Bohaartii barnoota boodaaf gatii madaalawaa fi hunda hammate argachuu

20241206_Huddle Up!_Volleyball-7_TheHuddle.jpg

Huddle Up! Volleyball program at The Huddle.

Bohaartii barnoota-boodaa ijoollee fi dargaggootaaf faayidaa hedduu kan kennu ta’us, baasii kan cimu tahuu danda'a. Akka carraa ta’ee, Awustralaliyaan filannoowwan gatii madaalawaa fi hunda hammate hedduu qabdi, odeeffannoo isaaf eessa irraa akka ilaaltu beekuu qofa qabda.


Key Points
  • Bohaartiin barmoota-boodaa ijoolleef bu'aa hedduu qaba, beekumsa guddifachuu, hariiroo hawaasummaa fi nageenya sammuu fi qaamaa fooyyessuutti dabalee.
  • Librarii, galma dargaggootaa fi hawaasaa, akkasumas sagantaalee mana barumsaa fi vochure mootummaan kennu dabalatee Filannowwan tolaa fi gatii madaalawaa baayyeetu jiran.
  • Yeroo ijoollee keessaniif bohaartii barmoota-boodaa filattan fedhii ijoollee keessanii, dandeettii fi haala isaanii irratti hundaawuun hirmaachisu yaalaa.
  • sagantaaleen hunda hammatanii fi hirmaachisan miira of tahummaa fi hariiroo hawaasummaa guddisuu keessatti gahee guddaa qaba.
Kubbaa miilaa, dambalii, baaleetii, piyaanoo, cheezii, aartii fi ogummaa harkaa, nyaata bilcheessu, kubbaa arguffaa, teenisii...kkf Australia keessatti taatewwan barnoota boodaa kana ilaalchisee yeroo ilaallu daangaaffamaa dha.

Bu'aa bohaartii barmoota-boodaa

Qorannoon akka mul'isutti ijoolleen sochiilee kana irraa qooda fudhachuun bu'aa guddaa akka isaaniif qabu dha. Dandeettii isaanii guddifatu, ammoo nageenya sammuu fi qaamaas fooyyeffatu, of irratti amantummaa fi akkaataa jireenya hawaasummaas baratu.

“Waa’ee gosa ispoortii fi sochii qaamaa barnoota boodaa, daa’immanii fi dargaggootaaf, waan hunda ofi irraa dhiifta yoo tahe, dhugaa dubbachuuf ijoollee fi dargaggootaaf taphi kun yeroo gammachuu isaanii ti akkasumas yeroo bashannanaa fi qaama hawaasummaa, yeroo itti hiriyaa haaraan wal baran fi waliin yeroo dabarsani dha," jedha Ramon Spaaii, professorri hawaasummaa kan Universiitii Victoria.

Itti dabalees warra si waliin jiran, naannoo kee ykn haala ati keessa jirtu waliin jiran waliin miira of tahummaa uummachuu dandeessa. Sun hiikaa dansa qabaachuu dandaá, akka nuti beeknutti miirri of thaummaa fayyummaaf akkasumas miira hawaasummmaa nama hundaaf guutummaatti bu’uuraa ta’uu danda’a.
Keessattuu warra haaraa Biyya kana qubataniif, ykn walumaa gala Hawaasa moggessummaa fi sanyi balfattummaan wal’aansoo qabaa jiraniif."

Zakaria Farah qaama hawaasaa Kilabii Kubbaa Miilaa Kaaba Melbourne kan ta’e The Huddle keessatti itti gaafatamaa guddina hawaasaa ti.

Bohaartiin mana barmootaa boodaa kun ijoolleen mana barumsaan alatti akka walqunnaman akkamitti akka gargaaran irraa Odeeffannoo qaba.

Faayidaa dargaggootni baayyeen hubatan keessaa tokko carraa hiriyaa waliin wal arguu fi hiriyaa haaraa waliinis wal baruu inni uumu dha. Walitti dhufeenyi hawaasummaa murteessaa ijoo ta’ee jira. Hiriyummaa uumuu danda’uun yeroo tokko tokko dargaggootaaf rakkisaa ta’uu danda’a, garuu ispoortiin namoota walitti fida sagantaaleen biroo nuti hojjennu kun hundi namoota walitti fida kanaaf walitti dhufeenya cimaa ijaaruun dargaggootaaf faayidaa baay’ee barbaachisaa dha.”

Sochiilee ijoollee keessaniif mijatan filachuu

Yeroo ijoollee keessaniif bohaartii barmoota-boodaa filattan fedhii ijoollee keessanii fi dandeettii isaanii ilaalcha keessa galchaa.

