Tuqaalee ijoo
- Insuraansiin Fayyaa Dhuunfaa sirna mana yaalaa mootummaa irraa ba’aa fuudha.
- Insuraansiin dhuunfaa namaa kafaluu jechuun tajaajila mana fayyaa fi ogeeyyii argachuuf yeroo gabaabsa, tajaajila fayyaa beekamoo tahaniifis qarshiin namaa deebi’a.
- Mootummaan akka namuu Insuraansii Fayyaa Dhuunfaa qabaatu jajjabeessa.
Awustiraaliyaan sirna eegumsa fayyaa hawaasaa addunyaa irratti fooyya’aa ta’e qaban keessaa tokko yoo taatu, Medicare fi manni yaalaa mootummaa tajaajila fayyaa bilisa ykn gatii xiqqaan ni kennu.
Haa ta’u malee, yeroo tokko tokko gaaffii ummatichaa guutuuf tattaafataa sirna fayyaa dhuunfaa faana hojjeta.
Tim Bennett, Ogeessi Inshuraansii (Maarsariitii gatii wal bira qaban ilaaluuf gargaara) jechuu dha, Medicaren lubbuun nu jiraachisa, garuu waan hunda guutuuf ni rakkata jedha.
"Wanti inshuraansii fayyaa dhuunfaa gochuuf yaalu, namootni humna qaban sirna eegumsa fayyaa dhuunfaatti dhimma bahuu akka filataniif hayyamuudhaaf."
Insuraansii Fayyaa Dhuunfaa tajaajila fayyaa walitti qabaa kan mana yaalaa mootummaa alatti tajaajilaman kanneen akka ilkee, ijaa, physiotherapy fi Ambulansii kaffaltiin ni kennu.
There are no gap fees if you’re treated in a public hospital; however, you might encounter additional expenses on your bill. Source: iStockphoto / mediaphotos/Getty Images
'Hospital' fi 'Extras' kan jedhu maal?
Mana yaalaa ykn Hospital kan jedhu yoo akka dhukkubsataa dhuunfaatti mana yaalaa seente insuraansichi baasii tajaajila kee sii kafala. Fakkeenyaaf, kununsa fayyaa dhuunfaa jalatti ogeessa dhuunfaa kee fi guyyaa itti barbaaddus filachuu dandeessa.
Dabraa ykn Extras kan jedhu ammoo tajaajiloota fayyaa kanneen akka ilkee, physiotherapy fi ijaaf sii kafala. Akka seeraatti, ogeessa fayyaa ykn GP kee akkasumas laalama adda addaa manya yaalaatiin alaaf sii kafaluu hin danda'u.
Insuraansii kana kan Hospital fi Extras jedhu kopha kophaatti bitachuu ykn walitti qabaa fudhachuun ni danda'ama.
Daawwattootni Australia dhufan fi visa adda addaa warri qaban inshuraansii fayyaa dhuunfaa biyya alaa qabaachuu qqbu.
Hojii gaggeessituu ol-aanaatuun Kununsa Fayyaa Dhuunfaa Australia, Dr Rachel David, ega jiraataa dhaabbataa biyyaa taataniin booda Medicare qofan fayyadama yoo jedhtan ni dandeessu jedhti. Haa tahu malee, Jiraattotni dhaabbataa biyyaa, insuraansii fayyaa dhuunfaa fudhachuu itti fufanii jiru, keessattuu sadarkaa godaantota ogeeyyiin.
Weerara CoVID-19 sirna mana yaalaa keenya muddama mana yaalaa keenya mudateef sababa tokko dha.
"Manni yaalaa tajaajila dafanii fi karooraan baqasuu ykn operation gochuu dadhabeera jedhchuun dubbbata," Dr David.
"Godaantonni hojjetootni baayyeen biyya kana dhufanii hojii argachuun hojjechaa jiran, hojii dhiisanii, torbanootaaf tajaajila mana yaalaa eeggachuu hin dandaán."
Kunuunsi fayyaa dhuunfaa wantoota akka baqaqsanii hodhuu fi kunuunsa fayyaa sammuuf yeroo eegumsa gabaabaa kan eeggachiisu yoo ta’u, kunis maallaqa ilaalchisee namoonni akka isaanii tahutti akka mijeeffatan baasii fayyaa isaaniif dabalata kafalu.
Akka kanaan, mana yaalaa mootummaa irraa bahaa ni fuudha akkasumas namoota tajaajilli isaan barbaachisuufis akka dafanii tajaajilaman karaa soqa.
'Extras' covers additional specific health services such as dental, physiotherapy, and optical care. Credit: Luis Alvarez/Getty Images
Dhukkubsattotni dhuunfaa fi kan mana yaalaa mootummaaf tajaajjilli kennamu gargarii?
Tajaajila fayyaa kennitootni kamuu sirna naamusaa jalatti hojjetu, Kan dhuunfaas tahe kan mootummaa fayyaa keef dursa kennu.
