Key Points
- Uffata qodaa hin malleefitti hin gatinaa
- Manneen daldalaa tokko tokko uffata isin hin barbaachifne fudhachuu ni malu
- uffatni dhumaan yoo arjoomame naannoo xureessuu irratti dabalee warra tola-ooltummaan hojjetan arjoomameef maallaqa hedduu baasisa.
Manni Maree Faashinii Australia akka gabaasetti waggaatti giddu galeessaan uffata haaraa 56 bitanna.
Our clothes, particularly , can quickly become worn, damaged or boring, so we must dispose of them responsibly. That means keeping them out of landfills by donating and recycling.
uffatni keenya, keessattu warri faashina saffisiisaan hojjetaman yeroo gabaabaatti moofa'uu malu, cituu fi nu jibbisiisuus malu. Kanaaf itti gaafatamummaan bakka malutti of irraa gaggeessuun gaarii dha. kana jechuun lafa irra akka hin kuufamne bakka barbaachisuuf arjoomuu, ykn warra irra deebi'ee faayidaa baasisuuf kennuu dha.
Qodaa kosii manaatti gatuu furmaata miti.
Seerri jabaan uffata, kophee, huccuu, fooxaa firaasha ykn haalluu ykn huccuuwwan ykn huccuu biroo kamiyyuu gara bakka deebi’ee fayyadamuu(recycling bin) keessa buusuu dhiisuu dha jedhti Rebecca Gilling hoggantuu ol-aan Planet Ark.
The trouble with textiles going into the bin, apart from the fact that they can't be recycled through those systems, is that they get caught up in the recycling machinery and everything grinds to a halt.Rebecca Gilling, CEO of Planet Ark
Warra dhufanii fudhatan karaa sarara interneetaa beellamachuu dha. Yoo kafalalme uccuu hin barbaachifne kana baakka silaa geeffamuu qabu ni geessu.
Source: Moment RF / Andrew Merry/Getty Images
‘op shop’f uffata keessan arjoomaa
Awustraaliyaanonni uccuu isaanii warra tola ol-tummaaf arjoomuu ni jaallatu.
Uffata keessan mana warra tola ooltummaan hojjetan (charity) ykn op shop warra jedhaman geessuun homaatuu isin hin kafalchiisu. Ykn qodaa isaan qopheessanii ala ka’an keessa buusuu dandeessu.
Warri op shop Australia walii gala keessa jiran uccuu namni arjoome gurguruun doolaara baayyee galchu sanas warra rakkatan ittiin gargaaru.
Haa tahu malee, arjoomnuun gaariif tahus, waan arjoomnu of-eeggannoon gochuu qabna jedhti aadde Gilling.
sababiin isaas ega sassaabamanii booda gara bakka kuufamaatti ergamuu waan qabaniif sun ammo baasii biraa baasisa. Yeroo ammaa kana manneen daldala tola ooltummaa uffata badaa namni qodaa isaaniitti gate deebisanii gatuuf gara doolaara miliyoona 13 baasu. Kun gara mi’a toonii kuma jahatamaatu bakka kuufamaatti gatama jechuu dha.
Omer Soker hoj’-gaggeessaa olaanaa dhaabbata charitable Recycling Australia karaa salphaa itti arjooman ibsa.
If you wouldn't give it to a friend, please don't give it to charity.Omer Soker, CEO of Charitable Recycling Australia
- Salvos
- Vinnies
- Australian Red Cross
- Save the Children
- Lifeline
- Anglicare
- Brotherhood of St Laurence
Marsariitii irraas, waan arjoomtan ykn meeshaalee bitattan yoo barreessitanii ilaaltan dhiibbaa inni silaan Karboonii lakkisuun nageenya naannoo irratti fiduuf ture ykn tooniin isaa hagam akka hir’ise arguu dandeessu. Kanaafuu kun agarsiiftuu gaarii dha.
