Akkaataa Hayyama Konkolaachisummaa Australia itti argattan

Driver training exam.

Driving lessons are essential ahead of seeking a driver's licence. Credit: nazar_ab/Getty Images

Konkolaataa oofuun of danda'u fi carraa hojii bal'isuu irratti gahee guddaa qaba, garuu itti gaafatamummaa guddaa kan gaafatuu fi nagoomaa daandii hubachuu kan barbaadu dha. Australia keessatti konkolaataa oofuuf hayyama guutuu argachuun dura qormaata adda addaa kennamu dabruutu nama irra jira. Godaantotni tarii waraqaa biyya biraa irraa fidan gara kan Australiyaatti jijjiirrachuu malu, garuu adeemsaa adda addaa fi haala nama dhuunfaa sanii irratti hundaawee ti.


Key Points
  • Hayyamni konkolaachisummaa Australia keessatt seerawaa dha.
  • kutaa biyyaa fi naannawa Australia keessatti hayyamni konkolaachisummaa adda adda
  • Namni tokko hayyama konkolaachisummaa guutuu utuu hin argatin dura qormaata hunda dabruu qaba
  • Haala nama sanii irratti hundaawee, namni biyya biraa irraa hayyama konkolaachisummaa qabu gara Australiyaatti yeroo gabaabaa keessa jijjiirrachuu danda'a
Hayyamni konkolaachisummaa hayyama seerawaa namni hayyama kana qabu seeraan konkolaataa oofuu itti danda'u dha.

Australia keessatti, hayyama argachuuf Sadarkaa adda addaatu jiran.

Gosaa fi guddina konkolaataa irratti hundaawes adeemsa gara garaa itti hayyamni bahutu jiran.

Fknf. Adeemsi ati konkolaataa oofuuf argattuu fi motora oofuuf argattu, akkasumas namoota hagama akka qabachuu dandeessuu fi konkolaataa gurguddaa irratti hundaawee wannee gaafataman gara gara.

Louise Higgins Whitton Daarektarri Tarsiimoo fi Imaammata Nageenya Daandii NSW Transport’s ti.

Tarkaanfiin jalqabaa seera daandii barachuu akka ta'e dubbatti. Sana booda, hayyama konkolaachisummaa barattootaa, ‘Ls’ jedhamu argachuuf qormaata fudhachuuf iyyachuu dandeessa jedhti.
Road Safety
Expert driving instructors are specially trained to teach learner drivers in a stress-free environment, L Trent's Frank Tumino says. Source: Getty / Getty Images

Yeroo L irra jirtutti waan gochuu qabduu fi hin qabne"
  • Namni hayyama konkolaachisummaa guutuu qabu si cina taa'uu qaba, yeroo ooftutti si to'achuu qaba.
  • Mallattoo L konkolaataa kee irra karaa alaa kaa'uu qabda
  • Konkolaataa oofuun dura alkoolii fi qorsa sammuu hadoochuu fudhachuun dhorkaa dha
  • Seera iggitii saffisaa(speed limit) yeroo hunda eegi, akkasumas
  • Bilbila harkaa fayyadamuun dhorkaa dha.
Gara hayyama P (Provisional ykn Probationary fudhachuuf:-

Barattootni konkolaataa (L) umurii isaanii irratti hundaawee yeroo murtaa’eef L isaanii irra turuu qabu.

Kophaa isaanii konkolaachisuun dura hayyama, qormaata oofichaa (P) ykn provsional ykn probationary license jedhamuun beekamu dabruu qabu.

Frank Tumino mana barumsaa konkolaachisummaa guddaa Australia L Trent waliin Leenjisaa Konkolaachisummaa ol-aanaa dha. barnoota konkolaachisummaa ilaalchisee warra ogummaa qabanitti dabalee maatii fi hiriyaan akka qormaata dabran nama gargaaruu danda'u jedha.

