Gibira Bu'aa irrattii jechuun maal? Eenyutu kafaluu qaba?

Young man holding paper letter reading shocking unpleasant unexpected news

A young man holding a paper letter reading shocking, unpleasant, unexpected news feels frustrated and stressed—high tax rates. Source: iStockphoto / fizkes/Getty Images/iStockphoto

Gibira bu’a irrattii (Capital Gain Tax) waan nama irra jiru herrega waggaatti kan galii ofii irraa gibira kafaluun barbaachisu dha. Gibira addaa miti. Irra caalaa hubachuuf olitti dhaggeeffadhaa, barruu dhihaates dubbisaa, Gibirri maal akka tahe Waajjirri Gibira Australia (Australian Taxation Office) maaliif akka seeraan gadi jabeessu asi irraa hubatuu dandeessuu.


Tuqaalee Ijoo
  • Gibirri Bu’aa irrattii kan bu’aa qabeenyaa kamuu gurguruun argamu kanneen akka manaa, qixxeeffachuu fi maallaqa daddabarsuun argamu irratti gibirri kafalamuu qaba.
  • Yoo jiraattotni gibira bu’a irratt argatan hin gabaasin adaba cimaatu isaan irra kaa’amuu danda’a.
  • Bakki jireenya ofii gibira bu’a irrattii irraa bilisa. Namni mana bitatee utuu keessa jiraatuu yoo gurgurate gibira irraa bilisa.
Gibira bu’aa irrattii jechuun maal, eenyutus kafaluu qaba?

Gibira bu’aa irrattii (capital gain tax) jechuun gibira bu’aa qabeenyaa gurguruu irraa argamu jechuu dha. Qabeenya tokko yeroo gurugrtu bu’’aa yoo irraa argatte gibira walii galaa si irra jiru of irraa qulleessuutti gaafatamummaa qabda.

Gibirri kun gibira galii kan waggaatti hojjechiisan (taxi return) Waxabajjii 30 yeroo herregi wagga cufamu keessatti kan dabalamu taha.

Qabeenya guddaa yoo gurgurte adabbii irraa of eeguuf bu’aa ykn kasaaraa deebii gibiraa yeroo hunda iyyuu hojjechiistu irraa argattu gabaasuun barbaachisaa dha.

 Yoodhuma illee inni ati gibira itti kafaltu maqaa addaa qabaate, qaamuma galii keetii tahuun beekama.

Australiyaanonni gibira kafalan hundi bu’aa argatanii fi kisaaraa isaaniis lameenuu yeroo deebii gibiraa hojjechiifatan qabaasu qabu, seera gibiraa irraa eegamus guutuu qabu.

Waajjirri Gibira Australia(ATO) gibira funaanuu fi galii adda addaa waan ilaalu toáta.

Namootni baayyeen deebii gibiraa hojjechiisuuf wagga waggaatti herregaa ykn (accountant) bira ni deemu.

Manoj Gupta, Herregaa beekamaa Melbourne keessatti galmaawee jiru yemmuu tahu akkaataa gibirri bu’aa irratti kafalamu itti hojjetu ibsa.

“”Gibirri Bu’aa irrattii kan bu’aa qabeenyaa kamuu gurguruun irraa argamu kan mootummaan akka namuu irratti kafalu taasisee fi qabeenyi kunis kan akka manaa, qabeeya qixxee, yeroo amma kana keessattuu maallaqa marsaa irra daddabarfamu kkf dabalata. Qabeenya Biyya alaatii qaban illee ni dabalata.””

 Innis galii gibirri itti kafalamu kan Herrega waggaa, miindaa ykn galiii daldalaa fi akkasumas bu’a qabeenya gururuu irraa argamu dabalata.

Kaffaltiin gibira bu’aa irrattii kan nama irra jiru gurgurtaa qabeenyaa irraa argamee yemmuu tahu kunis galii nama Sanaa irratti hundaawee herregama.

“yoo namni gibira kafalu qabeenyaa kamuu gurgure, mee fakkeenyaaf haa jedhnu mana haa fudhannu kun yeroo baayyee waan beekamaa waggootaaf gurguramaa ture waan taheef. Kanaaf, yoo namni tokko mana gurgurate, bu’aa argates dhiises, kun deebii gibiraa dhuunfaa nama sanii keessatti gabaafamuu qaba, kunis akkuma beekamu wagga waggaan namni gibira kafalu kamuu kan gabaasanii dha.”

Dirqama kee bahuu fi gibira sirrii kafalaa jiraachuu kee mirkaneessachuuf , bu’aa kee fi kisaaraa kee kan tokkoon tokkoon qabeenyaa si harkaa bahee herreguu si barbaachisa yoo tarii waan si hin ilaallanne tahuu sitti himame malee.

