Key Points
- Daldalli akka dhuunfaatti, dhaabbataatti fi wal ta'iinsaan hojjetamuu danda'a
- Haga kuma torbaatamaa ol argattuutti Qaraxa Galii Irrattiif(GST) galmaa'uu hin qabdu
- Australiyaan maallaqni karaa itti argamu kanneen akka gargaarsa maallaqaa, liqii fi kkf dhiheessuun ni gargaarti.
Diinagdeen Australia socho’aa fi naannoon daldalaa deeggarsa qabu abbootii qabeenyaatiif utubaa addaa ta’a.
Yaada addaa qabaattes ykn fedhii daldala gara bu’aa irraa argachuutti jijjiiruu yoo feedhtes daldala xixiqqaa jalqabuun caalaatti bu’a qabeessa.
Nadine Connell Dirkteera Smart Business Plans Australia ti, Australiyaan addunyaa irratti bakkeewwan daldala gaggeessuuf mijjawaan keessaa tokko ta’uu amanti.
Safartuu gibiraa dorgomaa ta'etu jira. Sirna Qaraxa galii Irrattii (GST) salphaa dhibbantaatti harka 10 dha. ABN/ Lakkoofsa Daldala Australia baafachuuf salphaa dha jedhti.
Karaa mootummaa jajjabeeffamni jiru hedduu dha karaa deggersaa. Akkan yaadutti guutuu Australiyaatti bilioona torbaatamaa oltu gadi dhiifame yoo tahu, dambiiwwan ifaa tahanii fi ulaagaa gahummaa hordofamutus jira.Nadine Connell
Xiinxalaan dinagdee kan Sydney keessa jiraatu Abdalla Abdallah, Australiyaan dinagdee tasgabbaa’aa qabaachuun akka dhaadattu mirkaneessa.
Diinagdeen tasgabbaa’aan invastarootaa fi abbootii qabeenyaaf akka dhagaa bu’uuraatti tajaajila.
"Diinagdeen keenya yeroo muraasaaf yeroo COVID, bakka hamma tokko kufee argine irraa kan hafe, utuu wal irraa hin cinne guddata. Haa ta'u malee waggoota kurnan sadii darban keessa ykn sanaa ol guddachaa turre. Kanaafuu, kun dhugma agarsiiftuu dha." jedha obbo Abddallah.
Obbo Abdallah itti dabaluudhaan akka jedhutti Australiyaan abbootii qabeenyaa daldalaatiifis bu’uura seeraa gaarii ta’e qabdi.
Economics Analyst Abdallah Abdallah
Gosa Daldalaa
Karoora daldalaa keessa lixuu dura caasaa daldalaa Australia hubachuun murteessaa dha.
Daldaltoonni akka daldalaa dhuunfaa, dhaabbataatti (company) ykn walta’iinsaatti socho’uu kan danda’an yoo ta’u, tokkoon tokkoon isaanii itti gaafatamummaa fi ulaagaalee seeraa adda ta’an qabaatu.
Akka daldala abbaa irratti hundaawee daldalli kami iyyuu akka adda addaatti hojjeta jedha obbo Abdallah.
Ddaldala xixiqqaa biyya keessaa tajaajila xixiqqaa tokko tokko naannootti, haa jennu, ykn naannoo magaalaa kootti hojjechuun barbaada garuu karoora daldalicha guddisuu hin qabu yoon tahe, daldala dhuunfaa ykn waltaíinsaa irratti fuulleffachuun qaba.
Garuu, dhaabbaticha akka maqaa ofii isaatii guddisuu, maqaa kanatti gatii kennee booda guutummaa isaa ykn gar-tokkee isaa gurgurachuun fedha yoo tahe, akka dhaabbilee(company) daldalchuutu irra wayyaa dha jedha obbo Abdallah.
Dhaabbattoota hedduun daldala baayyee xiqqaa garaja keessatti hojjechuu irraa eegalanii har’a maqaan daldala isaanii biliyoona hedduutti tilmaamamaan argineerra. jedha obbo Abdallah ammas.
Caasaa daldalaa kee erga filattee booda, daldala kee galmeessuu fi seeraa fi dambiiwwan naannoo kan eege tahuu mirkaneeffatuu qabda. Aadde Connell akka jedhtutti, hojiilee toátamuu dandaú dha akkasumas odeeffannooleen si qajeelchan hedduutu jiru jedhti.
Odeeffannoon akka daldalaa kophaatti galmaa’uu fi Lakkoofsa Daldalaa Australia (ABN) argachuuf barbaachisu harki caalaan isaa marsariitii mootummaa kutaa biyyaa keessanii irratti argama.
Hanga galii 70, 000 rukuttutti Qarxa galii irrattiif (GST) galmaa'uun si hin barbaachisu. GST booda itti deebi’uu dandeessa.Abdallah Abdallah
If you need financial support to start your business, Australia offers many outlets that you can reach out to. Credit: SolStock/Getty Images
Daldala ykn Dhaabbata akkasiif lakkoofsa addaatu kennama. Kun akka seera qabeessummaatti galmaa'uu irraati jechuu dha. Daldaltootaaf yoo hin yaadatta tahe, dhuunfaa isaaniitiin walitti hidhame jira. Garaa gartummaa hin qabu. Garuu, Dhaabbilee ilaalchisee Galmee Lakkoofsa Gibiraa(TFN) Lakkoofsa Galmee Gibiraa(TFN) ofii qabaachuu qabu, jedha.
