Tuqaalee Ijoo
- Manni waliin qooddatan mana namootni firooma hin qabne waliin galanii keessa jiraatan dha.
- Gatiin jireenyaa dabalaa deemuun namootni mana waliin jireenyaa akka qooddatan dirqisiiseera
- Nama qabeenyaa sana siif kireessuuf jedhuu fi seera-qabeessummaa qabeenyaa sanaa mirkaneeffachuun barbaachisaa dha.
Rakkoon gatii jireenyaa akkuma guddachaa dhufeen namootni mana waliin jireenyaa barbaadaa jiru. Biiroon Istaatistiksii Australia (ABS) “mana waliinii” jechuun maatii namoonni lamaa fi isaa ol walitti dhufeenya hin qabne, umuriin isaanii waggaa 15 fi isaa ol ta’e waliin jiraatan jechuun ibsa.
Claudia Conley itti gaafatamtuu manneen jireenyaa hawaasaa kan sarara interneetaa irraan namootni dhuunfaa waliin mana qooddachuuf irratti waliin dubbatan gaggeesstuu ti, akkas jechuunis ibsiti.
“Mani waliin qooddatan, kan namoota firooma hin qabnee fi hiriyoottan gaa’elaa keessa waliin hin jirree mana tokko keessa waliin jiraatanii fi kiraa manaa qooddatan, kaffaltii qooddatanii dha, ” jechuun ibsiti.
It's not only younger people who are seeking shared accommodation. Credit: Klaus Vedfelt/Getty Images
"Akka jedhamutti kanneen mana waliin jireenyaa fayyadaman namoota umriin isaanii ganna 35 gadii ti jedhama, dhugaatti garuu kun waggaa dabre kana keessa dhibbantaatti harka kudhan gadi hiri’’isuutu mul’’ate. Akkasumas ji’’oota 12 dabran kana keessa maammiltootni keenya ganna shantamii shanii ol tahan, mana jireenyaa waliinii fayyadamuutti dhibbataa 10 ol dabaluu agarre."
Ulfaatina dhaba maallaqaa
Baasiin jireenyaa dabaluu isaatiin lammiileen Australia hedduun baasii isaanii hir’isuu fi filannoowwan baajataaf mijatoo ta’an akka barbaadan dirqisiiseera. Akka Claudia jedhtutti, sababa dhalli dabaluu irraa, manneen jireenyaa waliinii waggoota lamaan darban keessatti Jaallatamaa dhufeera.
“Waggoota lamaan darban keessa fedhiin mana jireenyaa waliin dhugumaan samii rukuteera jedheen tilmaama, kunis sababa baasiin jireenyaa dabaluu fi sababa rakkoo kiraa manaa irraa kan ka’e dha. Mana waliin jireenyaa ykn waliin qooddannaa keessa jiraachuun amma illee namootaaf mi’aa ta’uu akka danda’u ifaa dha, akkasumas baasii of danda’’e qabaata, garuu kiraa Qofaatti fudhatan waliin wal biraa qabamee yoo ilaalame baayyee gatii madaalawaa dha. ”Dhugaa dubbachuuf, hordoftootni keenya dhibbeentaan 85 sababa maallaqaatiif mana waliin jireenyaa keessa jiraatu, dhugaan tokkos maallaqa qusatanii mana ofii isaanii bitachuuf ykn haala jireenyaa isaanii irratti hundaaweeti mana waliin jireenyaa fayyadamu. Sanatus irra madaalawaa dha waan taheef. “ jedhti.
Namoota dhuunfaa rakkoo maallaqaa isaan mudatu qofa osoo hin taane, godaantotni haaraa dhufan mana kireeffatnii hin beeknes, mana waliin jireenyaa kana barbaadu
Rising cost of living means that more people are seeking to share a house with others. Credit: Rafael Ben-Ari/Getty Images
“Keessattuu godaantotni haaraan, yoo duratti mana kireeffatanii hin beekan tahe, mana argachuuf baayyee rakkatu kanaaf , gara mana jireenyaa waliiniitti fuula deebifatu," jedha obbo Kaindal itti dabalee.
Obbo Kaindal akka jedhutti, gabaa dorgommeen itti heddummate kana keessatti mana waliin jireenyaa akka filannoo caaluutti mul’isuuf dhiyeessii fi fedhiin gahee guddaa taphatu.
“Mana tokko gabaatti yeroo dhiheessinu torban jalqabaa sana keessatti iyyanno gara afutamaa haga dhibbaatu galee arganna. Kun godaantota haaraa dhufanii fi akkasumas namoota jiraata asii tahanii, sababa gatii gaariin argachuuf jecha mana isaanii gurguranii kiraa barbaadaniif baayyee ulfaataa dha. ”
Navigating the shared housing market can be challenging, especially with the increasing prevalence of scams targeting potential tenants.