Tim Loh Gargaaraa komisionaa kan wajjira gibira Australia, akkaataa itti gibirri nama irra jiru herregamu ibsa.

 “Haa jedhnuu Nooriin gara doolaara kuma shaniin qixxee bitatti, qixxee kana ji’a jahaaf keessa turtee doolaara kumaa fi dhibba shanitti gurguratte. Egaa waan biraa irraa bu’aa ykn kasaaraa hin qabdu haa jedhnu, isa kana irratti garuu Nooriin dhibba shan buufatteetti, yeroo deebii gibiraa (tax return) hojjechiiftu dhibba shan buufachuu ishee gabaasuu gabdi, gibira illee irratti kafaluu qabdi””

Gibirri bu’aa irrattii kan kafalamu dhaabbilee gurgurtaa manaa baayyee isaanii irraa kan argamu yemmuu tahu, kaan guutummaatti bilsia tahu jedha obbo Gubtaan.

“”walumaa galatti, bakki jireenya ofii gibira bu’a irrattii irraa bilisa. Yoo namni tokko mana bitee ega gaafa biteetiis keessa jiraatee, utuma keessa jiraatu ammo yoo gurgure bu’aa hagam iyyuu yoo argate kaffaltii gibira bu’aa irratti jedhu (Capital gains tax) irraa bilisa taha.“

Yeroo baayyee, gibira bu’aa irrattii kaffaltu keessaa si hir’isama.

Yeroo qabeenya kee gurgurtu, yoo jiraataa fi gibira kafalaa Australia taate akkasumas qabeenya kana yoo xiqqaate ji’a 12f of harka tursite tahe, gibira bu’aa irrattii kan si irra jiru dhibbatti harka shantama gad of irraa hir’isu dandeessa.

Yoo namootni gibira bu’aa irrattii kana jalaa miliquuf yaalaan Waajjirri Gibira Australia adaba itti murteessa.

Obbo Loh, akkaataa itti wajjirri gibira Australia warreen gabaasa wagga kafaluu hanqatan ykn gibira bu’aa irrattii hin gabaasin hafan mallattoon shakkii agarsiisu ykn waan saaxilu itti tolchan akkam akka tahe ibsa.

“Namootni waan sirrii hojjechuu isaanii mirkaneeffachuuf gabaasaalee galii namootaa fi galmee gara biraas dhaabbilee warreen akka bankii, wajjiraalee galii kan mootummaa, waajjiraalee lafa gurguran, warra insuraansii fi aksioona adda addaa irraa ni argannna. “

Yoo jiraattotni gibira bu’a irratt argatan hin gabaasin adaba cimaatu isaan irra kaa’amuu danda’a.

“” yoo gibira bu’aa irratti kafaluu qabdaa fi hin qabduu hin barre tahe, ykn yeroo gabaaste waa dogoggorte tahe, daftee waajjira gibira Australia ykn warreen gibira hojjechuutti galma’anii jiran qunnami. Kan ati beekuu qabdu nuti kan asi jiruuf badiif si barbaaduuf utuu hin taane, keessattuu yeroo jalqabaaf deebii gibiraa hojjechiiftu yoo dogoggorte karaa sirrii sitti agarsiisuu fi si gargaaruuf.“

Adabni gibira bu’aa irratti kafaluu dhabuu , akkuma gibira kaanii amala nama sanii fi akkasumas waan hin kafalamin hafe sani irratti hudndaawee herregama. Akkuma amala mul’’atee irratti hundaawee dhibbatti meeqa akka kafalamus murtaawa.

Sana irratti dabalee, Waajjirri Gibira Australia hanqina gibira kafalauu dahbuu irratti dhala kafalchiisuu danda’a.

Obbo Loh akka jedhutti akkumma abba-abbaatti , adabichi hanqina gibiraa dhalate sani irratti dhibbatti harka 25 hanga 100 tahuu dandaá.

“”yoo kan gibira kafaluu diddee, waanuma ati goodhte irratti hundaawee adabni ulfaataa tahuu danda’a. yoo qulqullummaan dogoggora goodhte tahe, adabni kee cimaa hin tahu. Garuu beekaa kan sirnicha goyyomsuu yaaltuu fi dirqama kee beekaa dagatte, adabni si irra kaa’amu ulfaataa taha. “”

Beekaa balleessuu fi irra deddeebiin yakka hojjechuun yakkamaa tahuun seera duratti dhihaachuunis akka jiru beekuun barbaachisaa dha.

