Tuqaalee Ijoo
- Konkolaataa harka lammaffoo karaa sadiin gugurachuutu danda'ama. Karaa daldalaa, nama-namatti ykn mana caalbaasii dhaan.
- Konkolaataa yeroo gurgurtan baasii fi supha inni barbaadu akkasumas ulaagaalee guutamuu qabdu beekuun gaarii dha.
- Nami-tokko-irraa tokkotti , gurguruuf, waraqaa galmee konkolaataa of harkaa qabaachuun barbaachisaa dha.
Konkolaataa keessan Australia keessatti gurguruu: Waan ilaaluu qabdan fi gorsa.
Tilmaamni akka mul'isutti Australia keessa gabaan konkolaataa moofaa, harka sadii gabaa konkolaataa haarawa caala.
Garuu konkolaataa kee akkamiin gabaa irra oolchuu dandeessa?
Kathy Townsend, Dirikteerri Hirmaannaa Sirnoomina Danbii (Director of Regulatory Engagement) New South Wales daldala madaalawe (Fair Trading) bakkootii konkolaataa itti gurguran Australia keessatti argaman ibsiti.
Credit: Alan Powdrill/Getty Images
Karaa daldalaa ykn mana caalbaasii gurguruun karaa beekamaa konkollataan itti sassaabamu dha, akkasitti gurguruun rakkoo tokk malee adeemsa gurgurtaa silaa si rakkisu salphaatti keessa baatu garuu carraa gatii ol kaasanii gurgurachuu hin argattan.
Yeroo karaa daldalaa konkolaataa gurgurattan baasii inni qabus hubachuu dha, sababii isaa warri daldalaa yeroo konkolaataa kee gurguran bu’aa argachuuf. Filannoo biraan, yoo akka tasaa mana caalbaasiin gurgurachuu filattan,gatii itti gurgurtanitti dhibbatti harka 10 – 15 komisiona akka kafaltan beekuun gaarii dha jedhti adde Townsend.
Nami-tokko-irraa tokkotti , gurguruuf, waraqaa galmee konkolaataa of harkaa qabaachuun barbaachisaa dha.
concerned Asian Chinese mature woman comparing financial bill statement with bank on phone line Credit: Edwin Tan /Getty Images
Kunis irra caalaa karaa Galmee Wabii Qabeenya Dhuunfaatiin (Personal Property Securities Register) jedhuun konkolaataa irra liqiin maallaqaa jiraachuu isaa adda baafachuuf ni qoratu. “
Gorsa konkolaataa kee dhuunfaatti yeroo gurgurattuuf
Yeroo konkolaataa kee karaa dhuunfaa gurgurachuuf beeksifattu, haala fi bututina konkolaataan kee irra jiru amanamummaan dubbachuu akkaan murteessaa dha.
- Iftoomina : wanti hunduu iftoominaan deemuu barbaada. Kanaaf yeroo dubbattan iftoomina qabaachuu, haala fi seenaa konkolootichaa yemmuu bakka yaada kennanitti tarreessitan waan namni bituuf deemu baruu qabu hunda ibsuu dha.
- Yeroon deebii itti kennuu: “Yeroo namni bitatu sun si gaafatetti yeroon deebii itti laachuunis gurgurtaa kee saffisiisa."
- Gatii irratti walii galuu: : “Gatiin ati konkolaatichaaf himattus nama bitatu sana hawwatuu fi dhiisuu waan danda’uuf dursii gatii irratti qormaata ofii kee taasisii murteessi."
Alex Forrest Hogganaa kokolaataa fi bobá’’aa kan Royal Automobile Club(RAC) jedhamu Dhiha Australiatti argamuu ti.
Utuu hin gurguriiniin dura konkolaataa suphisiisuun gatii irrattis tahe waliin walii galtee gochuu irratti jijjiirama qabaachuu danda’’a jedha. Garuu suphisiisa ykn dabala hin barbaachisfne dabaluun bu'aa hin qabu.
Keessattuu akka dabalataatti gabaa irraa ati bituu dandeessu hamma kanatti konkolaataatti gattii hin dabalan. Keessatti yoo yoo namni bitate waa ati itti daddabalte kana irraa kaasisee konkolaataa kana akka durii isaatti deebifachuu barbaade ofumaa ti jechuu dha.
Australia Explained - Selling your Car - woman driving a car Credit: FG Trade/Getty Images
Adde Faella kana irratti karaan biraan yaaddoo kana itti xiqqeessan, yeroo namni konkolaataa bitu ilaaluuf dhufu maatiin ofii akka nama bira jiraatu gochuun gaarii dha yaada jedhu muuxannoo ishee irraa qooddi.
" Yaadi xiqqoon ani gorsu, hiriyaa ykn maatii of biraa qabaadhaa. Konkolaatee oofanii akka ilaalaniif bakka bal’’eensa ummatni nama arguu danda’’u geessuun ofanii akka ilaalan taasisuu dha. Fakkeenyaaf paarkii lafa gabaa, lafa namootni baayinaan socha’’an.
Yeroo namni bituuf deemu kun konkolaaticha ofee ilaalu, furtuu kan konkolaataa ofii isaa ykn waraqaa konkolaachisummaa isaa akka sitti kennu gaafadhu of eeggannoof akka siif tahuuf. Waliinis konkolaataa keessa seentee dudda duuba tahuu dandeessa."
Australia Explained - Mechanic fixes engine Credit: Reza Estakhrian/Getty Images
Konkolaataa gurguruun duraa fi booda waan baramuu qabu
Naannawaa jiraattu irratti hundaawee, konkolaataan kee utuu hin gurguramin dura ulaagalee dabruu qabu qabaachuu ni mala .
Fakkeenyaaf Victoria keessatti konkolaataan sun utuu hin gurguramin dura karaa irra deemuu danda'uuf galmeen dhihaachuu qaba. Garuu kun Dhiha Australiatti dirqama miti.
"Kanaaf seerawwan naannawa Australia hunda keessatti adda add jedhti" adde Forresst.
Akkasumas, sakkattainisi haala konkolaatichi irra jiruu ni gaggeeffama dirqama miti garuu namoota konkolaataa harka lammaffoo bitachuu fedhaniif guddisee gorfama.
Erga konkolaataa kee gurgurteen booda:-
- Insuraansii kee fi tajaajila daandii irraa warra sii kennan qunnami,
- Galmee konkolaataa kee kan qabaachuuf deemtuutti dabarfamuu mirkaneeffadhu.
- Akkasumas waajjira galmee konkolaataa naannoo kee jiru quba qabaachisi.
New South Wales keessatti karaa tajaajila New South Wales konkolaataa kee gaggeessuuf akka deemtu hubachiisuu qabda.
Akka gurgurteen daftee beeksisuun adaba tarii maqaa keetiin sababa badii namani konkolaataa bitate geessisuun sitti dhufu irraa ooluuf si gargaara jedhti adde Townsend NSW irraa haala akkasii keessatti gahee daldalli madaalawaa(Fair Trading) qabus dubbatte.
Car repairman giving car keys to customer after success car repairing in garage Source: Moment RF / thianchai sitthikongsak/Getty Images
Congratulations! Here’s what you need to do next, depending on where you live in Australia.