Ulaagaaleen kunneen imaammata inshuraansii hundeessuun, yaada murteessoo biroo keessaa kan dabalatu ta’uu Aadde Koneel ibsiti.
"Inshuraansii daldalaa waliigalaatu jira, yoo kan tajaajila laattu tahe inshuraansii beenyaa ogummaatu jira. Inshuraansii oomishaa qabda, ulaagaa qabaa nyaataan qabda yoo daldala kanneen kana hojjetta tahe.
Gosa daldalaa ati hojjettuu irratti hundaawa , garuu namni hundinuu haga tokko insuraansii wa’ii qabaachuudhuma qaba.Inshuraansii itti gaafatamummaa ummataa qabaachuu qabda, kan yoo namni bakka daldala kee kan dhufu tahe jedhti.
Karoora Daldalaa
Wanti murteessaan biraa ilaalamuu qabu karorri daldalaa akka gaariitti qophaa’ee yeroo hedduu namoota baayyee biratti akka xurree milkaa’inaatti ilaalama.
Aadde Connell gabaa keessan qorachuun tarkaanfii jalqabaa ti jedhti.
"Dorgomtoonni kee eenyufaa dha? Akkamiin gurgurachuuf deemta? Maal dhiheessita? Gatiin oomisha kee hoo? Kana kana ilaaluu qabda. Kanaafuu, yoo kanneen kana irratti if galaan beekumsa qabaatte oomisha kee ykn tajaajila kee karaa caaluun gabaatti dhiheessuu dandeessa." jedhti adde Connell dabaltee.
Business can be operated as a sole trader, company, or partnership. Credit: Superb Images/Getty Images
Deggersa Maallaqaa
Yoo daldala jalqabuuf deggersa maallaqaa barbaadde, Australiyaan daandilee hedduu itti si gargaartu qabdi, kan ati dhihaattee gaafachuu dandeessu. Aadde Koneel filannoowwan maallaqa argamsiisan adda addaa abbootii qabeenyaa ta’uu danda’an, gargaarsa, liqii, fi invastaroota dhuunfaa dabalatee irratti hubannoo ishee qooddi.
"Gargaarsi baay'een jira. Karaa Mootummaa naannoo, Gumii naannoo dabalatee bilyoona 70 oltu jira. Invastarootni dhuunfaas jiru. Sun ati akka dhuunfaattis namoota beekuu fi dhiisuu kee irratti hundaawa, daldala kee guddisuu ykn tajaajila madaalawaa kennuu danda’uu keefaa irratti hidhata," jedhti. "
Aadde Connell akkasumas marsariitiin mootummaa Australia business.gov.au, jalatti grants kan jedhuu fi program kan jedhu jalatti tarreessiin gargaarsi itti argamu ka’amee jiraachuu ibsiti. Deeggarsi kun warshaalee adda addaa kan tajaajilu yoo ta’u, dameelee adda addaa keessatti deeggarsaa fi carraa adda kan kennu dha jedhti dabaltee.
"Namootni marsariitii kana irra deemuun ilaaluu danda’u, garuu ammo kan mootummaa naannoos ni jira. Marsariitiin mootummaa naannoo hundi isaanii odeeffatnoo marsaa irratti kan ofii isaanii qabus. Akkasumas gumiin noonoos, yeroo hedduu ni qabus jedhti itti dabaltee.
Odeeffannoo dabalataaf waajjira kutaa biyyaa keessanii qunnamuu dandeessu. Fakkeenyaaf, Tajaajjilli NSW namoota abbootii qabeenyaa tahuuf abdii qabaniif imala hojii jalqabuu hunda keessatti qajeelchuunii danda’a.
Nadine Connell - Director of Smart Business Plans Australia
"Gargaaraan tajaajila daldala keenyaa daldaltoonni odeeffannoo gargaarsa maallaqaa kan daldala ittiin jalqaban naannoo mootummaa adda addaa keessatti argamu akka argatan gochuuf gargaarsa kan kennu yoo ta'u, bakka deggersi maallaqaa argamuu fi hayyama argatan waliin wal qunnamsiisa."Cassandra Gibbens
Dabaltees gargaartotni daldalaa maammiltooti isaanii maal argachuu akka qaban tokkoo tokkoon isaanii qorachuun akkuma haala matiyyaatti gargaaruuf adda baafatu jedhti.
"Warshaalee adda addaa irraa gargaarsa argamuu malu adda baafachuu fi carraa daldala eegaluu kanneen gargaaran waliin walitti fiduu irratti gargaaru. Gorsitoota dhuunfaa waliinis wal agarsiisu. Namoota akkamitti akka daldala jalqaban irratti gorsa kennuufii fi gorsa maallaqaa dabalatee bakka barbaachisaa tahaniin wal isaan qunnamsiisu jedhti adde Gibbens yeroo ibsitu.