Key Points
- Yoo ollaan kee kan si rakkisaa jiru tahe seeratti wali dhiheessuu caalaa kallattiin waliin dubbachuu fi waliigaltee irra gahuun barbaachisaa dha.
- Australia keessatti ejensootni mootummaa fi tajaajila nama araarsuu kan hojjetan odeeffatnoo fi deggersa akkaataa waldhabbii itti furatan ni kennu.
- Komii dhiheeffachuu ilaalchisee gargaarsa yoo barbaaddan gumii naannoo keessanii qunnamaa.
Naannoo baadiyaa bakkee bal’aa qabu jiraattanis ykn Magaalaa ykn eessa iyyuu yoo jiraattan olla waliin yaada adda tahe qabaachuun ykn waldhabbiin ka’uu ni danda’a.
Waldhabbiin adda addaa sababoota adda adda addaan uumamuu danda'a yeroo namootni waliin jiraatanitti. Sagalee wocaa, kellaa, daangaa qabeenyaa, beellada mana keessaa , mukni guddachuun ollaa jeequu irraa, bakki konkolaataa dhaaban kun kun hundi waan itti ollaan wal gahu dha.
Akka Barbara McDonald, Piroofeesarri Sydney Mana Barumsaa Seeraa jedhtutti, wal dhabbiin naannoo yeroo hunda kan uumamu haaluma beekamaa jiru irraa fi haala jireenya keenyaa irraa kan ka’e dha.
Yeroo tokko tokko, gochi ykn waa gochuu dhiisuun ollaa rakkoo uumuu dandaá. Garuu seera waliigalaa Australia keessatti haga “nama dhuunfaa aarsuu” jedhamuun beekamuu aarii hin guutu.
Manni murtii dhimma tokko sirnaan akka furuuf yoo gaafatame, wanneen akka himannaan kee salphaa ykn sababa quubsaa qabaachuu dhiisuu dabalate ilaalcha keessa galcha.
"Seerri beekamaan Australia yoo ati sababa malee dhimma namaa keessa seente nama dhuunfaa aarsuu jedhamee beekama jedhti Barbara McDonald Professarri Unviersity seera Sydney irraa.
Falmii ykn Jaarsummaa
Manni murtii dhimma tokko sirnaan akka furuuf yoo gaafatame, wanneen akka himannaan kee salphaa ykn sababa quubsaa qabaachuu dhiisuu dabalate ilaalcha keessa galcha.
Fakkeenyonni biroo bineensota titiisa qabatan manaa qabaachuufaa dha.
"Yoo gara baadiyaa bakka qonnaa jiraatta tahe kun rakkina uumuu hin qabu garuu tarii yoo bakka jireenya guyyuu jiraatta tahe dhugaa dha rakkina uumuu danda’a jedhti" Prof McDonald yeroo ibsitu.
Baayyeen isaa olloota waliin jiraatan hundaaf haala gaarii hundaaf tahu gochuutu nama irraa eegamaBarbara McDonald, Professor at the University of Sydney Law School
"Legally, even sapos wan fruit tree blong neighbour blong yu eii hang eii kam narasaet long yard blong yu, hemi no stret blo yu jes karem nomo, yu mas gat akrimen wetem neighbour blong yu," Profesa McDonald eii talem. Credit: sturti/Getty Images
Tarkaanfii seeraa irratti bobba’uu kee dura kallattiin ollaa qunnami. Yoo wanti fooyya’uu baate jaarsummaan yaali. Dhaabbilee mootummaa kan akka Giddu-gala Haqaa Hawaasaa irraas deeggarsi ni argama,
Falmiin baasii guddaa kan gaafatu, yeroo kan fudhatu fi namoota dhuunfaa gidduutti waldabii guddaa kan fiduu tahuu danda’a jedhti Prof McDonald ammas.
"Rakkoon yoo dhalatu ollaa keetiif yaadannoo kabajaa barreessuun gaarii natti fakkaata, sun akka ati rakkinicha barreeffamaan isaan hubachiifte raga siif taha. Yeroo hunda iyyuu kun tarkaanfii jalqaba rakkicha beeksisuuf tahuu qabu dha, olla keetiifis haalicha furuuf yeroo kennaaf waan taheef. Yoo dubbiin gara badaa deeme, ykn ollaan kee sun furmaata homaatuu hin carraaqne tahe gara jaarsummaan fixuu yaaluu qabda jedheen yaada.”
Melissa Haley Hojii Gaggeessituu kan Dhaabbata Conflict Resolution Service, kan Kaanbera keessatti argamu kan bu’aadhaaf hin hojjenne tajaajila jaarsummaa kennuu dha.
Accredited mediators are trained to navigate the process in a neutral way, assisting all parties involved to agree on a solution. Credit: Keith Berson/Getty Images/Image Source
Akkasumas ollaan waldhabbiin kun gama lamaan irratti dhiibbaa akkamii akka geessisu, akkasumas gara fuula duraatti yoo waldhabbiin dhalate akkamitti akka qabanii fi furan marihachuuf isaan gargaar jedhti.