Workers sorting out clothing at the St Vincent de Paul Society, a major charity recycling clothes, in Sydney. Source: AFP / PETER PARKS/AFP via Getty Images
Uffatni keessa irra deebi'ee akka fayyaduuf gumaachaa
obbo Soker dhimma kana gad jabeessee dubbata. Wanti qodaa charity keessa buufnu waan hiryaan keenya uffachuu maluu kan jedhuun wal bira qabee, waan ayinaa akkamii qabu akka buusuu qabnu akkaataa itti murteeffannu fakkeenya fudhatee dubbata.
“ H &M sagantaa uffata ykn meeshaa deebisanii fayyadamuu ni qabu, yoo mi’ichi Sadarkaa kami irra iyyuu jiraates jedht adde Gilling.
Haaluma wal fakkaatuun, dadalli Zara tokko tokkos sagantaa uccuu harka-lammafoo fudhachuu ni qabu. Akkasumas Patagonian sagantaa daldala ofii isaanii kan maammiltoonni uccuu achii bitan, yoo dhume deebisanii iitti geessuun carraa uccuu biraa ittiin bitachuu dandeessisu ni qabu.
manneen maree naannoo keessanis bakka uffatni harka-lammaffoo itti gatamu ni qabu.
“Planet Earth dhaabbata bu’aadhaaf hin hojjetne yoo tahu, hawaasa Biyya keessaa fi idil-addynaa akkasumas dhaabbilee waliin tahuun namoota addunyaa maratti rakkataniif kophee fiigichaa harka-lammafoo dhiheessa. NSW, Victoria fi Queensland keessatti bakka itti namni geessee buusu ni qabu. Akkasumas jalee kophee keessa galuu fi hidhaa kophees ni fudhatu.
Haa tahu malee kophee jalli isaa cite fi urataa qabu nama harkaa hin fuudhan.”
Attend a clothes-swapping event
Guyyaa walitti dhufeenya kan wal jijjiirraa uccuu irraa hirmaadhaa
““ Wal-Jijjiirraan uffataa yeroo amma asi Sydney keessatti The Clothing Exchange waliin hojjechaa jirru. kun namootni uffa isaanitti tahuu dide ykn jaalaala isaa quufan akka Fidan carraa kenneef. Kara Kanaan carraan uffaticha baasanii beeksisu ni argama, namni biraas akkasuma godhu akka Kanaan wal jijjiiruun ni danda’ama. Kanaaf, salphaadhumatti uccuu gosa shan yoo fidde, uccuu gosa shan kan biraa jijjiirrattee deebita jechuu dha. “ jedha Adam Worling miseensi mana maree magaalaa Sydney.
uccuutti garmalee dhimma bahuu hir'isuu irra dabree bakka uccuu kaawwatan qulleeffachuuf gargaara.
"Kanaaf, wanti nuti akka tahu barbaadnu, kosiitti gatamuu irra baasanii namaa kennanii, uccuu jaallachaa turtan namni biraas akka jaallatu carraa kennuufii dha obbo Worling."
Ol hangem ol klos long hanga. i gat ol diferen kaen klos mo hanga long wan klos exchange parti. Source: Moment RF / Marissa Powell/Getty Images
Uccuwwan keenya deebi'anii faayidaa baasuu isaanii yaaduu qabna. Charitable Recycling Australia geengoo dinagdee irratti baayyee hojjetu, amma danda'ametti qisaasa xiqqeessuu fi waa deebisanii fayyadamu, akkasumas irra deebi'amee akka fayyadamu taasisuuf tattaafanna.
It's really about being a good steward for products.Omer Soker, CEO of Charitable Recycling Australia
“Uffata jechuun waan dhugmaan barbaaddu bitachuu dha, kan biraa utuu hin bitin isa bitte barakachiifachuu, suphisiifachuu dha, yeroo na gahe jedhtee yaaddu warra tola ooltummaaf kennuu dha, yoo gaarii tahe argame kan biraaf hojii irra oola.
"Yoo ammo waan namaaf hin laatamne tahan, garuu kan gatuu barbaaddu tahe karaa biraa sirnaawa tahe ittiin gattu barbaaduun gaarii dha jedha obbo Soker. "