Australiyaanonni irra caalaan maallaqa harkaatti hin fayyadaman, namootni gibira kafalan tokko tokko tarii maallaqa isaanii harkumaa fi harkatti fayyadami taha, sun akka galii isaanii kaffaltii gibiraa barbaadu akka sirnaan itti hin kafalanne isaan taasisa, gara ciruma gibira kafaluu milquuttis isaan geessa.

 Garuu yeroo qabeenyaa gibira bu’aa irrattii kanneen akka manaa fi waan qixxeefaa irratti badaa hin mul’atu jechuun ibsa obbo Guptaan.

“”Australia keessatti, waan baayyeen maallaqa harkaan waan tahu hin fakkaatu, baayyeen isaa bank irraanii, hunda miti garuu baayyeen maallaqa harka irraa caalaatti bankii irraan dabarfachuun fayyadamu. “”

Warreen gibira kafalan, yoo tarii dogoggoraan adabamuu amanan iyyachuu danda’’u.

Waajjirri Gibira Australia yoo iyytichatti quufe, adabicha hi’’irisu ykn guutummaatti irraa haqan ykn irraa kaasan ni jiraata.

Keessattuu, gamaaggama gibira kee irratti taasifame ykn deebii gibiraa hojjechiifte san mormuu fi adeemsa sana keessa deemtee adaba si irra kaayyame ykn waan si irra jira jedhame mormachuu qabda. “”

Gibira bu’aa irratti dabalee dirqamoota Gibira illaallatan bahachuun, barbaachisaa tahuu fi hawaasa keenya deggeruu irratt gahee guddaa qabaachuu gadi jabeessee dubbata obbo Loh.

 “”yeroo ati gibira kee hin kafalle, hunda keenyatu miidhama. Kana jechuun maneen barmootaa fi maneen yaala fayyaa keenya deggersa maallaqaa gahaa hin argatan jechuu dha, kana jechuunis barsiistota, ogeessota fayyaa fi Nursoota muraasa haawasa Australiaaf qabaanna jechuu dha.

Akka addaatti ammo akkuma yoo bu’aan argame qofa kafalama kan jedhu yaadota beekamoo tahan iyyuu , karaa kaaninis ammoo yoodhuma kasaaran illee kafaluun waanuma jiru tahuutu hubatama.

Kun bu’aa mirqaansaan hin jiru kan jedhan san.

Jireenyi isaa Birsbane kan tahe gorsaan techinology Odeeffannoo V.Subramanya qabeenya investmentii isaa kasaaraadhaan gurgure. Yoodhuma gibira bu’a irratti akka hin kaffalle beeke illee waajjirri gibira Australia garuu kana irratti ilaalcha addaa qaba jechuun haala kanatti geese ibsa.

“”qabeenyaa investment tokko Tasmania irraa qabna. Kuma dhibba afurii fi kuma digidamaan bitne, wagga lamaafis keessa jiraannee gara Brisbane godaanne. Wagga yartuuf kireessine, sana booda gurguruu fedhne.

Manichi kuma dhibba afurii fi digdama irraa gara kuma dhibba sadii fi kuma saddeettamatti gadi buhe. Wagga dabre yeroo deebii gibiraa keenya hojjechiifnu, waajjirri gibiraa Australia “bu’aa argattanii jirtu nuun jedhe”.

Haalli akkasii namoota baayyee rifaasisuu danda’’a. Yeroo qabeenyaa investmentii baasii baase jedhtee deebii gibiraa irratti gaafattu kun dhaalata. Marama- not sure here.

Akka itti kun tahes ibsa obbo Subramanyaan.

“wanti tahe waraqaa irratti, nuti baasii baafne kanneen akka gatiin manaa gadi buúu, suphaa manaa, kaffaltii kun kun hundi gatii galmee Wajjira gibiraa Australia irraa jiru kuma dhibba kuma shantamii shanittiin gahe. Kanaafuu,amma bu’aan argattan kuma digdamii shani, gibira kuma sadii haga kuma afurii kafalaa jedhamne. “

Galii wagga wagga kan Adoolessa (July)1 irraa haga Waxabajjii(June) 30 jiruuf deebiin gibiraa hojjetamuu qaba. Yoo deebii gibiraa hojjechiistee galchuu barbaadde, iyyata galchachuu ykn Onkololeessa (October)31 dura warra herrega gibiraa hojjetu qunnami.

“Marsariitiin Waajjira Gibira Australia odeeffannoo bu’’a qabeessa dhimma gibiraa ilaallatu afaan 36n ilaaluu dandeessu.



Share