu miti. Garuu akka itti rogi addaa addaa kan nagahooma namaa walfudhatu irratti xiyyeeffata.
Dr Alana Gall dubartii Truwulway kan sulula Kaaba bahaa Lutruwita kan taate University Southern Cross tti gargaartuu qorattuu dhimma qoricha ykn qorsa umamaa ti.
"Biyya keenyatti, qoricha uumamaa gara garaa dhimma baana, abbaa kiyya yeroo hunda waan gara garaa adamsee funaana, ayyaaneffataa fi qophiilee afuuraatu gaggeessama, kanaaf jireenya kiyya keessatti bakka guddaa qaba."
Dr Alana Gall
Bosonni dachee Australia keessa bakka murtaawee dha, waan hundi bosona keessaa hin dhufu. Kanaaf, jechi kun maal akka tahe nan hubadha, sun gaarii dha, namootnis dhimma itti bahan ni jiran, garuu akkas jechuun kun akka namootni qoricha qaamaa, kan afuuffatan ykn dibbatan ykn liqimsa jedhanii yaadan taasisa. Garuu qorichi keenya sana irra caala.
Jechi "qoricha bosona" jedhu, yeroo baayyee qoricha aadaa waliin wal jijjiiruun kan itti fayyadaman, qorichi aadaa maal akka ta'e hubannoo namoonni qaban daangessuu danda'a jedhti.
Haa tahu malee, "Qorichi keenya san irra caalaa dha," jechuun ibsiti.
"Qorichi aadaa ayyaaneffata fayyisuu, qoricha afuuraa, akkasumas fayyistoota aadaa, of keessatti qabata."
“Traditional medicine can encompass healing ceremonies, spiritual medicine, and traditional healers.”
Akkasumas Biyyi keenya, dacheen keenya fayyisaa tahuu isaa agarra. Kanaaf, nuti akkasumas Biyya qorichaa ti. Garuu kana hundumaa keessatti waan hawaasni keenya bakka hundaa yeroo ammaa dubbataa jiru, akkumas beeknu itti jirruu fi godhchaas jirru kan ummatni itti gargaaramaa jiru irraa hubanna.Dr Alana Gall
Fayyistoota Aadaa
Debbie Watson, ngangkari irraa ykn fayyistuu aadaa Aborjina kan taate Pipalyatjara keessa kan dachee Aṉangu Pitjantjatjara Yankunytjatjara Kibba Australia keessa jirti.
Fayyistoonni Ngangkari hafuura qindeessuu irratti gargaaru, akka qaama namaa isa ijoo ta'ettis ilaalu.
Harka kiyyaan nama nan fayyisa. Keessa isaanii ilaalee humna isaan qabanis natti dhagahama, waan isaan of keessaa qaban dhukkubbiis nan hubadha. Afuura waliinin dalagaa.
Aadde Waatsan hafuurri sun yoo iddoo gad-dhiise ykn cufame dhukkubbii, yaaddoo fi mallattoolee biroo fiduu akka danda'u ibsiti.
"Hafuurri miidhamuu hin danda'u, " jedhti.
Dandeettiin fayyisuu dhaloota irraa dhalootatti dabre.
Adde Watson,hidda fayyistoota dheeraa irraa dhufte. Intala xiqqaa taatee dandeettii kana abbaa ishee irraa baratte.
"Akkan fayyiftuu tahu na barsiise, fayyiftuu cimtuu".
Debbie Watson
Jaarmaya bu'a maleeyyiin dalagu kan shaakala isaanii baroota dhibbootaaf ture kan jajjabeessuu dha. Yeroo akkas godhus Namoota Aborigina tahanii fi hin taanes kan fayyisuu dha.
Dr Francesca Panzironi hudeessituu fi itti mataa ANTAC taatee Aadde Watson waliin walitti siqeenyaan dalagdi.
Waa’ee qoricha aadaa Aboriginaa baruuf hawwiin isheen qabaatte fi hir'in barreeffamaa karaa kana jiru akka isheen “caalaatti gidi qottee bartuuf” ishee jajjabeesse.
Ega ngangkaris waliin Kibba Australiyaatti wal arganii fi hawaasan marihatteen booda Dr Panzironiin tajaajilli akkasii akka barbaachisu hubatte.