Akka gabaa aadeffatameetti mana jireenyaa waliin qooddachuu
Kireeffattootni durumaan mana keessa jiraatanis mana jireenyaa isaanii kireeffachuun kiraa manaa qooddachuu danda’u, garuu dursanii abbaa qabeenyaa irraa hayyama argachuu qabu, jechuun ibsa obbo Kaindal.
“Namni tokko itti gaafatamaa tahuu ykn lamanis tahuu dandaú, hunduu kiraa yeroon ofi irraa kafaluuf gaafatama qabu. Waliin kireeffatuun akka kanatti hojjeta. Namni mataa tahe, waan hundattuu gaafatama qaba, inni ykn ishiin abbaan gaafatamummaa fudate sun warra mana kireessan waliin yeroo hunda hasawni tahu yoo jiraate waliin dubbatu jechuu dha."
Abbaan qabeenyaa mana tokko osoo mana keessa jiraatu yoo kireessee nama biraa waliin qooddate, waan barbaachisu hunda guutee mijeessuuf itti gaafatamummaa qaba.
"Bakka itti nyaata qopheeffatan fi mana dhiqannaas adda addaa qabaachuu qabu,akkasumas qulqullina manaa eeggachuu ilaalchisee daangeffamni tokko tokko jiraachuu qaba. Manicha mana waliin jireenyaa gochuuf wal hubannoo fi waliigaltee bilchina irratti hundaa’ee waliin qabaachuu barbaachisaa dha, "jedha obbo Kaindal.
Wal-dhabdee furuu
Wal-dhabdee hatattamaan furrudhaan mana jireenyaa waliinii, hundaaf mana naga qabeessa taasisuun akkaan murteessaa dha. Kireeffattoonnii fi abbootiin qabeenyaa falmiin kami iyyuu akka hin uumamneef, walii galtee isaan gidduu jiru hunda barreeffamaan akka kaa’an gorsiti aadde Conley.
“Qaamoleen lameenuu waan hunda iyyuu kanneen akka hagamiif manicha keessa akka jiraachuuf deemtuu dabalatee, barreeffamaan akka lafa kaa’an jajjabeefamu. Kiraa manaa meeqa kaffalta? Boondiin Hagami? Yoo waa cabe maaltu kafalama, waanneen xixiqqaa ka’uu malan barbaachisoo hunda barreeffamaan taa’ee qaamni lameenuu itti mallatteessuu qabu."
Serious mature couple receive professional advice Credit: JohnnyGreig/Getty Images
Mana waliin jireenyaa ilaalchisee gowwomsaa(Scams) insharhousing
Sababa gowwomsitootni(Scam) toora internetaa irraa baayyataniif akkasumas kireeffattoota xiyyeeffataniif, gabaan mana jireenyaa waliinii maal akka fakkaatu sakatta’anii ilaaluun rakkisaa tahuu danda’a.
Aadde Conley, gowwomsitootni akka jiraachuu danda’’an ni beekti garuu ittisuun akka dandaámus cimsitee dubbatti.
“Yoo namni toora interneetaan ergaa siif ergee atis deebiftee qunnamte, namni sun ammoo Melbourne keessatti mana jireenyaa bareedaa kan magaalattii gadi ilaalu, guutummaatti meeshaalee manaa qabu siif dhiheessina. Mijaa'ina ajaa'ibaa fi meeshaalee haaraa kana hunda qabda torbanitti doolaara 200 kafalta siin jedha. Sun dhugummaan isaa baayyee shakkisiisaa akka tahe ni hubatama, salphaadhumatti kun gowwomsaa(scam) tahuu danda’’a.”
Utuu qaamaan si hin argin tajaajila kennitootni toora interneetaa yeroo tajaajila sii kennuuf ykn meeshaa siif dhiheessuuf si qunnaman, of eeggannoo gochuun gaarii dha jedhti aadde Conley ammas. Warra waa sii dhiheessuu fedhan kana waliin, keessattuu yoo qaamaan wal arguu hin dandeessan tahe baayyee of eeggachuu dha jechuun gorsiti.
“Yoo namni tokko siin wal arguu akka hin dandeenye sababa gara garaa dhiheesse, sun gowwomsaa tahuu dandaá, kun waan ilaallachuu qabdu dha.”
Keessattuu warra gara Australia deemuuf karoorfataniif, seera-qabeessummaa qabeenyichaa fi eenyummaa nama waliin wal qunnamtu sanaa mirkaneessachuun barbaachisaa dha.
"Kun tarii garmalee rakkisaa siif ta’uu danda’a, sababiin isaas osoo asi hin gahin dura dursitee bakka qubattu qindeeffachuu barbaadda taha. Garuu akka ilaalcha kiyyaatti, dhugummaa isaa mirkaneeffachuun karaa Nageenya qabu ati itti gowwomsitoota of irraa ittisuu dandeessu dha."
Subscribe or follow the Australia Explained podcast for more valuable information and tips about settling into your new life in Australia.