“Akkasumas wanta tahe irratti kan namni tokko murtoo laatu miti. Akkumna beekamu qaamoleen waldhaban lameen wanna tahe gulaaluuf murtoo kennuu hin dandaán. “
Aadde Haley, akka jedhtutti fedhii agarsiisuu fi wadhabbee furuuf warri waldhaban hunduu gahee isaanii taphachuu qabu.
Akkasumas, namoota battalumatti dhimmicha keessaa qaban caalaa warra giddu-galeessatti jiran kanneen akka ijoollota gurguddaafaa yoo jaarsummaa keessatti hirmaatan maanguddoota maatii isaanii tahan gargaaruu danda’u.
“Adeemsi jaarsummaa waliigalli isaa gara dubbii xumuraatti si geessa, gara wal hubachuu fi itti baha marichaa irratti walii galuutti geessa. Jecha ofii keessaniin barreessitu, akka namni hunduu itti baha isaa irratti abbummaa qabaatuuf, akkasumas kana gochuun gara fuula duraaf xurree qulqulluu kaa’a. Yoo furamuu baate garuu, tarii gara jaarsummaa lammaffaatti deebi’uu isin gaafata, sababni isaa odeeffatnoo gahaa tarii gargaaru dabalachuuf ykn waan furmaatatti geessu tarii jiraachuu mala. Yoo akka kanaan furamuu baate, yeroo kana gara faallaa isaan dubbicha furuutti deebiúu maltu jechuu dha furmaata tokkotti dhufuuf," jedhti adde Haley.
There are ways to resolve your neighbourhood disputes without resorting to courts. Before choosing an adversarial process, consider mediation. Credit: Nils Hendrik Mueller/Getty Images/Image Source
Waldhabbiin ollaa caalaatti walxaxaa ta’uu kan danda’u yeroo namoonni yaadaa fi fedhii gargaraa qaban walitti dhufani dha. Kun yeroo baayyee yeroo namootni unitii ykn apartment keessa jiraatan tahuu danda’a.
Chaminda Kiriwattuduwa yeroo Sydney jiraachaa turtetti, mana jireenyaa isaa(apartment) keessa utuu jiruu, gara ollaa isaatii bishaan lola’ee itti seene. Guyyaa tokko, utuu jiraattotatti hin himamni sakattai’’iinsi bakka rakkinichaa guutummaa kellaa sana irratti gaggeeffame.
"Gaaf tokko waanti dhangalá’u balchony guute. Miidhaa hin geessisu, garuu bifa qaba ture bifa diimatu. Hojii irraa baanee yeroo mana geenyu guutuun manaa ni diimata, waa gdi dhangalawa baatii manaa irraa gara lafaatti. Kanaaf xiqqoo sodaachisaa ture, waan goonus waláalle, xiqqoo humna namaa oli. "
Obbo Kiriwattuduwaan jalqaba dhaabbata bulchiinsa qabeenyaa qunnamuu isaanii, garuu gorsa NSW Fair Trading irraas akka gaafatan dubbataniiru.
Ollaan qorannoo dhangala’aa sanii gaggeesse miseensa koree straataa waan tureef furmaata irratti hojjechuun baayyee dhiphina guddaa ture.
“Ejensichi eenyu akka jalqabe hin beeku ture. Kan jalqabe miseensota koree strata keessaa tokko waan tureef sababa kanaan ejensichi kireeffattootaaf kennuu hin dandeenye."
"Ejensichi eeny akka rakkinicha uume fi itti gaafatamummaa fudhatu barbaadaa ture."
Dhuma irratti miidhaa qaqqabeef beenyaa argatus, obbo Kiriwattuduwaan baayyee boodatti harkifachuu dhimma kanaa dubbata.,
Melissa Haley, yeroo furmaanni waldhabbii hawaasa strata keessatti raawwatamu, taateewwan walfakkaatan gara fuula duraatti akkamitti akka ilaalaman murtoon kennamuu akka qabu cimsitee dubbatti.
Garuu waldhabbii naannoo kamiyyuu keessatti, Gumiin naannoo keessanii madda odeeffatnoo keessan jalqabaa ti.
"Gumiin gandaa keessan yeroo baay’ee bakka deemtanii gargaarsa barbaaddanitti isin qajeelchuu danda’u. Guutummaa Australia keessatti tajaajilli jaarsummaa jiraata, kaan dhuunfaa, kaan maallaqa mootummaatiin kan deeggaramu, garuu Gumiin gandaa keessan odeeffatnoo kana isiniif kenna. Kana malees, tajaajila gargaarsa seeraattis fayyadamuu dandeessu. ”
Waldhabbii ollaa ittisuuf tarkaanfiin salphaan namni kamiyyuu fudhachuu danda’u tokko jira jedhti aadde Haley.
“Wanti tokko ani yeroo hunda iyyuu namootaan jedhu, yeruma mana haaraatti galtan ollaa keessanitti adeemaa of beeksisaa. "
“Hiryaa isaanii tahuu hin qabdu, garuu mukoolii qabduun qabattee itti haasaúun of barsiisuun dhugumaan yeroo dheerina keessa jijjiirama guddaa qaba jedheen yaada.”
Establishing a minimum communication with your neighbour helps avoid misunderstandings and conflict. Credit: AJ_Watt/Getty Images