From left, Dr Francesca Panzironi and Debbie Watson
Ummatni dhugumatti ni barbaada. Kun akkasumaan oduu qofa miti. Ummanti wallaansa kana yeroo argatan ni fooyyawu, isaan barbaachisa.Dr Francesca Panzironi
Har’a ANTAC fayyina aadaa tajaajila fayyaa irraa kaasee hanga tajaajila mana amala sirreessaa fi dhaabbilee biroo baruu fi muuxannoo argachuuf fedhii qaban kam iyyuu ummataaf akka dhaqqabamu taasisaa jira.
While traditional healing does not replace the biomedical model, "it can work hand-in-hand" and offer more culturally sensitive treatment to their issues, says Dr Panzironi.
Fayyisni aadaa qorichaa fi qorannaa ammayyaa bakka bu'uu baatus " harka-wal-qabatee hojjechuu dandaá akkasumas jaraa aadaan wal simateen tajaajila kennuu irratti qooda kennuu danda'a,jedhti Dr Panzironi.
“Harka-wal-qabatee hojjechuu danda'a”
Dhalataa Bungoree fi Matora kan tahe qorataan kemistii, Brett Rowling Dr Gall waliin walitti siqeenyaan dalaga.
Qorichi aadaa fi qorichi ammayyaa faallaa fakkaatus, wal-dabalachuu akka danda’u, fi ilaalcha adda addaa, adda ta’e lama akka jiraatu hayyama jedha.
Tokkoffaa, oduu afaaniin daddabarsamu, kan barsiisamuu fi seexaa dhoksaatti qabamee ittiin jiraatamu, akkasumas gama kaaniin akkaataa warri adiin itti dalagan, qoratan fi xiinxalanii dha. Isaan kun lameen waliif faallaa dha.Brett Rowling
Fakkeenyaaf, paracetamol daataa fi xiinxala saayinsii ammayyaa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, qorichi aadaa seenaa afaaniin nutti dabres akkuma kana bu’a qabeessa ta’ee hojjechuu danda’a, dhimma tokkoof ilaalcha adda addaa lama, garuu ilaalcha guutummaa dhimma tokkoof kenna.
Brett Rowling
Adde Rowling, "Yeroon yeroo itti dhammaqanii kana ummataa fi addunyaatti agarsiisani dha," jedhti aade Rowling.
Waan baayyee addunyaan irraa fayyadamutu beekumsa kana keessa jira jedhti, Dr Gallis
"Australia keessatti, nuti aadaa durii fi itti fufee jiru dha lafa kana irraa. Kanaaf ogummaa nuti qabnutu jira, waa'ee lafa kununsuu, waa'ee akkaataa dur itti jiraachaa turretti akka itti qorichi itti hojjetamu beekna. "
Beekumsa sana yoo fayyadamne, rakkoolee har'aa kanneen akka gosoota bactaria antibiotikaan wal baranii fayyina nama dhorkan kanaaf jijjiirama uumuu dandeenya, jechuun ibisti Dr Gall.
Saayinsiin ammayyaas ragaa fi xiinxala barbaachisaa ta’e kennuudhaan nageenya qoricha aadaa sakatta’uu danda’a.
Beekumsa tiksuu
Haa tahu malee, beekumsa kanaaf ittisa gahaan osoo hin kennaminiif namootni tokko tokko dabarsanii qooduuf fedha hin qaban, irra hamaan ammoo, maanguddoon utuu dabarsanii hin kennin dabru, beekumsa sana fudhatanii jechti Dr Gall.
"Dhugaan jiru, beekumsi keenya tikfamee hin jiru. Kana jechuun beekumsa kana dabarsinee tola kennuun nuuf nageenya hin qabu."
Dhaabbileen qorichaa, meeshaalee miidhaginaa fi qonnaa beekumsa sana fudhatanii daldalaaf oolchuu fi bu'aa guddaa argachuu akka danda'an dubbatti.
Kana irraa kan ka’e namoonni beekumsa kana qaban ofiif argachuu fi fayyadamoo ta’uu dhiisuu danda’u, kunis itti fufiinsa irrattis yaaddoo uuma jechuun dabalti.
Galiin yeroo dheeraaf Dr Gall qabdu sirni waan kanaa bakka jiraachuu akka qabu taasisuu fi beekumsi kun fayyaa nama hundaaf faayidaa akka qabaatutti wal gidduutti qooddachuu danda’uu dha.