"Akkaataa konkolaata oofichaa kan irraa barattu tokko tokko bitachuu dandeessa, haa tahuutii leenjistootni gahoo tahan wanneen barbaachisoo ati beekuu qabdu keessa deemanii akka siif ibsan taasisi, kun akka ati beekumsa hunde qabeessa horattu, tooftaa ittiin baratan sirrii akka barattuu fi guddifattu si gargaara jedha" obbo Tumino said.
Driver lience,Indian driver
The Australian graduated licensing scheme ensures novice drivers slowly build up their driving and road safety skills before they are fully licensed. Source: Getty
Godaantonni hayyama biyya biraa jijjiirrachuu ilaalchisee

Godaantotni, seeraan konkolaataa oofuuf , hayyama biyya biraa irraa fidan kan Australiyaatti jijjiirrachuu qabu.

Adde Whitton yeroon inni fudhatuu malus haalota jijjiran irratti hundaawa jedhti.

"Tarkaanfileen ati fudhachuu qabdu biyya ati irraa dhufte irratti hundaawa, iddoo ati hayyama irraa argattee fi hagamiif akka qabaachaa turte kana kana irratti hirkata, kanaaf seerri biyyicha ati hayyama san irraa argatte maal fakkaata kan jedhu hundi ilaalama.   Yoo seerri hayyamaa biyya ati irraa dhuftee adda tahe, tarii qormaata dabalataa akka taasiftu gaafatamta, qormaatichis biyyuma ati irraa dhufte sani irratti hundaawa, akkasumas gosa hayyama akkamii baafachuu akka barbaaddu irrattis hidhata."

Yoo seerri hayyamaa biyya ati irraa dhuftee adda tahe, tarii qormaata dabalataa akka taasiftu gaafatamta, qormaatichis biyyuma ati irraa dhufte sani irratti hundaawa, akkasumas gosa hayyama akkamii baafachuu akka barbaaddu irrattis hidhata.
Louise Higgins Whitton
Haala tokko tokko keessatti, yoo biyya biraa irraa hayyamni qabdu fudhatamaa tahe fi guutuu hayyamaa kan Australiyaatti jijjiirrachuu fedhte, qormaata fuulaa fuulaa taahuuf carraa tokko qabda. Yoo sana kufte, L tu siif kennama.

Obbo Tuminon akka jedhutti namootni biyyoota birootti konkolaachisummaa baratan , asitti qormaata dabruuf tarii itti leenjii ykn barnoota addaa isaan barbaachisa.

"Godaantota waliin, barnoota keessatti filmaata adda ta’e qabna, kan seera daandii baay’ee caalaa barsiisuu nu barbaachisu. Amaloota biyya alaa keessatti horachuu malan  tokko tokko hambisuu irratti xiyyeeffachuu qabna. Dhugaan jiru karaa bitaa irra konkolaachisuun keenya biyya kana keessatti qormaata guddaa dha.”


Enjoying travel. - Stock image
Migrants from countries with similar licensing systems to Australia can easily convert their driving permits. Those who hold overseas licences from less regulated countries may need to undergo further examinations. Credit: Deepak Sethi/Getty Images
Yeroo P irra jirtu, konkolaachisuun dura alkoolii dhuguu tasuma hin dandeessu, akkasumas igitii saffisa (speed resrictions) irra jiru eeguu qabda.

Gara hayyama guutuutti tarkaanfachuu keen dura, qormaata hubannoo balaa darbuus si barbaachisa ta’a, balaa dhufuu danda’u hubachuu kee mirkaneessuuf.

Daangeffamni tokko tokko erga hayyama guutuu konkolaachisaa qabaattee booda salphatus, ammas seera daandii hunda hordofuu qabda.
Cabsi seeraa adabbii guddaa, hayyamni akka addaan citu ykn haqamuutti geessa.

“Nuti biyya baayyee qajeelfama guddaa qabnu dha. Saffisaan oofuun alkoolii dhugaatii dhuganii oofuun  adabbiin is ulfaataa ykn cimaan dha.”

