Fayyaa fi nagooma mataa Dhiirotaa maaliif irraa dubbatamuu barbaachise?

Rear view of son and elderly father sitting together at home. Son caring for his father, putting hand on his shoulder, comforting and consoling him. Family love, bonding, care and confidence

Men often feel trapped by complex cultural values, beliefs, traditions, expectations, and perceptions of manhood. Credit: AsiaVision/Getty Images

Dhiirotni hedduun rakkina isaan mudatu keessatti cimanii akka itti fufan barsiifamu. Haa tahu malee yeroo abjuun Australia qubachuu isaanii dhugoomsu, waan baayyeen miira isaanii jeeqa, kun ammo hariiroo maatii yaaddootti galcha, hawwiin isaanii gara itti dukkanaa’uutti geessa. Dhiirota biyya haaraa kana ega qubataniin booda rakkoo biyyaa fi haalatti baruu dadhabuu qabaniif gargaarsi ni jira.


Tuqaalee Ijoo
  • Sagantaan Amala Dhiirotaa jijjiiruu jedhu, dhiirota amala jeequmsaa maatii keessatti uuman jijjiirama gaarii akka fidan gargaaruuf dhaabbate
  • Sagantaan kun namoota aada danuuf akka tolutti kan tolfame dha
  • Jireenya maatii keessaa fooyyessuuf, akkaataa jireenya Australia keessaatti gaheen hojii saalaan qoodamu jijjiiramuun aaka jiru hubachuu dha.
Jireenya gaarii Australia keessatti qabaachuun abjuu namoota haaraa Australia dhufan hundaa ti.

Garuu abjuu kana danqaa wayii mudachuu irraa diigumsaa maatii fiduu danda’a.

dhiirota umriin isaanii ganna kudha saddeetii (>18) ol tahan fi hariiroo isaanii keessatti jeequmsa ykn amala miidhaa dhimma bahaniif dhaabbata    jedhuu wal tahanii sagantaa jedhu dhiheessuuf.



Sagantaan Jijjiirama Amala Dhiirotaa ( )waggoota kudhaniif Australia keessatti hojjetaa jira. Akka namuu boodatti hin hafneef, amma iyyuu, aadaan wal simatee sagantaan kun dhiirota gara Biyya haaraa kana dhufan ni gargaara.

Sagantaan Maatii Cimaa Ijaaruu jedhu hojii dhimma fi hojii garee of keessaa qaba. Hojin garee kun afaan arabaatiin torban kudha saddeetiif deema, duraan ammo Taamiliin hojjetama ture.

Dhalataa Libaanon fi mijeessaan sagantaa Maatii Cimaa Ijaaruu duraanii Ghassan Noujaim aadaa tokko tokko keessatti yeroo hedduu dhiirotni akka mataa maatiitti ilaalamu jedha. Kun namni mataa maatii tahe kun waan soorataa maatiif dhiheessa jedhamee erraa eegama, sababa kanaaf inni dhagahamu qaba, waan inni jedhetu fudhatamuu qaba.

Obbo Noujiam, akka jedhutti yeroo bakka haaraa qubatan namootni duri hojii ogeessummaa hojjetaa turan amma sababoota gara garaan hojii dhaban gargaarsa fi furmaata dhabuun bir'uu fi jeequmsa miiraa adda addaa akka uume ibsa.
If I cry, I am not a man. If I ask for help or if I am weak, I am not a man.
Ghassan Noujaim
Obbo Noujaim akka jedhutti yeroo baayyee dhiirotni haala aadaa walxaxa tahe keessatti kufu, miira, hamlee, aadaa achii as-dhufaa, waan namni nama irraa eegu, akka dhiiraatti akki of ilaalan kun kun hundi haala wal xaxaa uuma.

Garuu abjuun hin guutamne tokko jeequmsa fiduu hin qabu.

 
Dr Sumbo Ndi leenjistuu jireenyaa fi hoggantuu garee gorsaa kan Relationship Australia kan kibba Australia jiruu ti. Jireenya gaarii akka hin jiraatne wanneen danqaa tahan tokk tokko hubachuu fi furuun jijjiirama gaarii fiduuf tarkaanfii jalqabaa yemmuu tahu akkuma kana ammo kana gochuunis ulfaataa fi qorumsa namatti tahuu danda’a jedhti.

Yoo tarii gaheen hojii eenyummaa namaatti hidhata tahe si'a tokko tokko bakka haaraa kanatti akkuma tasa of dhabuutu dhalata jedhti Dr Ndi.

Garagalchiin aadaa durii kun yeroo hedduu maatii gidduutti yeroo gaheen hojii jijjiiramee dubartootni warra hojjetanii waa dhiheessan yeroo tahan dhiirotni ammoo maatii manaa kununsan mul'ata.

