Dubartootni Oromoo yeroo dubartiin tokko deessu, da'umsa duraa fi da'umsa booda deggersa miiraa fi hawaasummaa ni taasisu. Da’umsa dura wanneen ishee barbaachisan gaafachuun gargaaruu akkasumas da'umsa booda kanneen akka nyaataa fi dhugaatii keessummaa ittiin gaggeessan hojjechuun akka isheen hin yaaddofne tumusu. Ega deesseen boodas guyyaa shan booda "Shanan" ykn "Abooxaa" jedhamuun beekamu baasu. Guyyaa kanatti dubartootni Oromo uccuu aadaan faayamanii argamuun weedduu shanan irratti jedhamuu wal harkaa fuudhanii jechuun ishee gammachiisu. Marga jiidhaa harkatti qabachuun weeddisaa haadha daa'imaa diinqa isheetii yeroo baasan gidduu glafatanii ililchaa fi weedduu gara goof-dubaatti geessan bakka ishee qohaawe teessisu. Marqaan hundumaaf tolfama. Dhadhaa, Qocqocaa, Baaduun firaa fi hiryootaan qophaawe gadi bahee Marqaatti nyaatama. haadha daa'imaaf ililchaa askutiin kutamaaf. Maraqaan nyaatamee akkataa itti waciitii deessuun itti nyaatte kaasan sirna of-danda’e qaba. Deessuu eebbisu, tartiiba eebbaa ega xumuraniin booda qodaan achi deebi’a. Taphnis itti fufa. Aadaan kunis akka dabree dhalootaa dhaloota irraa dabree waan asi gaheef jabeessanii kan qabatan fakkaata. Adde Iftuu Laayyessaa, Adde Fayinee Qaabatoo fi Adde Siifan Asfaawu, Shanan sababeeffachuun walitti dhufiinsi taasifnu hedduu miira namaa gammachiisa, nama qaba, yoon rakkadhe kan na dhaqqabu jedhtee akka abdattu si taasisa jedhu. guutummaa isaa caqasaa.
Shanan Kabajuun haadha daa'imaaf Miira jabaa kenna jedhu warri dubbifne
Suuraa Sganan irratti fudhatame Credit: Obbo Bantii O Birruu
Shanan ykn Abooxaa (Oromia mara keessatti jecha biraan beekamuu danda'a). Dubartoota Oromoo biratti maaliif kabajama? Haadha daa'imaaf bu'aa maal qaba? Shanan maalfaa of keessaa qaba kanneen jedhan bal'inaan olitti caqastu.
Share