ijollee kutaa torbaaf cehumsi maal fakkaata - Rawwii Sisay

Raawwii Sisay

Credit: Rawi's family

"Barattootni sadarkaa tokkoffaa(elementry) irraa gara sadarkaa lammaffaa(high school) gaafa gahan wanti hunduu ni jijjiirama. Waanti hunduu haarawa itti taha. Sadarkaa tokkoffaatti ijoollee tapha irra caalu, garuu sadarkaa lammaffaa gaafa seenaan barnoota isaaniitti cimuu qabu" jedhti Raawwiin yeroo dubbifne.


" Ijoolleen yaadda'uu hin qaban garuu haguma danda'an hojjechuu dha. Gorsa warra isaanii dhaggeeffachuu qabu, hojii mana barnootaatii kennameefis yeroon hojjetanii yoo deeman gaarii dha. Meehsaa kanneen akka laptop mana barumsaatii warri kennamuuf jiru kana seeraan qabachuu qabu. Barnootni sadarkaa lammaffaa ni cima, garuu sagantaa baafachuu, yerootti fayyadamuu fi itti dhiphachuu utuu hin taane hojjechuun irra aanuun danda'ama. "

Share