Sagalee Referendemii: Maal inni Awustraaliyaan maaliif qabaachuu qabdi?
The moon is seen behind the Australian flag, the Indigenous flag and the flag of the Torres Strait Islands flying outside Parliament House to mark Reconciliation week in Canberra, Tuesday, May 30, 2023. (AAP Image/Lukas Coch) NO ARCHIVING Source: AAP / LUKAS COCH/AAPIMAGE
Ummatni Aboriginal fi Torres Strait Islander Heera Australia keessatti beekamtii akka hin qabne beektuu? Mootummaan Federaalaa Sagalee Warra Abbaa Dachee (Indigenous) Parlamaa keessatti dabaluuf Australiayanotni akka murteessaniif referendamii yaame. Kanaaf, Referendumiin maal? Eenyutu filuuf Australia keessatti seerri hayyamaaf, Sagaleen Paarlamaa keessatti maalfaa dalaga? Bal’inaan caqasuu dandeessu. Seenaa keessatti, Australiyaanota Heera wayyeessuuf amansiisuun salphaa hin turre. Ega Federationa bara 1901 as, yaadota jijjiirraaf dhihaatan 44 keessaa 8 qofatu milkkaawe. Dhimmoota Abbootii Dachee (Indigenous) irratti referendum inni gara booda kanaa bara 1967 gaggeessame. Australiayanotni Jalqabaa (First Australians) Seera Commonwealth jalatti akka Australiayanotaatti beekamtii argatanii kanaafis lakoysa biyyichaa (census) keessatti dabalaman. Egaa Filmaata keessatti Sagalee kennuuf galmooftee jirta yoo tahe, referendumii kana irrattis Sagalee kennuuf seerri siif hayyama. Kana jechuun lamiileen biyyattii filuuf galmeessaman referendum kana Sagalee kennatuun dirqama.
Share