Relationships Australia () kan kibba Australia jiru karaa projektii jireenya gaarii () jedhuun waa’ee gaja’umsa maatii keessaa Afrikaanota dhiirotaa fi dubartoota akkasumas dargaggoota Adelaide jiran barsiisuuf dhaabbate.

Jeequmsi maatii keessaa yeroo baayyee akka qaaniitti ilaalama, garuu fulaa fulaatti karaa Nageenya qabu fi wal tumsi jirutti yoo dubbatan qofa jijjiiramni cimaan dhalalachuu danda’a jedhti Dr Ndi,

"Isa gara qaama namaa rukuttaan miidhuu jedhu qofa hubatu, garuu kanneen akka miira namaa miidhuu, qor-qalbii namaa miidhuu, miidhaa saalaa ykn miidha dinagdeen tahu kana kana hunda dubbachuun barbaachisaa dha. R."

Miseensotni hawaasaa jireenya Australia keessattiiitti yeroo madaqaa jiranitti ilaalchaa fi muuxannoo walii akka wal irraa baratan, jireenya gaarii fi maatii cimaa akka ijaaran jajjabeessiti Dr Ndi.

Yeroo tokko tokko ammo tarii jijjiiramni gahee saalaa ykn gender roles, karaa biraatiin walitti dhufeenyi gaarii akka uumamu tolchuu mala jedhti.

Dad with laundry  Getty Images_MoMo Productions  .jpg
Men's mental health matter, because their mental health and overall well-being are fundamental to the overall wellbeing of the community.
Hogganaan gartuu Relaships Australia kan NSW() fi barnoota hawaasaa, Andrew King barreessaa fi ogeessa fayyaa dhiirotaa ti.

Ijoollee keessaniif waan gaarii dhiisuuf isin ammumaa jijjiirama agarsiisuu eegaluu dha jechuun yaada dhiheessa.

"Ijoolleen keessan wagga kudha saddeeti yeroo guutan akkam akka tahan fedhtu? Waa’ee keessan maal akka dubbatan jaallattu? Galatoomi abbaa ko, waan goote hundaaf……. Jedhanii Hima isaanii maaliin akka xumuran barbaaddu?

Dhiirotni yeroo hedduu dhiira tahuu isaanii waan itti himama guddatan irraa kan ka’e miira isaanii karaa sirna hin taaneen ibsatu jedha obbo King.

He says, unfortunately, men have learnt to hide their feelings as they grow older and form relationships.
Kan nama gaddisiisu, dhiirotni miira isaanii dhokfachuu barsiifamu akkuma guddachaa dhufanii fi hariiroo ummataa deemaniin.

Wanti dhugumatti barbaachisaa tahee argamu, namoota jireenya isaanii keessatti isaan barbaachisan waliin hariiroo gaarii qabaachuu fi miira ofii qooduufiif, dhiirotni hima dulloomaa ijoollummaa isaaniitti itti himamaa guddattan tasuma of irraa dhiisuu qabu qabu jedha obbo King.

Miirri fi fedhiin ukkaamamee ture akkuma volkaanoo dhohee gara amala aggaammii/duchisaatti geessuu danda’a jedha.

Utuu waliin dubbachuu hin eegaliin dura toftaalee mataatti qabachuu qabanis gorsa:
  • Suuta jedhanii waan namni biraa jedhu caqasuu
  • koo fudhuu caalaa yaada nama sanaa kabajuu
  • Miiraa of fedhii ofii of irratti hubachuu
  • Humni namaa yeroo gad tahan tasgabbahaa waan tahuuf taa'anii haasa'uu
  • Of irraa bu'anii taa'uu
  • Haasawa dura farshaa'uu ykn waan surrii miidhu fudhachuu dhiisuu
Child on shoulders in sunset   Getty Images_Aliyev Alexei Sergeevich.jpg
Men are often fathers, brothers, and partners, and their mental health has a direct impact on their families. A man's wellbeing can influence the emotional health of his loved ones.


Jijjiiramaaf of qopheessuu jajjabeessiti Dr Ndi gama ishiin.
It is okay to struggle sometimes. It is okay to speak up, and it is okay to ask for help.
Dr Sumbo Ndi
Odeeffatnoo wal fakkaataa sagantaa Relationships Australia walii gala biyyaa irraa argachuuf , tuqi. ykn 1300 364 277 bilbili gatuma bilbila mana si kafalchiisa.

Dhiirotni miirri isaanii miidhame ykn yaaddoo hariiroo yoo qabaatan Australia lakkoofsa 1300 789978 bibiluun gorsa tolaa argachuu danda’u. guyyaatti sa’a 24 hojjetu.

Afaan hiikkaa yoo barbaadde karaa bilbila
13 14 50 bilbilii dhaabbata dubbisuu barbaadde sana karaa warra afaan hiikkaa kana gaafadhu. .

Share