Australia keessatti akkamiin hojii argatta?

Australia Explained - Job Applications

Male job applicant talking to manager human resources.man interviewing at company.smiling business men chatting cheerfully Source: Moment RF / Me 3645 Studio/Getty Images

Australia keessatti carraan hojii irra caalaan isaa ifatti hin beeksifamu. Akkaataa hojii ittti argatan bu’a qabeessummaan baruuf gabaa hojii Australia irratti hubannoo xiqqoo illee taatu qabaachuu barbaachisa. Gabaa hojii dhokataa baruu fi waa'ee tajaajila qacarrii godaantotaa hubachuun hoji-dhablummaan rakkoo dhufu hanqisuu danda'ama.


Tuqaalee Ijoo
  • hojii dhokataa faana dhahuun barbaaduun carraa hojii argachuu guddisa
  • Tajaajilli qacarrii godaantotaa fi baqattootaa carraa hojii argachuu ni saffisiisa
  • hojii illee saffisaan guddachaa jiran kanneen akka kununsaa(care) keessummeessuu(hospitality) fi daldalaa carraaquun gaarii dha.
Hojii barbaaduun hojii cimaa dha.

Akkuma Australia geesseen, mirga hojii dalagachuu dandaú kee hatattamaan adda baafachuu fi dammaqinaan carraa hojii jala bu’uu qabda.

kun gorsa Agnes Kemenes, Ogeettii Seeraa Muummee NB Migration Law ti.

“Gadi baatee hojii barbaaddachuu danda’uuf dhugummatti abshaala tahuu qabda.  Namni hojii namaa barbaadu hin jiru.”

Marsariitii qacarrii fi ajensii adda addaa





Bakka hojii siif argan irraa maallaqa kaffalchiisan  ni qabu. Hojiin kiraayii ammoo kallattumaan hojii siif kenna, garuu hanga hojiin sun dhumutti si hojjachiisu

Australia Explained - Job Applications
Recruitment, Job application, contract and business employment concept. Hand giving the resume to the recruiter to review the profile of the applicant. Source: Moment RF / Narisara Nami/Getty Images
Gabaa hljii dhokataa argachuu

hojii baayyeen sababa beeksisatti hin baaneef namoota qacaran waliin kallattumaan hariiroo ummachuu fi namoota Australia keessatti hiryaa godhatte irraa laallee argachuu dandeessa. .

Kunis Hawaasa gartuu facebook kkf utuu beeksisa hin basin carraa hojii achuma keessan gaafachuu malu. Tajaajila qacarrii kan baqattootaa fi godaantotaa illee qunnamuu dandeessa.

Tajaajila qacarrii godaantotaa fi baqattootaa

Dhaabbileen biyyoolessaa tola ooltummaa hojjetan tokko tokko, kan akka Settlement Services International (SSI), namoota sadarkaa adda addaa irraa dhufan karaa leenjii fi hojiin wal

"Tarkaanfiiwwan milkaa’ina 10’ jennee waamna jedhti

"Maal qabaachuu akka qaban, akkamitti waraqaa qaban hiiku danda’an ykn waraqaan barumsaa isaanii biyya biraa irraa fidan akkamitti gara Australia keessatti beekamti  argatu kana kana irratti  hubannoo akka argatan kan isaan gargaara dha. Akkasumas akkaataa hojii itti barbaaddatan, akkaataa daldala itti qoratan, tajaajiloota adda addaa kan akka keenyaa waliin akkamitti hidhata akka tolfatan, of danda’an  fi humnooman isaan gargaara dha. ”

Biyya irraa dhuftetti hojii irra turte yoo tahe akkaataa hojiin kee sun carraa fakkaataa Australia keessatti hiikamuu fi wal simatu irratti SSI qajeelfama siif kenna.

“Fakkeenyaaf, Gara Baha Giddu Galeessaa keessatti Mechanical engineerii yoo taate pirojektoota doolaara biliyoona hedduutti tilmaamaman irratti hojjetta ta’e, akkamitti kana fakkaatutti seenta? Bakkuma tokko irraa ammo jalqabuu dandeessaa, haqa waraqaan kee Sadarkaa Australiyaatti beekamtii argatutti, haga afaan inglishii kee fooyyeffattutti, haga hidhata namootaa bal’ifattutti fi haga of irratti amantaa horattutti?  Sababni isaa akka ati hojii argattu hundi keenya ni beekna. Hojiitu si argata miti. Wanti nama beekuu dha, akkamitti akka hojii barbaadanis beekuu dha. ”

SSI Namoota hojjetaa barbaadan waliin fuulaa fullaan si barsiisa akka ati dandeettii kee itti himattutti, Warri nama qacaran, waraqaadhuma ilaaluu irra nama waliin wal arganii dandeettii qaban fi muuxannoo qaban ilaalu.

