Hawaasni Oromoo magaalaa Melbourne du'a obbo Baatee Urgeessaa irratti qorannoon bal'aan akka gaggeeffamu gaafachuuf hiriira qopheessee jira.
Obbo Battee Urgeessaa, miseensiAdda Bilisummaa Oromoo (ABO) Ebla 10, "humnoota mootummaa"n qabamee yeroo muraasa booda, daandii naannoo magaalaa Meekii irratti du'ee argame, akka Addi Bilisummaa Oromoo jedhetti.
Dhaabbileen idil-addunyaa kanneen akka Ameerikaa, Gamtaan Awurooppaa fi United Kingidam falmitoota mirga namoomaa waliin ta’uun du’i obbo Battee Urgessaa gadi fageenyaan akka qoratamu gaafataniiru. Namni siyaasaa ifatti dubbatu kun kanaan dura hidhaa yeroo adda addaa isa mudataa ture.
Qaamni walaba ta'e Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa (EHRC) du'a obbo Battee Urgessaa irratti ''qorannoo ariifataa, loogii hin qabnee fi bal'aa'' akka gaggeessan mootummoota naannoo fi giddu galeessaaf waamicha dhiyeesse.
Biiroon Dhimma Afrikaa Ministeera Dhimma Alaa United States ibsa miidiyaa hawaasaa irratti baaseen, marsaa jeequmsaa cabsuuf ''haqaa fi itti gaafatamummaan '' jiraachuun barbaachisaa ta'uu cimsee ibseera.
Dura taa’aan Hawaasa Oromoo Melboorne Obbo Alemayehu Qubee akka ibsanitti, hiriirri magaalaa Melbourne keessatti qophaa’e kun du’a Bate Urgessa irratti qorannoon bal’aan akka gaggeeffamu gaafata. Hiriirri kun Kamisa Ebla 9, 2024 ganama sa’aatii 10 irraa eegalee Paarlamaa Viktooriyaa fuulduratti kan gaggeeffamu yeroo tahu gara naannawa Federation square irratti raawwata.
Akka gabaasa sab-qunnamtiin naannoo gabaasanitti, aanga'oonni Itoophiyaa ajjeechaa hogganaa mormaa beekamaa kana irratti naannoo Oromiyaa jeequmsa keessa jiruu keessatti raawwatameen hidhata qabu jedhe nama 13 to’annoo jalaqa oolchuu hima.
Filannoo waliigalaa darbe bara 2021 gaggeeffameen, Addi Bilisummaa Oromoo (ABO) hirmaachuuf waltajjii siyaasaa gahaa dhorkatamu ibsachuun filmaatichatti hirmaachuu dhiishuu filate.
Yeroo sanatti Addi Bilisummaa Oromoo mootummaan miseensota, deeggartoota, fi hoggantoota isaa hedduu ukkaamsee himataa ture.
Sabni Oromoo, biyyiocha keessatti guddicha ta'e, loogiin elitoota seenaa biyyattii irraa akka isa mudate hima.
Sabni Oromoo, biyyicha keessatti guddicha ta'e, utuu jiruu seenaa biyyichaa keessatti loogiin isa mudataa jiraachuu hima.
Bara 2018 yeroo mootummaan jijjiirame Addi Bilisummaa Oromoo gahee muummichi ministeeraa ammaa qabaachuu malu tilmaamuun nagaa buusuuf hagi tokko hiikkachuut ture.
Haa tahu malee ergasii asi haala deemaa dhufeen amantaan Addi Bilisummaa Oromoo mootummaa Abiyyi irratti qabu burkutoo tahe.