Akka dhukkubsataa dhuufaas tahe kan mootummaa tajaajilli adda adda tahe sii kennamuu hin qabu.
Jajjabeessamuu
Mootummaan namootni akka Insuraansii Fayyaa Dhuunfaa seenaniif waa sadiin jajjabeessa.
1. Insuraansii Fayyaa Dhuunfaa irraa kan namaa deebi'u
Kun kan mootummaan warreen seerawaa tahaniif insuraansii kana qaban basii mana yaalaa dhuunfaa cufuuf gumaachu dha. Akkasumas kaayyoon isaa namoota galii-xiqqaa qaban keessattuu, warra fayyaan isaanii dhibee gargaraan qabamee tajaajila fayyaa barbaadan gargaaruuf.
Deebiin kun gara dhibbantaatti harka 25 kan ta’u kaffaltii (baasii imaammataa) yoo ta’u, karaa deebii gibiraa keessaniin kan deebi’u dha.
Kanaafis gahaa tahuun gosa insuraansii fudhattanii, umurii fi galiin irratti hundawee ti.
2. Gibira Medicare
Insuraansii Fayyaa Dhuunfaa fudhachuudhaan kaffaltii gibira Medicare of irraa qabuu dandeessu.
Kun gibira dabalataa namoota galii guddaa argatan insuraansii dhuunfaa hin qabne irra kaa’amu dha.
"Namootni hojjechaa jiran hundi Medicare Deeggaruuf gibira Medicare ni kaffallu, kunis qaamuma gibira galii isaanii ti, garuu namootni insuraansii fayyaa dhuunfaa hin qabnee, galiin maatii tokkoo waggaatti gara $183,000 ol ta'eef, yoo inshuraansii hin qabaanne gibira Medicare dabraa ni kaffalu, " jedha Dr David.
Dameen Fayyaa ( ) waa''ee ulaagaalee galii fi gibiraa irratti odeeffatnoo ni kenna.
3. Kaffaltii Fayyaa Umurii guutuu argachuu
Namootni insuraansii qabaatanii ammoo waggaa 30 ol tahan, xiqqoo gatii jabaa kaffallu yeroo jalqabaaf insuraansii seenan. Kunis namoota reef jalqabaaf wagga 85tti, ega dhibee fayyaa gargaara qabaatniin booda insuraansii fayyaa seenuun nama wagga 25nii waliin wal qixa kaffaluu dhorkuuf jecha.
“Akkasumas ba’aan baasii guddaa gara dargaggootti akka hin dabarre ittisuuf,” jedha Dr David
Kaffaltiin bakka duwwaa ykn gap maal?
Yeroo baayyee ‘gap fees’ ykn baasii ‘out-of-pocket’ yeroo jedhan dhageessu. Kun garaagarummaa gatii tajaajilaa fi kan insuraansiin fayyaa isinii deebisu gidduu jiru jechuu dha.
Yeroo tajaajila fayyaa ogeessa fayyaa keessan ykn GP irraa, ogeeyyii ykn mana yaalaa irraa argattan Medicare ykn insuraansii fayyaa dhuunfaatu baasii sana baayyee isaa cufa.
“Ogeessi fayyaa ykn Ogeessichi kanaa ol si kafalchiisuu danda'a, kana gidduu kan jiru "bakka duwwaa ykn gap jedhama jechuun ibsa."Ogeessi fayyaa Chris Moy.
"Sababni isaas akkuma yeroon darbaa deemuun Medicare fakkeenyaaf qaala’iinsa jireenyaa wajjin wal simee hin jiru. ”
Yoo mana yaalaa akka dhukkubsataa dhuunfaatti seente, dabraa ykn excess kan jedhan kafalamu kaffalta, akkuma yeroo insuraansii kee irraa deebiii gaafattu waa si kaflachiisanii jechuu dha.
By law, private health insurance (PHI) can’t pay for outpatient care such as a visit to the GP or imaging and tests outside hospital. Credit: PixelCatchers/Getty Images
Insuraansii Fayyaa Dhuunfaa kamtu siif gaari?
insuraansii fayyaa filachuun jarri maal dhiheessu ani ammoo maalan barbaada jedhanii madaalanii ilaaluu barbaada. Kana jechuun dursanii haga danda'ame odeeffatnoo corachuu barbaachisa.
Kaffaltiin sadarkaa baasii cufamuuf barbaachisu sanaa fi nama tokko moo maatiifan barbaada kan jedhu irratti hundaawa.
Akkuma yeroo dabraa deemuun fedhii namaas jijjiiramuu mala jedha, Tim Bennet.
"Imaammata tokko ilaalte sana irratti hundooftee insuraansicha fudhachuu yoo murteeffatte, wagga tokko ykn lama booda irra deebii ilaali tarii gatii irra caalaa ati argachuu maltu jiraachuu malaa,"
Filatnoowwan jiran madaaluuf marsariitii mootummaa ykn wal bira qabdanii ilaaluuf kanneen akka marsariitii , fi ilaalaa.