AMES Australiyaan, karaa sagantaa humna hojii Mootummaa Fedraalaatiin tajaajila qacarrii godaatotaa fi baqattootaaf kenna.

Kaayyoon isaanii rakkinoota hojii barbaaduun godaantotaa fi baqattoota mudatu hambisuufi.
"Sagantaan Gorsa Qaxarrii karaa godaantota gara hojiitti seenan saffisiisuuf barbaada".
Laurie Nowell, Public Affairs Manager at AMES.
“Qubsuma baqattootaa, barnootaa fi hojjettoota qacarrii walitti fidnee tokkoo tokkoon maamiltoota godaantotaa fi baqattoota adda baasanii waliin hojjechuun jabina fi rakkina isaanii ilaalanii hojii argachuuf waan fooyyeffachuu qaban irratti gargaaruuf, " jedha obbo Nowell itti dabalee.

AMES Sagantaa Godaantota Ogeessota Ogummaa qabanii of keessaa qaba. Dirree hojii Australia waliin wal barsiisus leenjii cimaa godaantota ogummaa qabaniif kenna.
Portrait Of Female Aboriginal Australian Worker
Portrait Of Female Aboriginal Australian Worker On Solar Farm wearing Hi-Vis Workwear Credit: Thurtell/Getty Images

Dubartoota daldalatti jabeessuu

Connecting Women to Trades kan jedhu Mootummaan NSW utubame. Karaa SSI, gaggeeffama, Namoota daldalaatanii fi akkasumas dubartoota daldalatti seenuu barbaadaniif beekumsa, hubatnoo kennaaf

“Addatti dhaabbilee daldalaa fi dubartoota waliin dandeettii daldalaa ijaaruu irratti hojjetna,  jalqaba dubartoota gara daldalaatti qacaruuf, hojjii irra tursiisuu fi humneessuu irratti hojjechaa jirra" jedhti adde Lazkany.

Jajjabinichi, maallaqa irratti dubartoota humneessuun hagam barbaachisaa akka tahe mulísa, sababni isaas dubartootni ofii isaanii qofaaf hin jiraatan- yeroo baayyee maatii isaanii walii gala gargaara.

Dubartoonni daldala keessatti argamuun isaanii jijjiirama hawaasummaa guddaa kan agarsiisu yoo ta’u, namoota carraa hojii barbaadaniif waan ija irra kaayyatamuu qabu taasiseera.

Hojii kununsaa(care) akkasumas keessummeessuus ilaalcha keessa galchi

AMES Australia leenjii ulaagaa adda addaan hojiin itti argamu ni kenna.

“Nuti godaantota baayyee waraqaa dandeettii hojii ibsu hin qabne garuu ammo hojii barbaadan waliin hojjetna, karaa tajaajila kununsaa fi keessummeessuu dafanii dandeettii  fi beekumsa hojii argachuun hojii galuu dandaú.  Naannoon kununsaa saffisaan guddachaa kan jiru dha" jedha Laurie Nowell.

Namoota gara milioona lamaa qacaru, kun 2025tti gara milioona lamaa fi tuqaa shanitti ol siqa.
. Naannoon kununsaa(care) saffisaan guddachaa kan jiru dha. Namoota gara milioona lamaa qacaru, kun 2025tti gara milioona lamaa fi tuqaa shanitti ol siqa.
[Laurie Nowell, Public Affairs Manager, AMES Australia]
Australia Explained - Job Applications
A high angle view of a businesswoman talking to one of her colleagues while siting at her desk in the office. Credit: Willie B. Thomas/Getty Images

Bu'aa hojii tola-ooltummaa

"Ofii kee of beeksifta. Dandeettii kee beeksifta" jedhti Agnes Kemenes.

“Sababni isaa godaantotni kamuu Biyya kana dhufan aadaa sooressa dinqisiisaa fi ilaalcha dandeettii gara garaa  qabatanii dhufu. ” Hojii barbaaduu irratti yeroo dheeraa dabarsitan yoo taheefii si’a 30, 40, 50 dhorkatamtan taanaan kan olitti jedhame kana isin gorsa. “

" Karaa kanaan beekumsaa fi dandeettii qabdu isa si qacaretti yeroo agarsiiftu muuxannoo haaraas ni horatti jedhti adde Kemenes.


Share