NSW Police
Police in Australia conduct frequent roadside breath tests to ensure drivers are not intoxicated. Heavy fines apply for those who flout road rules. Credit: wikimedia commons
Sagantaa leenjii adda tahe baqattoofaa fi godaantotaaf

Dhaabbileen tajaajila hawaasaa fi qubsumaa hedduun guutuu Australia keessatti sagantaalee konkolaachisummaa bilisaa ykn gatii xiqqaadhaan keessumaa baqattootaa fi godaantotaaf qophaa’an ni dhiyeessu.

Emmanuel Musoni Hogganaa Hojii Raawwachiisaa Ejensii Nagaa fi Misooma Haroowwan Gurguddoo, (GLAPD) jedhamuu, dhaabbata bu’uuraa kan sagantaa deeggarsa konkolaachiftoota barattoota aadaa fi afaan adda addaa irraa dhufaniif geggeessu ti.
"Maammiltoota sagantaa barnoota konkolaachisummaa kenninuu irraa fayyadamuu barbaadaniif yeroo qormaata beekumsaa sana dabran akka nu biratti galmaawan ni gaafanna. Yeroo Ln kennamuuf jechuu dha.

Tokko tokko akkuma marii itti qabatanuu kan hin beekne ni dhufu. Kanaafuu, barsiisaan konkokolachisummaa sadarkaa sani irraa qabee haga hayyama konkolaachisummaa argataniitti barsiisaan. ”



Side View Portrait Of Cheerful Young Woman Sitting In Car
Being a fully licensed driver offers independence and opens up job prospects. Credit: Narong Jongsirikul / EyeEm/Getty Images/EyeEm
Michelin Nyantabara haadholii haarawa qubatan sagantaa kana irraa fayyadaman keessaa tokko.

Adde Nyantabara, biyya ishii kongootti takkaatu konkolaataa hin oofne, marii duuba tahuuf hedduu sodaattee turte.

“Hojii dhaqee hojjedhee galuuf baayyeen dhiphadhan ture. Lafa hojii koo gahuuf autobisa laman qabadha”

Yoo dhuma illee hayyama P qabaattee hiryoota isheen leenjii konkolaachisummaa fudhatte illee hamma gaafa dhaabbata GLAPD waliin barnoota fudhatuutti qormaata fuulaa fuulaattii si lama kufteetti.

Milkaa'ina isheef kan galateeffatu barsiisaa ishee duubbee aadaa ishee irraa tahe kan ofitti amanamummaa ishee akka guddifattu ishee gargaare dha.

"Waan inni jedhu caalaatti hubachuu danda’eera. Wanti lammaffaan immoo muuxannoo dha, muuxannoo gaarii qaba. Konkolaachisummaa namni tokko afaan keetiin caalaatti siif ibsuu yoo danda’e afaan alagaa caalaa baay’ee salphaa ta’uu danda’a ”

Hayyama konkolaachisummaa argachuun ishee jireenya ishee fi kan ilma ishii akka jijjiire dubbatti.
“amma bakkan dhaquu barbaade kamuu nan dhaqa. Ilma kurkuraan qaba. Duratti yoon bakka tokko bakka taphaa isa geessuu barbaade atoobsii qabachuun qaba. Baayyee cimaa ture, bakkee keessa dhaabadheen eeguu qaba, amma konkolaataa mataa koon qaba. Hojii deemuuf, akkasumas ilma koo bakkee baasuuf baayyee salphaa dha. keessattu harmoolii ijoollee qabaniif Jireenya baayyee salphisa. “
Micheline Nyantabara
Adde Nyantabaran dubartootn kaan sodaa malee akka konkolaachisummaa baratan fi kunis jijjiirama guddaa akka tahe akka hubatan jajjabeessiti.

“Baay’ee sodaachisaa waan tahu fakkaata, garuu yeroo milkooftu, yeroo hayyama kee argattu, waan kanaan dura ta’e hin yaaddu, sababiin isaas sun jireenya kee jijjiireera.”

How to get licensed:


Share