Maal hojjechuu akka barbaadan irratti fedhii ijoollee gaafachuu barbaachisaa tahuu gorsa Ramon Spaaij. Ijoollee isaa sadan fakkeenya fudhachuudhaan ijoollonni hedduun fedhiin isaanii adda adda tahuu dubbata.

"Kanaafuu, yeruma ilaaltu, maatii tokko keessatti illee fedhiin adda addaa akka jiru agarta. Kanaaf akka ani yaadutti garaa garummaa fedhii jiru hunda keessummeessuuf fedhii guutuun of qopheessuun barbaachisaa dha."

Hin baa'isinaa, sochiilee ijoolleen gochuu qabdu heddummeessuun dadhabsiisaa dha, kanaaf kamtu akka maluuf murteessadhaa.

Bohaartii barmoota-boodaa tolaa fi gatii madaalawaan eessaa akka argamu

Baasiin gufuu guddaa haa tahu malee, maatii tokko tokko taatewwan barmoota-boodaaf waggaatti qarshii kumaatamaan lakkaayamu baasu, garuu filannowwan bilisaa fi gatii madaalawan fayyadamanis ni jiran.

Manneen barmootaa yeroo baayyee bohaara barmoota boodaa ni kennu, mootummoonni kutaalee biyyaas vochurii sportii fi aartiif ni kennan.

Librariin naannoo keessaniis sochii aartii, saayinsii fi tekinoloojiif qabiiyyee jaboo dha.

Fakkeenyaaf, librariin Sydney ganda Liverpool jiru bohaartii barmoota-boodaa tola ni kenna,

"Librariin ummataa, wal qixxummaan Hawaasa tajaajila. Qabaattes dhabdes, naannicha jiraattes dhiiftes bifa kamiinuu utuu hin daangeffamin, bakka ijoolleen qabiyee kanatti fayyadaman dha. Barmootni kennamus namuu beekumsa isaa kan itti guddifatu, yeroo itti dabarsu fi itti bohaaruu dha," jedha Eliysa Dennis, gaggeessaan librarii fi museum kan Gumii magaalaa.

Galmi dargaggoo fi hawaasaa filannowwan dansa

Zachary Lovett, a proud Gunditjmara man, is the team leader at , in inner-city Melbourne. The hub offers activities like basketball, soccer, cooking, and circus to the local community.

“Because of the geographical location of the hub, they don’t have a lot of space to actually just sit and hang out and converse with other people their age. So, a lot of what we try to do is just have group discussions or group activities. Like if we cook, we’ll all sit down and eat together and have a discussion,” he says.

Hirmaachisaa fi hammataa tahuun maaliif barbaachise

kaaba Melbourne jiruu fi Wundham ijoolleen akka itti fayyadamnii fi kan qophaawe dha.

“Yemmuu warri ijoollee ykn dargaggootn waa tokkoof kafaluu qaban, hirmaatnaan ni xiqqaata, akkasumas nama xiqqaatu carraa kana fayyadamuu yaala. Kanaaf, bilisa ykn tola taasisuun dargaggootni lakkoofsa guddaan akka hirmaatan fi sochiilee tahu keessatti qooda fudhatan taasisa, kun ammo nageeya hawaasummaaf bu’a qabeessa," jedha Zakaria Farah.
Gatiin madaalawaa tahuutti dabalee aadaa hunda hirmaachisaa tahuu waajiba. The Huddle, hojjetootni isaa dhimma aadaa irratti , iddichas simataa taasisuu fi nageenya aadaa kan qabu taasisuuf leenjii gahaa akka argatan ni mirkaneeffata.

"Namoota qacaruu ykn hojjettootni keenya aadaa nuti deeggarru akka baran fi aadichi maal of keessaa qaba kan jedhu irratti barsiisuu kan jedhu irratti cimisinee dubbanna. Akkasumas Nageenya aadaa irratti isaan barsiisuu fi dargaggootaa aadaa gara garaa irraa dhufaniif akkamitti yeroo maree akka qopheessan irratti dabalee hojjettoota keenya barsiisuu cimsinee yaada kennina," jedha Farahan

Akka dhuunfaatti faayidaa isaan argatan barbaachisaa dha, garuu hirmaatnaa fi bu’aa isaan buusan walitti dhufeenya hawaasaafis bu’aa guddaa dha.

“Dargaggoota nu bira dhufan kana irraa, waan isaan hojjetan irraa barra, waa’ee aadaa isaanii irraa barra akkasumas isaaniin wal simatne isaanii irraa baranna. Akka dhuunfaatti faayidaa isaan argatan barbaachisaa dha, garuu hirmaatnaa fi bu’aa isaan buusan walitti dhufeenya hawaasaafis bu’aa guddaa dha," jechuun xumura.
Subscribe to or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.   

Do you have any questions or topic ideas? Send us an email to [email protected].

Share