Key Points
- Hiryummaa aada-danuu waliin uummachuu irraa muuxannoo waliin qabnu hubachuuf nu gargaara.
- Kophaatti of baasuun Odeeffannoo silaa Biyya haaraatti wali irraa argachuu dandeenyu dhabna.
- Hiryummaan aada-danuu waliinii ilaalcha garagaraa akka hubannu fi miira of tahuu akka guddifannu nu gargaara.
- Duubbee aadaa keenya qofa keessatti hudhamuun carraa hariiroo gaarii horachuu hanqisa.
Muuxannoon godaansaa kophummaa namatti dhageessisa, kanaaf deggersaa fi hiryummaaf gara namoota beeknuutti harkifachuun keenya hubatamaa dha.
Haa ta’u malee, hiriyummaa aadaa ofii malee jechuu keessaa yoo xiqqoo tarkaanfanne ilaalcha adda addaa namoota irraa akka barru fi nuti illee miira namaaf yaaduus akka cimsannu nu gargaara.
Hiriyyummaan aadaa danuu waliinii waanuma waliin qabnu kan calaqqisiisu dha.
Namootni yeroo gara Australia dhufan muuxannaa godaantummaa wal fakkaataa irratti hundaawee hariiroo uummatu jedhti, Dr Harriet Westcott.
"Gosti godaantummaa fi , sababni namootni godaananiifis gara gara, akkasuma haalli keessa dabran illee adda adda. Muuxannoo namootaa gaafachuun gaarii dha- garuu namootni dhiphina keessa dabaran irraa itti dhagahamuu waan maluuf waliin hasawa hiryummaa keessatti of-eeggachuun barbaachisaa dha. ”
Aad ofiin "adda of baasuu"
Namoota sabummaa fi aadaan tokko taane , akka keenyatti yaadan irraa jajjabina arganna garuu kun hanqinas ni qaba.
"Rakkoon jiru amala adda of baasuutti qabamanii jiran keessaa bahuun rakkisaa tahe mul’ata," jechuun akeekkachiifti, Piroofeesar Catherine Gomes ((GO-mez )), ogeettiin qunnamtii hawaasa adda addaa RMIT irraa.
Yeroo adda of qoodan jiraatanitti , keessattuu Odeeffannoo ilaalchisee wanta tahu tokko akkuma isa tokkoo yaada. Kanaafuu Odeeffannoo fi ilaalcha waaée biyya deemtee keessa jiraattuu yeroo yaaddu hiriyaan koo kan beeku hunduu waanuma ati beektu dha. Sun booda rakkoo guddaa taha, sababni isaas dhugumaatti akkamitti Biyya ormaa kana keessa akka jiraachuuf deemtu waan hin hubatneef.”Catherine Gomes
Bal'ifnee yoo yaadne odeeffatnoo silaa jireenya biyya keessa jirruutti nu barbaachisu arganna.
Barattoonni idil-addunyaa yeroo hiryoota jiraattota biyyaa waliin hariiroo uummatan wareerri aadaa haaraa akka isaan hin mudatnee fi qubannaan akka isaanii salphatu yeroo baayyee ni gabaasu.
Haa tahu malee, Prof Gomes yeroo barattootni idil-addunyaa china irraa dhufan hiriyoota aadaa isaanii ala tahe akka hin hin qabne dubbatan ni dhagaha. Inumaa iyyuu, hiryootni hiriyoota isaanii iyyuu chinoota, geengoo kana keessatti hudhaman jechuun ibsiti.
Make friends in Australia: the importance of cross-cultural friendships
"Garuu godaantota bayyeedhaaf haqa dubbachuuf, keessattuu godaatota yeroof, hiriyoota jiraattota biyyaa qabaachuun baayyee baayyee cimaa dha.”
Hiriyaa horachuun cimaa dha
Jiraattotni biyyaa umamumaan salpaahtti hiriyaa horachuu fi akkasumas aadaa ofii isaaniin hidhata qabaatu.
Barataan idil-addunyaa Rashaa duraanii Max Tkachenko yeroo qubatetti dhugaa hammaataa kana arge.
Yeroo barattootni idil-addunyaa ykn godaantonni geengoo hawaasumaa cabsanii seenuun ulfaataa dha jechuu isaanii dhageessan, rakkinni sun naaf hubatama. Anis kanuma keessan dabre.Max Tkachenko
Garuu, daangaa namni tokko ofitti tolche irraa yaada kennuun ofiif daangaa ofitti tolchuun sababa gaarii akka hin taane dubbachuun barbaada, “ jedha obbo Tkachenkoon.
Hiryummaan kan gatii nama hin baasifne hunduus nu waliin hiriyummaa uummachuun dirqama miti, jedhti Dr Westcott.
Dubbichi waa’ee keenya miti. Namootni jireenya isaaniitti ko’eessa waan tahaniif. Yoo cal jedhnee , jarqiidhuma jiraatnee fi namootas akkuma adeemsa jireenyaa ti jechuutti fudhannee gaaf tokko namoota nu waliin hiryoomuu fedhanitti dhufna taha.”
Aadaa ofii qofa jechuu irraa bal’isanii ilaaluu
Obbo Tkachenko hiriyummaa aadaa isaatiin ala jirutti akka michoomu kan isa kakaase fedhii fi hariiroo hiikkaa qabu barbaaduu irraa ti.
“Akkuma ijoollee mana gabaa karameellaa seentee ti,” jedha.
Takkaa tokko keessaa fudhachuuf hin deeman- hunduma isaa yaaluu barbaadu. Yeroo Australia dhuftu bakka aadaa hundaatti seenaan qabaachuu dandeessa, kanaafuu maaliif of daangessita?
People born and raised in Australia can exist in a cultural bubble too. Credit: SolStock/Getty Images
" Yeroo aadaa kee fi warra si fakkaatan qofa waliin ooluutti of daangessite, hiryummaa silaa miidhagina qabu guddifachuu maltu ofitti hir'isuu dandeessa.
Of-ta'ummaa
Professor Gomes Singaporitti dhalatte, akka Eurasianitti(Eurasian) of ibsiti. Australia yeroo qubatte namoota gara garaa aadaa ishee irraa adda tahaniin walihidhachuun ishee buá qabeessa tahuu dubbatti.
"Dhimmichi namoota waliin jiraachuuf deemtu hubachuu dha, akkasumas baakkoota illee baruun gaarii dha jedhti.
" Yoo hiriyoota Australiyaanota qabaatte fakkeenyaaf, of-ta'ummaan kee caalaa guddata."
“Yoo hiryummaa Australiyaanota walii qabaatte fakkeenyaaf, miira of tahuu kee caalaatti guddisa. Garuu yoo dhuma namoota dubbeen aadaa isaanii keen tokko tahe qofa waliin hidhata qabda tahe muuxannoo aada danuu waliin wal fudhataa hin jirtu garuu biyya kee irraa Biyya biraa adda tahetti godaanuudhuma qofa fakkaata. "Max Tkachenko
Being friendly and giving people the benefit of the doubt can go a long way to forming friendships. Credit: Lucy Lambriex/Getty Images
"Sodaan Gamasiin jiru, waannen tarii si dabruu maluirraa ti taha jedha.
Kanaafuu, sodaadhuma keessattuu, tattaaffii kee itti fufii gammachuutti cehi. Haasawa keessa seenii, haasawi, qoosaa keessa buufadhu, yaada kee qoodi, namootni kun Australia keessatti dhalatanii fi Australia dhufanii dhimma kee miti daftee itti barta. “