Obbo Baarentoo Gadaa
Hawaasa keenya Amantii Musliimaa hordofaniif Ramadaana milkii hawwaniiru. Obbo Baarentoon akka jedhanitti guyyaan Ramadaanaa waggaa waggaan kan jijjiiramuuf, waggaa keessatti ji'iootni guyyaa adda addaa sababa qabaataniif jedhan.
Ji Ramadaanaa kanattis jedhan obbo Baarentoon Rabbi Soomana kanaan nu gahe galateeffachaa, waan qabnuun warra hin qabne gargaaruu waan Rabbi nu irraa jaallatu jedhaniiru. Sooman keessas jedhan obbo Baarentoon yeroo amantootaaf dhaaman, midhaanii fi bishaan qofa irraa kan of qusannu utuu hin taane waan iji keenya ilaalu, qalbiin keenya yaaduu fi hojjetnu ilaallachuu qabnas jedhan.
Obbo Baarentoo Gadaa, goolaba dubbii isaanii irratti nagaan xumurama Ramadaan bara kanaaaf hawwii qaban ibsanii, Ramadaana kana keessa ummata Oromoo, maatii keenya rakkina keessa jiraniif kadhachuu fi gargaaruutu nu irraa eegama yeroo jedhan, yeroo rakkinootni adda addaa ummata Oromoo irraa dhaabbatus akka tahu hawwuun hasawa isaanii xumuran obbo Baarentoon.